Olompikii Tookiyoo: 'Atileetiin lukni qabamnaan maal kaata? Hin kaatu! - Ogeessa maasaajii

Dirree atileetonni Itoophiyaa Olompikii Tookiyoof qophii itti taasisaa turan keessatti atileetonni ammas ammas ogeeyyii maasaajii bakka tokkotti walitti qabaman bira dhaquun gargaarsa argatu.
Osoo dorgommiin hin eegalin, gidduuttillee, erga xumuran boodas ogeeyyiin kunneen sarbaa akkasumas maashaa atileetotaa sukkuumu.
Waan diddibaniis qabu. Miila diriirsanii, kottonfachiisu.
Kunis jiruu guyyuu Inispeektar Girmaa Getaachoo itti jiraniifi kaan kan isaan waliin hojjetaniiti.
Akkuma leenjisaan, ogeessi fayyaa, kan nyaata qopheessuufi kaanis barbaachisan ogeeyyiin dhimmi isaanii hammana hin dubbatamnees gumaachi isaan milkaa'ina atileetiksiif qaban olaanaadha.
''Tiraakiirra yeroo shaakallu qaamni keenya daran akka qophii ta'u, shaakala saffisa dabaluu yoo hojjennu miidhamni akka nu hin qunnamne, isaan erga miila nuuf diriirsan booda seenna,'' jechuun hima Atileet Solomoon Baaraggaa.
Hojiin ogeeyyii kanaa garuu dirree qofatti hafa miti. Lafa dorgommiin jiru, biyya keessas ta'e ala, manattis ta'u yeroo barbaachisaa ta'etti maasaajii dalagu.
'Nu wajjiini rikardiin'
Kilabii Poolisii federaalaa keessa ogeessa maasaajii kan ta'an Inispeektar Girmaan gumaacha ogeeyyii akka isaanii malee atileetonni ni rakkatu jedhu.
''Hin cima. Torbee tokkotti al sadii, al lama fudhachuu baannaan deebi'aniituma haarawa ta'an, '' jedhu.
Dirreen ala lafa atileetonni boqotaniitti maasaajii ni taasisu.
''Dur yeroo nuti kaannu kuni hin turre. Amma garuu saayinsawaa ta'eera,'' jedhu ogeessii maasaajii waggoota 17'f hojii kana keessa turan yeroo BBC'tti dubbatan.
Akka isaan jedhanitti, atileetonni dur yennaa miidhaman yookiin meelatan qofa ogeessa bira dhaqu.
''Dur irra turee yeroo hojjechiisuu dhowwe jalqabna. Amma garuu akkas miti, jala jalatti.''
''Hayilee G/Sillaasee gara waggaa shanii, Xurunash, Ganzabee fa'i mana isaani guutuu gara waggaa afurii shanii hojjedhe,'' jedhan.
Gazzaahany Abarraa, Daraartuu fa'i, Tasfaayee Tolaa fa'if dalaguullee himu.
Ogeeyyiin isaan waliin hojjetan gumaachi isaanii hammana beekkamtii hin arganne jedhanii yaadu jedhu ogeessi kuni. Isaanillee yaada walfakkaataa qabu.
''Baay'ee sammuu kan nu jeeqaa jiru kana. Nuti akka tajaajilaatitti tokkoffaadha jechuu hin dandeenya.''
''Atileet Haayilee yoo sukkuumnu san guyyaa tokko yoo hafne akka biraati ta'a. Nu wajjiini rikardiin. Lukni qabamnaan maal kaata? Hin kaatu!,'' jechuun BBC'tti dubbatan.
Faayidaa maasaajii
''Qaamni isaanii akka sirriitti diriiruuf, qophii akka ta'an, shaakala akka sirriitti hojjetan deeggara. Kan lammataa yoo xiqqoo istiraappoo kan godhu ta'e akka itti wayyaa'u godha,'' jechuun himu.
Maashaa ispoortiirra ture akka diriiruufi akkasumas maashaa kottonfate yoo jiraate akka bakkatti deebi'uuf akkasumas atileetiin boruf akka qophii ta'u ni gargaara jechuunis ibsan.

Bakka leenjiin ala miila sukkuumamuuf atileetonni mana ogeessota kanaallee ni dhaqu. Bakka hoteela qubatanittis tajaajila kana ni argatu.
''Bakka leenjii wayi yoo si qunname, akkasumas gara bosonaa deemnee yeroo shaakallu nu waliin deemanii nu gargaaraa jiru,'' jechuun isaan waliin hoteela seenanii isaan gargaaraa turuu hima 10,000m biyya kan bu'u Solomoon.
Qorannooleen garaa garaa maasaajiin miidhama xiqqeessuuf, yoo miidhamni jiraates dhukkubbii xiqqeessuuf, qaamni akka gammadu, akka ajajamu akkasumas akka cimina dabalu taasisa jedhu.
















