Lattasanbat rikkardii addunyaa 10,000m Siifan qabatte guyyaa lamaan booda cabsite

Madda suuraa, World Athletics
Atileeti Lattasanabati Giday fiigiicha fageenya meetira 10,000n rikkardii addunyaa haaraa Siifan Hasaniin Dilbata darbe galmeeffame guyyaa lama keessatti cabsuun rikkardii haaraa galmeesite.
Lattasanbat Giday fiigicha fageenya meetira 10,000 dubartootaa daqiiqaa 29fi sekondii 01:03 tti galuun rikkardii addunyaa haaraa galmeessite.
Siifan rikkardii addunyaa fiigicha fageenya 10,000m dubartootaa kanaan dura Atileet Almaaz Ayyaanaatiin qabamee ture sekondii 10 oliin foyyeessuun ture Dilbata rikkardii haaraa galmeessitee kan turte.
Atileet Siifan, fiigicha meetira 10,000 kana daqiiqaa 29 fi sekndii 06.82 yoo galtu, Atileet Almaaz Ayyaanaa kanaan dura Olompikii bara 2016 irratti 29:17.45 galmeessuun hanga har'aatti rikkardii qabattee turte.
Amma ammoo Latasanbat Giday ammoo daqiiqaa 29fi sekondii 01:03 tti galuun rikkardii addunyaa haaraa galmeessuu dandeesseetti.
Odeeffannoon Atileetiksii Addunyaa irraa argame akka mul'isuutti, fageenya kanaan Lattasanbat Giday, Tirunash Dibaabaa, Almaaz Ayaanaa fi Masarati Dafaar qofatuu saffiisa rikkardii kana fooyyeessuu danda'e.
Kanaan duras dorgommii guyyaa Rikardii Adunyaa jedhamuun Ispeen magaalaa Vaaleensiyaatti bara darbe gaggeeffamee turerratti Lattasanbat Giday fageenya meetira 5,000 daqiiqaa 14 fi sekondii 6.62'n galuun rikardii Xirunesh Dibaabaa daqiiqaa 14 fi sekondii 11.15 bara 2008tti qabamee ture cabsuun ishee ni yaadatama.
Atileetiin umuriin ishee waggaa 23 ta'e kun fiigicha meetira 10,000 bara 2019 Dohaatti gaggeeffameen badhaasa birrii argattee ture.
Kanaafuu, Lattasanbati erga Onkolooleessa arbe rikkarii fiigicha eetira 5,000 Xurunesh Dibaabaatiin qabamee ture cabsiteen as kan har'aa kana waliin, rikkardii addunyaa fageenya lamaanuu- kan meetira 10,000 fi 5,000 kan isheeti jechuudha.














