Seenaa Itoophiyaa shaampiyoonaa Atileetiksii addunyaa hanga ammaa

Madda suuraa, Getty Images
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti meedaaliyaafi Itoophiyaan akkasumas Afrikaan kan wal argan shaampiyoonaa isa jalqabaa Fiinlaand Helsiinkii irratti ture.
Dorgommii kana irratti meedaaliyaa Itoophiyaafi Afrikaaf kan jalqabaa ta'e kan argamsiise bara 1983 Atileet Kabaddaa Baalchaa maaraatooniin lamaffaa bahee Maatii yeroo injifateedha.
Xomboorri injifannoo dorgommii kanaa Atileet Kabbadaan Heelsiinkiitti eegale Roomitti hirmaachuu dhabuun gufachuun alatti dhufee hanga isa alanaa Ameerikaa Oriiganitti gaggeefamaa jirutti meedaaliyaa hedduun dabaalamee milkaahaa dhufe.
Seenaa shaampiyoonaa waggaa lama lamaan gaggeefamu kana keessatti hanga ammaatti meedaaliyaa hedduu injifachuun sadarkaa jalqabaarra kan argamtu Ameerikaadha. Lammaffaan Keeniyaadha.
Itoophiyaan shaampiyoonaa kanarraa meedaaliyaa argatteen addunyaa irraa sadarkaa torbaffaa Afrikaa irraammoo Keeniyaatti aantee sadarkaa lammaffarratti argamti.
Gaazexessaan Ispoortii buleessi Tashoomee Qadiidaa Itoophiyaan dorgommii kanarraa hanga shaampiyoonaan Origoon eegalutti meedaaliyaa 85 injifatteetti jechuun BBC'tti himan.
''Meedaaliyaa warqee 29, meetii 30, Nahaasa 26 dimshaashumatti meedaaliyaa 85 qabdii.''
Shaampiyoonaa kana keessatti Itoophiyaan seenaa addaa qabdi kan jedhan Tashoomeen, ''shaampiyoonaa kanarratti jalqabaaf yeroo hirmaattu atileet Kabbadaa Baalchaan maaraatooniin lammaffaa bahee Itoophiyaadhaafis Afrikaadhaafis meedaaliyaa jalqabaa kan argamsiise.''
Dorgommii kanaan meedaaliyaa takkittii Itoophiyaan argatteen addunyaarraa sadarkaa 15ffaa yeroo argattu, biyyi Afrikaa biraan gabatee meedaaliyaa keessa gale hin turre.
Yeroos Rippaabliika Dimookiraatawaa Jarmaniitu meedaaliyaa 19'n tokkoffaa, hanga warqee injifatteen kan caalamtee fi dorgommiiwwan ergasiin hedduu kan milkoofte US sadarkaa lammaffaa qabatanii turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Shaampiyoonaa lammaffaa Xaaliyaan Roomitti qophaaye ''namni garee Itoophiyaa leenjisee fuudhee deemu dhibuu isaatiin,'' Itoophiyaan dorgommicharraa hafuun alatti dorgommiilee kaan irratti hirmaachuu gaazexessaan kun ni duubbatu.
Itoophiyaan shaampiyoonaa isa 4ffaa Jarman Istuutgaartitti gaggeeffame irratti atileet Haayilee Gabrasillaaseen meetira 5,000 fi 10,000'n meedaaliyaa warqee fi meetii, atileet Fiixaa Baayyisaa ammoo Nahaasa argamsiisuus yaadatu.
Itoophiyaan shaampiyoonaa isa lamaffaa Room irraa erga haftee booda takkaayyuu dorgommii kanarraa ooltee hin beektu.
Injifannoowwan addaa Itoophiyaan dorgommii kanarratti argattee keessaa kan Istuutgaartitti Haayileefi Fiixaan meedaaliyaa sadii kan argatte warra eeraman keessaa ta'uu gaazexessaan kun ni dubbatu.
Hanga shaampiyoonaa isa shanaffaa Siwiidiin Guutenbeergiitti Itoophiyaan Afrikaarraa tokkoffaa ta'uun xumuraa baatus, dorgommii isa shanaffaa kana irratti garuu morkattuun ishee guddoon ammaa Keeniyaan warqee lama dabalatee walumatti meedaaliyaa jahaan injifatte.
Ateelitiksiidhaan morkiin biyyoota ollaa lamaanii dirree dorgommii kanaa Siwiidiinii booda jabaachuu eegale. Bara sana Itoophiyaan meedaaliyaa warqee tokkoofi Meetii tokko injifatte.
