Atileet Lattasanbat Giday rikardii addunyaa walakkaa maaraatoonii cabsite

Madda suuraa, NN Running Team
Atileetiin Itoophiyaa Lattasanbat Giday yeroo jalqabaaf fiigicha walakkaa maaraatoonii Dilbata har'a Vaalensiyaa, Ispeenitti fiigdee rikardii addunyaa galmeessite.
Lattasanbat riikardii addunyaa baatiiwwan muraasa dura atileetii Keeniyaa Ruut Chepgetichiin galmaa'e daqiiqaa tokko oliin fooyyessuun 1:02:52'tti xumurte.
Atileetiin Itoophiyaa biraa Yaalamwarq Yehuwaalaaw lammaffaa yoo baatu, Keeniyaa irraa Sheeyilaa Chepkiruyiin sadaffaa baate.
Olompikii Riyootti fiigicha 10,000m'n nahaasa kan argatte Latasanbat dorgommii ishee 1:02:52'tti fiigicha ishee xumurte.
Waggaa darbe Lattasanbat magaalaa kanatti riikardii addunyaa 5000m cabsiteetti.
Baatii Hagayya keessa Yaalamzarf riikardii maaraatoonii walakkaa galmeessituus sababa meetira muraasa hanqateef hin galmaa'in hafeera.
Yeroo ammaa riikardii addunyaa sadii jechuunis 5000m, 10,000m fi walakkaa maraatoonii qabdi jechuudha.
Dorgommii dhiirotaan taasifameen immoo atileetonni Keeniyaa tokko hanga sadii xumuraniiru.
Atileetiin Itoophiyaa Muktaar kadir jahaffaa bahuun xumure.














