Ejjennoo Atileet Daraartuu Tulluun Koree Olompikaa irratti fudhatte

Atileet Daraartuu Tulluun dorgommiiwwan maaraatoonii irratti injifatte keessaa agarsiisu

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Daraartuu Tulluun 'rakkoon' Koree Olompikii Itoophiyaa keessaa furamuu yoo baate koree kana keessaa akka baatu himte.

''Fuulduratti wanti kun yoo hiikame wajjiin hojjechuu dandeenya, haala ammaa kanaan kan itti fufu yoo ta'e hin hojjedhu,'' jechuun BBC'tti himte.

''Koreen waliin hojjennu hanqina qaba. Akka koreetti wanti hundaa nuun ilaallata. Nu hundimtiyyuu hirmaachuu qabna. Waliin murteessuu qabna. Namni tokko ykn lama murteessuu hinqabu'' jechuun kanaan ala ispoortii akka miidhu himte.

Koreen Olompikii Itoophiyaa murtoo kennurratti mariin murteessuu dhabuufi qajeelfama hordofee hojjetuu dhabuu kaafte.

Koreen Olompikii Sambata darbe Yaa'ii Waliigalaa isaa Naannoo Amaaraa Magaalaa Dabra Birhaanitti taa'ee irratti pirezidantii federeeshinii atileetiksiif xalayaa waamichaa hin ergin hafeera.

Waamichii isaan bira gahuu dhabus Itti-gaafatamaa waajjiraa federeeshinichaa waliin Atileet Daraartuun hirmaachuu ishee federeeshinicha irraa odeeffanneerra.

Kunis, dorgommiin guddichi Itoophiyaan Olompika irratti hirmaattu atileetiksii waan ta'ef biraa hin hafnu jennee deemne jechuun Atileet Daraartuun BBC'tti himte.

Sababa otoo hin waamin hafaniif akka hin ibsineefi gama mootummaatiin ''gaafa gaafataman tarii ibsuu danda'u jennee eegna,'' jetti Daraartuun.

Akka adeemsaatti Atileet Daraartuun Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Koree Olompikaa waan taateef akkasumas federeeshinii atileetiksii waan hoggantuuf waamichi taasifamuufi qaba ture.

Itti gaafatamaan Waajjiraa Koree Olompikii Itoophiyaa Obbo Taammiraat Baqqalaallee waamamuu dhabuu isaani mirkaneessu.

''Sababa hojiin baay'ateef xalayaan hin ergamne jira. Kanaanis yaa'ii sana irratti dhiifama gaafanneerra,'' kan jedhan Obbo Taammiraat namoonni kaan xalayaan bira hin gahiinillee akka jiran eeru.

''Xalayaan pirezidantoota federeeshiniif ergamu jira ture. Dogongorri eenyu bira jira kan jedhu ilaallee sirreessina,'' jedhaniiru.

Ejjennoo Atileet Daraartuu

Atileet Daraartuun erga miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Koree Olompikaa taatee birraa dhufu waggaa sadiif deema.

Wanti tibbana ta'e tarii kanaan dura waldhabdee hoggantoota koree Olompikii gidduutti keessumaa Pirezidantii Koree Olmpikaa Dr Ashabbir W/Goorgisiifi Daraartuu gidduutti dhalateen akka hidhata qabu himamus Daraartuun kana miti jetti.

''Ana waliin otoo hin taane miseensa koree Olompikii biraa ana biratti arrabsan (yeroos). Waanti isheerra gahe akka anarra qaqqabeettin yaada garuu, ana waliin wal dhabbii dhuunfaa hin qabnu,'' jechuun Dr Ashabbir waliin akka dhimma hin qabne himte.

Koreen Oolmpikii Itoophiyaa Miseensa koree hojii raawwachiiftuu namoota 10 of keessaa qaba.