Ergasii Itoophiyaan Shaampiyoona isa saglaffaa bara 2003'tti Paarisiitti gaggeeffame irratti warqee sadii, meetii lamaafi, Nahaasa lamaan addunyaa irraa sadarkaa afraffaa qabattee xumuruun kanneen qabxii olaanaa argatan keessatti ramadama.

Shaampiyoonaa 10ffaa Heelsiinkiitti qophaaye irratti ammoo Itoophiyaan US fi Raashiyaatti aantee meedaaliyaa warqee sadii, meetii afuriifi nahaasa lama argatteen addunyaarraa sadaffaa taatee xumurte.
Kun bara Atileetotni Itoophiyaa walitti aansanii galuun addatti itti yaadatamaniidha. Meetira 5,000 fi 10,000 dubartootaan Itoophiyaan tokkoffaa hanga sadaffaa walitti aansanii galan.
Atileet Xurunash Dibaaba warqee lama yeroo injifattu qaama seenaa kanaa kan tura Masarat Daffaar, Biraanee Adaree fi Ijjigaayyoo Dibaabaati.
Meetira 10,000 dhiirotaan ammoo Qananiisaa Baqqalaa fi Silashii Sihiin tokkoffaafi lammaaffaa bahuun Helsiinkii kan hin dagatamne godhan.
Waggaa lama booda Osaakaa Jaappaan garuu shaampiyoonaan kun Keeniyaatti fuula garagalfate. Keeniyaan dirree Osaakaatti meedaaliyaa warqee shan dabalatee meedaaliyaawwan 15 injifachuun olaantummaa qabatte.
Ergasii Barliin, Deeguu, Moskoo, Beejiing, Landan, Doohaa jedhee hanga isa amma Origanitti Keeniyaan lakkoofsa meedaaliyaan Itoophiyaa dursaa jirti.
Shaampiyoonaa kanarratti hirmaannaa dubartootaa
Shaampiyoonaa kana irratti hirmaannaanis ta'e injifannoo meedaaliyaan jalqaba kan dhufan dhiirota.
Bara 1983'tti eegalee shaampiyoonaa hanga ammaa itti fufee meetira 5,000 fi 10,000'n olaantummaa itti argatte keessatti seenaan Heelsiinkii inni hin dagatamne kan raawwatame atileetota dubaraani.
Meetira 5,000 fi 10,000 dubartootaan Itoophiyaan tokkoffaa hanga sadaffaa walitti aansanii galan.
Atileet Xurunash Dibaaba warqee lama yeroo injifattu qaama seenaa kanaa kan tura Masarat Daffaar, Biraanee Adaree fi Ijjigaayyoo Dibaabaati.
Meedaaliyaawwan Itoophiyaan dorgommii kana isa amma Origoonitti gaggeefame osoo hin dabalatiin argatte 85 keessaa 40 kan ta'u kan galmeessan atileetota dubaraati.
Atileet Geexee Waamii, Daraartuu Tulluu, Warqinash Kidaanee, Xurunash Dibaabaa, Birhaanee Adaree, Masarat Daffaar, Ijjigaayyoo Dibaabaa fi kaanis atileetota dubaraa waltajjii dorgommii kana gubbaatti injifannoo argataniin yaadatamaniidha.
Atileetiksii Itoophiyaa hooggansa Daraartuu jalatti

Atileet Daraartuu Tullu atileetii Afrikaa dubartii jalqabaa warqee injifatteedha. amma ammoo Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa hoogganti.
Daraartuun jalqaba shaampiyoonaa kana irratti kan hirmaatte bara 1991 shaampiyoonaa Tookiyootti qophaayedha.
Meetira 10,000 kan dorgomte Daraartuun Tokiyootti osoo hin milkaahiin haftee waggaa lama booda shaampiyoonaa isa Barseloonaarratti warqii argatte.
Dubartoota Afrikaafis kaka'uumsaafi fakkeenyaa taate.
Ergasiisi dorgommiiwwan atileetiksii adda addaarratti injifannoowwan argatteen maqaa biyya ishee beeksisfteetti.
Atileetiksiin Itoophiyaa baroota ol ka'iinsaafi dadhabbiiwwan hedduu keessummeesse keessattis atileet Daraartuun qooda olaanaa qabdi.
Looreet Koloneel Daraartuu Tulluu waggota muraasa pireezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa taate keessattis danqaaleen ishee mudatanis, kaka'uumsa horuu dabalatee jijjiiramoota fiddeetti.
