Koreen Olompikii Itoophiyaa pirezidantii filachuu ibsus Federeeshiniin Atileetiksii mormeera

Madda suuraa, EAF
Koreen Olompikii Itoophiyaa guyyaa Wiixataa yaa'ii gaggeessuun Pirezidantiifi miseensota Koree Hojii Raawwachiiftuu haaraa filachuu isaa beeksiseera.
Akkaatuma kanaanis waggoota afran darbaniif pirezidantii ta'un kan tajaajilaa turan Dr Ashabbir W/Goorgis waggoota dabalataa afuriif filatamuu hime.
Atileet Biraanee Adareefi Hayilee G/Sillaasee immoo Pirezidantii I/Aanaa Koree Olompikii Itoophiyaa ta'un filamuu, xalayaan koreen kuni Koree Olompikii Idiladdunyaaf erge agarsiisa.
Haa ta'u malee, 'adeemsa filannoon taasifameefi murteen cabuu mormuun' atileetonni, qondaaltonni pirezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Daraartuu Tulluu dabalatee waajjira Koree Olompikii Itoophiyaatti bahuun mormii dhageessisaniiru.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaas qondaala federeeshinicha bakka bu'un yaa'ii Koree Olompikii Itoophiyaa irratti hirmaatan ugguruu beeksiseera.
Akka qondaaltonni federeeshinii atileetiksii jedhanitti Dr Ashabbir qofaa dhihaatanii qofaa filamani. Akkaataan koreen walgahii taa'e 'morkattoota cimaa hambisuuf kan kaayyeffate ta'uu mala' yaada jedhu qabu qondaalli kun.
Dabalataan, 'chaartariin koree Olompikii Idil - Addunyaa cabuu' himatu.
Kanaafis, 'rakkoo adeemsaa koree Olompikii' mormine jedhu Dubbii Himaan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Silashii Bisraat. Kana dura, yaa'iin korichi Baahirdaariifi Hawaasaa taasisuuf ture 'dhowwamuu' himu.
Ta'us, ''Hawaasaa irraa gara Finfinnee deebi'uun waajjira koree olompikii keessa dunkaana buusanii komishinaroota ispoortii naannolee muraasa argamaniin hanga ganama sa'aatii 4:00'tti filannoo gaggeessanii yeroo xumuranitti kan mormii dhageessisan,'' jedhan.
Dhimma kana irratti ammatti hoogganni Koree Olompikii Itoophiyaa waan dubbate hin qabu.
Maaltu ta'e?
Waldhibdeen Pirezidantii Koree Olompikii Itoophiyaafi miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu korichaa ta'un waggaa afurif tajaajilte Daraartuu Tulluu gidduu jiru haaraa miti.
Kana dura Daraartuun Pirezidantiin Koree Olompikii Itoophiyaa 'Dr Ashabbir na hacuucaa jiru' jechuun mormii dhiheessitee, dhiifamni erga taasifameefi booda hojiitti deebite.
Akkaataa Koreen olompikaa filannoo gaggeesse jedhetti taanaan Daraartuun ammaan achi miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Koree Olompikii Itoophiyaa miti. Bakka isheen kaan bu'aniiru.

Madda suuraa, EOC/FB
Olompikiin Tookiyoo ganna dhufu waan gaggeeffamuuf immoo federeeshinoota hunda keessaa kan atileetota gara caalu waltajjii ispoortii kanarratti gumaachu federeeshinii atileetiksiiti. Kanaafis, fuula duratti bahanii mormuu federeeshiniin atileetiksii himeera.
Akka Obbo Silashiin jedhanitti kana dura yaa'iin koree olompikii si'a lama taasifamee filannoon hooggansa haaraa waggaa dhufutti akka darbu waliigalamee ture.
''Olompikii Tookiyoo booda yaa'iin waliigalaa taasifamee filannoon [kan pirezidantii Olompikii] taasifama. Amma yeroo olompikii waan ta'ef kan jiruun itti haa fufu kan jedhu waliigalteen waloo ture. Amma waliigaltee sanatu cabe'' jedhan
Sababni lammataa, ''Koreen Olompikii Itoophiyaa chaartara koree Olompikii Idil - Addunyaa raawwachiisaa hin jiru. Chaartariin cabeera,'' jechuun himatu.
''Miseensa koree olompikiif sadarkaan barumsaa akka ulaagaa tokkotti kaa'amuu. Inni biraa immoo hooggansi koree olompikii keessumaa pirezidantichaa waggaa saddeeti kan jedhudha,'' jechuun ibsu.
Gaaffiiwwan kana kaasuunis guyyaa Wiixataa atileetonni Olompika irratti Itoophiyaa bakka bu'an, pirezidantii federeeshinii atileetiksiifi kaan 'adeemsi kuni sirratuu qaba ejjennoo jedhu qabataniiru' jechuun himu.
Yaaddoo qabna jedhani kanas Koree Olompikii Idil Addunyaaf xalayaa akka erganiifi eegaa akka jiran akkasumas biyya keessaa immoo Komishiniin Ispoortii federaalaafi kutaan ispoortii Ministeera Aadaa akka mari'ataa jiran himan.

Madda suuraa, EFF
Federeeshinootni kaan maal jedhan?
Akka qondaalli federeeshinii atileetiksii BBC'tti himanitti ejjennoo isaanii kana ''federeeshiniin teenisii, daartii, kubbaa kachoo ni deeggaru.''
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ibsa Wiixata galgala biyya Kotidivu'aar gareen Itoophiyaan gulaallii Waancaa Afrikaa 2021'f morkachuu dhaqerraa walgahuun baaseen, qondaaltota lama ugguruu hime.
''Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beekamtii osoo isaaniif hin kenniin filannoo Koree Olompikii Itoophiyaa irratti argamuun kan filatan walitti qabduun misoomaafi dorgommii kubbaa miilaa dubartootaa hanga yaa'ii 13ffaatti ugguramtanii akka turtan murteen darbeera,'' jedha xalayichi.
Dabalataan, qondaala beekkamtii federeeshiniin ala xalayaa barreessan kan jedheen hoogganaa I/Aanaa waajjiraa federeeshinichaa guyyoota 20'f ugguruullee ibse.














