'Abbaan fedhe yoo Giriinlaand fudhate dhimma keenya miti, waan doolaara bil. tokkooti' - Puutin

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin yeroo jalqabaaf dhimma Odoola Giriinlaand irratti dubbate.
Dhiheenya kana odoola kana of harka galfachuuf kan atakaaroo uumaa jiru Tiraamp sodaa nageenyaaf akka ta'e ibsaa ture. Kana keessatti ammoo maqaa Raashiyaa fi Chaayinaa kaasa.
Kanarraa kan ka'e deebiin Raashiyaa fi Chaayinaa akkaan eegamaa ture. Puutin kora Mana Maree Nageenyaa Raashiyaa magaalaa Moskootti Amajjii 21, 2026 gaggeeffamerratti yeroo jalqabaaf dhimma odoola madda waldhibdee taate kanaa dubbateera.
Dhimma Giriinlaand Raashiyaa akka hin ilaallanne ta'uu ibsuun yoo barbaadan US fi Deenmaark waliin mari'atanii dhimma furachuu qabanidha jedhe Putiin.
Puutin akkaataa qabiinsa odoola kanaa baroota darban keessa ture qeequun dubbate.
Wayita fedhiin Doonaald Tiraamp Odoola Giriinlaand irratti qabu Waashingitan fi biyyoota Awurooppaa walqoollifachiisuu eegalu Raashiyaan callistee ilaalaa ture.
Dubbiin Tiraamp taasisaa ture Raashiyaas kan mufachiise ture, garuu Moskoon hatattamaan deebii kennuurraa of qusattee turteetti.
Raashiyaan duraanuu naannawa Arkitik keessaa hirmaannaa cimaa qabdi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp wayita Daavoos, Kora Diinagdee Addunyaa irratti haasaa taasisu Giriinlaand fudhachuuf taarifaan biyyoota doorsisuu irraa xiqqoo duubatti jechuusaa ibseera.
Akkasumas odoola kana qabachuuf humna fayyadamuuf karoora akka hin qabne ibse.
Atakaaroon odoola kanaan walqabatee jiru, kan dhimma biyyoota atilaantik marsanii jiranii ta'e, gara xumuraatti deemaa jiraachuu ibse Tiraamp.
Odoolli gariin of dandeessee Deenmaark jalatti bultu- Giriinlaand naannawa Atilaantik keessatti madda rakkoo fi walitti bu'iinsaa taatee turteetti.
Yeroo jalqabaaf as ba'uun dhimma kanarratti ejjennoo Raashiyaa kan ibse Putiin, haasaan isaa Raashiyaan sochii Tiraamp odoola Giriinlaand fudhachuuf taasisaa jiru akka hin mormine akeeka.
Odoolli kun naannoo doolaara biiliyoona 1 caalaa akka hin baasnes dubbate.
''Giriinlaandiin walqabatee wanti ta'aa jiru kamiyyuu dhimma keenya miti,'' jedhe Puutin.
''Giriinlaand tasuma harka Deenmaark galte. Biyyattiin ammoo akka kolonii isheetti ilaalti. Qabiinsi odoola kanaa baayyee hamaadha, gara jabina hamaatu mul'ata.''
''Sun dhimma biraadha, amma garuu namni hangas mara itti dhimmamu hin jiru,'' jedhe Puutin dabaluun.
Erga 2022 as bulchiinsota hedduu Yukireen harkaa baafachuuf waraanaa kan jirtu Raashiyaan deeggarsa maallaqaa fi meeshaalee waraanaa Deenmaark Yukireeniif kennituun mufattee jirti.
Ministeerri dhimma alaa Raashiyaa Tiraamp Moskoon Giriinlaandiin barbaaddi yaada jedhu akka qabu hubateera, garuu Tiraampiin qeequurraa baayyee of eeggate.
Tiraamp waraana Raashiyaa fi Yukireen karaa nagaan hiikuuf jaarsummaan gidduu galee tattaafataa jira, kanaaf warri Raahsiyaa isa qeequutti hin ariifatan.
Giriinlaand dabalatee waan inni fudhachuu barbaadu hunda akka milkaa'uuf barbaadu.
Ministirri dhimma alaa Raashiyaa Sargee Laavroov, odoolli qabeenya uumaan badhaatee fi loltoota US hedduu of keessaa qabdu Giriinlaand ''uumamaan qaama Deenmaark miti,'' jechuun Kibxata darbe dubbatee ture.
Puutin bara 1867 Raashiyaan doolaara miiliyoona 7.2n Alaaskaa Ameerikaatti gurguruu fi bara 1917 ammoo Deenmaark odoolaawwan qabeenya uumamaan badhaadhan Waashigitanitti gurguruu, achirraas lafa gurguruun akka cimee itti fufe kaase.
Gatii yeroo sana Alaaskaan ittiin gurguramtee fi sharafa har'a jiru akkasumas bal'ina dachee Giriinlaand ilaalcha keessa galchuun Giriinlaand doolaara biiliyoona 1 akka baastu tilmaame Puutin.
Kanaan US odoola kana Deenmaark irraa bitachuuf humna qabdi jedhe.
''Haala kanaan mari'atanii walgaluu danda'u jedheen yaada,'' jedhe.