Daraartuu dura pireezidantii federeshinichaa kan ture atileet Haayilee Gabra Sillaasee fedhaan erga aangoo gadhiisee booda gaafatamni bakkichaa salphaa akka hin turre dubbateera.
Atileet Daraartuun pireezidantii Federeeshinichaa ta'uun kan filatamte ALI Mudde bara 2013 ture.
Erga Daraartuun hooggnsatti dhuftee, Itoophiyaan dorgommiiwwan Shaampiyoonaa atileetiksii lama, Olompiikii tokkoofi dorgommii mana keessaa tokko irratti qooda fudhatteetti.
Shaampiyoonaa Kataar Doohaarratti kan hirmaatte Itoophiyaan Warqee lama, meetii shaniifi nahaasa tokko injifattee deebite.
Injifannoon argame hanga eegamu ta'uu baatus fageenya Itoophiyaan ittiin beekamtuun injifannoon argameera.
San booda hooggansa Daraartuun Itoophiyaan Olompiika Tookiyoo irratti hirmaatte.
Dorgommii kana irratti Itoophiyaan meedaaliyaa afur fidde. Kunis seenaa Olompiikii keessatti qabxiilee gad-aanoo galmaahan jedhaman keessaa isa tokko ta'eera.
Dhibdeen Koree Olompiikiifi Federeshinii Atileetiksii gidduutti dhalatee ture milkaahina dhabuu garee Itoophiyaaf sababa akka ta'e ibsamee, qaamoleen lameen uummata biyyattii dhiifama gaafataniiru.
Sana booda gareen Itoophiyaa dorgommii mana keessaaf gara Beelgireed imalee, injifannoo uummatni eeguun milkaahe.
Pireezidant Daraartuun atileetiksii Itoophiyaa daandii milkaahinaatti qajeelchaa jiraachuu isheefis ragaa ta'e.
Itoophiyaan Beelgireeditti warqee afur, meetii sadiifi nahaasa lama injifattee addunyaarraa tokkoffaa taatee deebite.
Shaampiyoonaa alana Ameerikaa Origoonitti gaggeefamaa jiru irratti kaka'umsiifi miirri mo'annaa atileetotaa fooyya'uu isaaf qabxiileen argaman agarsiiftuudha.

Madda suuraa, Getty Images
Morkii Itoophiyaafi Keeniyaa dirree Shaampiyoonaa
Itoophiyaa fi keeniyaan daangaa qofa osoo hin taane dirree atileetiksii meedaaliyaa irraa hammaarratanis ni qooddatu.
Keessumaa fageenya dheeraan morkiin taasisan hanga ''kokkee walqabuutti'' jechuun ni danda'ama.
Haayilee fi Pool Teergaat Olompiika Ateens irratti meetira 10,000 akkatti wal injifatan kanaaf agarsiiftuudha.
Qananiisaafi Kipchoogeen riikoardii maaraatoonii garaagartummaa sekoondii lamaan qabachuun isaaniis akkasuma.
Atileetotni Itoophiyaa fageenya dheeraa meetira 5,000 fi 10,000'n saala lamaaniinu yoo injifatan, fageenya gidduugaleessaafi gufachiisaan ammoo Keeniyaanonni yoo injifatan arguun baratamaadha.
Yeroo dhiyoo as fageenyota lameenuu injifachuun beekaman irratti qormaata walitti ta'aa jiru.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Doohaatti gaggeefame irratti Lammeechaa Girmaa gufachiisaa meetira 3,000'n hanga xiqqoof warqee dhabus lammaaffaa bahuun isaa seenaa Itoophiyaa keessatti kan jalqabaati.
Dorgommii biyyoota lamaanis fageenya walii dhiisuutti akka hin daangeffamne agarsiisa.
Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa irratti Keeniyaan yeroo jalqabaaf gara gabatee meedaaliyaa kan galte Itoophiyaan booda Roomitti ta'us hanga ammaatti meedaaliyaa dorgommii kanarraa sassaabbatteen Afrikaarraa adda dureedha.
Shaampiyoonaa Origoon irratti Lammeechaan ammas lammaffaa bahee meetii injifateera. Gudaf Tsaggaayi ammoo meetira 1,500'n biyya isheef meetii fiddeetti.
Shaampiyoonaa kana irratti Itoophiyaa caala seenaa cululuqaa kan qabdu Keeniyaan isa alanaa kanaan hedduu hin milkoofne.












