Dorgommii Daayimand Liigii: Atileet Hagoos G/Hiyweet osoo hin goolabin dorgommii xumure

Madda suuraa, DIAMOND LEAGUE/IAAF
Dorgommii daayimand liigii Jimaata biyya Siwitzerlaand Luuzanitti dorgomame atileet Yoomiif Qajeelchaa irra aane.
Dorgommii kana irratti osoo marsaan fiigichaa tokko isa hafu atileet Hagoos G/Hiyweet waan xumure se'e jorroo fiigichaa qarqaratti gammachuu isaa ibsuuf bahe.
Haa ta'u malee, atileet Yoomiif Qajeelchaa duuba isaa hordofaa waan tureef fiigicha isaa itti fufun injifateera.
Silaa dorgommiin suni akkuma Hagoos G/Hiyweet hubateen xumurameera ta'e carraa injifatu ni qaba ture.
Haa ta'u malee, dogongoruu isaa yeroo hubatu fiigicha isaa itti fufus sadarkaa keessa seenuu hin dandeenye.
Atileeti yeroo dheeraaf fiigicha fageenya kana fiigeefi muuxannoo horatetti dogongorri akkanaa hin eegamne ture.
Akkamin kuni ta'e?
Dorgommiin Jimaata galgalaa saffisa qaba ture. Atileetonni dorgommii kana dursanii xumuruuf garuu hammana waan onnatan hin turre.
Haa ta'u malee, atileet Hagoos dura-aantummaa fudhatee Yoomiif, Xilaahuun Baqqalaafi Abbaadii Haddiis of duuba aansee fiigicha itti fufe.
Dorgommiin xumuramuuf 700m yeroo hafu Hagoos saffisa dabaluun isaa fiigicha kana olaantummaan xumuruuf itti yaadeeti.
Garuu, dogongoree ture. Osoo 400m isa hafu daqiiqaa 12:00'tti fageenya 5,000m waan xumure se'ee qarqara jorroo fiigichaatti gammachuu isaa ibsatuf as bahe.
Ammallee dogongoruu isaa hin hubanne ture. Garuu, atileet Yoomiif inni duuba isaa ture fiigicha isaa yeroo itti fufu rifatee faana fiiguu eegale.
Atileet Yoomiif Qajeelchaan saffisa qabun itti fufee yeroo 13:00:56'n yeroo injifatu, Solomoon Baaregaan 13:01:99'n lammaffaa bahe. Atileet Xilaahun Baqqalaan immoo 13:03:99'n sadaffaan xumure.
Atileet Hagoos G/Hiyweet kan silaa injifachuu isaa labsaa ture 10ffaa ta'un dorgommii isaa xumure. Yeroon itti xumure 13:09.59 bareedaadha. Kana jechuun dorgommiin suni saffisa akka qabu hubachiisa.
Dorgommii booda Waldaa Federeeshinoota Atileetiksii Idil - addunyaaf yaada kan kenne atileet Yoomiif Qajeelchaan injifannoon isaa ofitti amanamummaa akka itti dabalu ibseera.
''Dorgommii magaalaa Shaangaayi booda fayyuuf yeroo natti fudhateera. Inni har'a injifadhe ofitti amanamummaa koo naa cimsa'' jechuun kan hime.
Dorgommiin diyaamand liigii waggaa waggaan magaalota addunyaa 14 keessatti dorgomama.













