Olompiikni ho'a jabaan dabaalame atileetotatti qormaata ta'e

Madda suuraa, Reuters
Haalli qilleensaa ho'aan Jaappaan haala hamaan dabalaa adeemuun atileetota Olompiika Tookiyoorratti hirmaatan akkaan miidhaa jira.
Haalli qilleensaa Olompiikiin kun itti gaggeefamaa jiru seenaa dorgommii kanaa keessatti warreen hammaatoodha jedhaman keessaa tokko ta'eera.
Sagantaan yeroo dorgommiilee hedduun sababuma ho'a jabaan yeroon jijjiramee ganama gara barii ykn galgala akka ta'u ta'eera.
Dorgommiiwwan kana keessaa tokko dorgommii maaraatoonii dubartootaati. Dorgommiin tarkaanfiifi maaraatoonii magaalaa Tookiyoorraa fageenya km 800 irratti lafa haalli qilleensaa wayyoo qaba jedhamutti gaggeefame.
Ho'a kanaan atileetonni fi milkaahina sagantaa kanaaf dargaggoonni bilisaan hojjetan akkaan miidhamaa jiru.
Hojjettootni sagantaan milkeessuuf bobbaafaman 30 ho'a akkaa oliin miidhamaniiru.
Torban dura BBC'tti dubbattee kan turte pireezidantii Federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa atileet Daraartuu Tulluu ho'i jabaan jiru atileetota Itoophiyaaf gaarii ta'uu dhiisuu akka danda'u dubbattee turte.
Sababni isaas atileetotni Itoophiyaa gara Olompiika Tookiyoo kan deeman waqxii gannaa, roobaafi qorraa Itoophiyaa walakkaatti ta'uu ibsite.
Ta'us haalli kun hirmaattota dorgommichaa hundaaf walfakkaataadha jette.
Halkan edaa dorgommii Maaratoonii dubartootaa lafa qabbana qaba jedhamutti dorgomame irrattis atileetonni Itoophiyaan hirmaachiste sadi keessaa lama dorgommii osoo hin xumuriin adda kutan.
Olompiikni Tookiyoo ho'a jabaa keessatti dorgommii itti fufuun balaa qabaachuu agarsiiseera jedha The Guardian.
Yoo xiqqaate taphattootni teenisa lama kan biyya Kaazaakistaaniifi Ispeen ho'a dadhabanii tapha walakkaatti adda kutaniiru. Kan wiilcheriin dirree keessaa baafamtes jirti.
Gariin ammoo sababa fayyaaf jecha gidduutti boqannaa gabaabaa akka bahan godhamaa ture.
Taphataan teenisaa lammii Raashiyaa ''Taphicha nan xumura ture garuu ammoo naan du'a, osoon du'ee gaafatama ni fudhattuu?'' jechuun tapha booda yaada kenneera. Afuura baafachuu akka dadhabaa tureefi ijjisaas arguuf rakkachuus dubbateera.
Dirree keessatti kufuuf qophaayeen tures jedhe.
Atileetotni Ameerikaa ammoo biyya isaanii caala Tookiyoon ho'a jabaa keessummeessaa waan jirtuuf bishaan hedduu dhuguun qophaayaa akka bahan Rooyitarsitti himaniiru.
Qopheessitootni sagantaa kana atileetotni dhiibbaa sababa ho'a akka maleen dhufu to'achuu waan isaan gargaaru hunda akka argatan tarkaanfiin fudhatan bu'aa argamsiiseeras jedhameera.
Koronaan yaaddoo hammaataa ta'ee argamuu isaatiin xiyyeeffannaan garasitti naanna'e malee yeroon dorgommiin kun itti gaggeefamu Jaappan waqtii hoo'a cimaa itti galmeessitu waan ta'eef qophiin irratti godhamaa ture.












