Olompikii Tookiyoo: Seenaa Abbabaa Biqilaafi morkattoota maaraatooniin eegaman

Atileet Shuraan maaraatoonii Landan 2020 yoo injifatu Sisaay Lammaan sadaffaa bahe; lamaanuu Olompikiiratti dorgomu

Madda suuraa, Richard Heathcote/ Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Shuraan maaraatoonii Landan 2020 yoo injifatu Sisaay Lammaan sadaffaa bahe; lamaanuu Olompikiiratti dorgomu

Atileetiin jalqabaa Itoophiyaafi Baha [Afrikaa] irraa waltajjii Olompikii irratti warqii kan gonfate Abbabaa Biqilaan waggoota 57 booda ammallee ni yaadatama.

Olompikii Tookiyoo adeemsifamaa jiruun gareen maaraatoonii Itoophiyaa warqii fiduun seenaa Abbabaan kana dura dalage lammeeffachuu yaadeera.

''Seenaan Abbabaa Biqilaan galmeessu har'uma waan ta'e natti fakkaata,'' kan jettu atileetii gurraattii Afrikaa jalqabaa Olompikiirratti warqii argatte Daraartuu Tulluudha.

Seenaan Abbabaan waggoota dheeraa dura dalage Itoophiyaarra darbee ispoortii biyyoota Afrikaaf bu'uura guddaa ta'eera.

Bu'uurri inni yeroos kaa'e biyyoonni Baha Afrikaa ammallee madda atileetota fiigicha fageenya dheeraa akka ta'an taasiseera.

Haa ta'u malee, maaraatooniin baranaa seenaa guddaa kana dura atileetii Itoophiyaa Abbabaa Biqilaan galmaa'e atileetiin Keeniyaa akka qooddatu karra banuu mala.

Olompikii Tookiyoo baranaa sababa ho'aan magaalaa Tookiyoorraa 800km fagaatte argamtuufi Saapporoo jedhamuutti taasifama.

'Biyyi nu eega'

Atileetonni Itoophiyaa bakka bu'uun maaraatooniirra dorgoman: Atileet Shuraa Qixxaataa, Leellisaa Deessisaafi Siisaay Lammaadha.

Atileetonni dorgommiiwwan gurguddaa irratti irra deddeebbiin milkaa'an kunneen gulaallii biyya keessa taasifameen kanneen filatamanidha.

''Ofii keenyaallee medaaliyaa warqee eegaa jirra. Akkasumas biyyi akka nuti medaaliyaa warqii fidnu nurraa eega,'' jechuun Shuraa Qixxaataan dubbata.

''Seenaa inni [Abbabaa Biqilaa] injifatee biyyaaf seenaa kaa'ee deemee kana akka deebi'uuf tattaaffii gochaan jira.

''Dorgommii kana injifadhee seenaa Abbabaa Biqilaan gara biyyaatti ammallee deebisuuf,'' yaadan qaba jechuun BBC'tti hime.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Garee atileetiksii Itoophiyaa seenaa Abbabaa Biqilaa lammeessuuf yaade.

Morkataan isaanii cimaa atileetii Keeniyaa riikordii addunyaa harkatti galfateefi Olompikii Riyoorratti fageenyichaan warqii argate, Iluuyid Kipchoogeedha.

Maaraatoonii Landan 2020 irratti osoo addunyaan Kipchoogee eegaa jiru kan isa injifateefi yeroo jalqabaaf Olompikiirra kan hirmaatu Shuraan ''ofitti amantummaatin namni fiige mo'atuu ni danda'a,'' jedha.

Itoophiyaan kana dura Olompikii irratti maaraatoonii dhiiraan warqii afur argatte; lama Abbabaan, tokko Maammoo Waldee, kan hafe tokko immoo Gazzaahany Abarraatin Olompikii Siidnii irratti.

'Hiika addaa qaba'

Abbabaa Biqilaan osoo Tookiyootti Olompikii yeroo lammataaf maaraatooniidhaan warqi hin argatin dura Roomitti miila qullaan fiigee riikardii cabse.

Hanga yoonaa atileetiin biraa Olompikii irratti walitti aansee maaraatooniidhaan warqii injifate hin jiru.

Abbabaan Tookiyoo irratti 2:12:11'n xumuruun riikardii waggaa afur dura Roomitti galmeesse daqiiqaa sadii oliin fooyyessee riikardii haaraa galmeesse.

Wantoota Tookiyootti Abbabaan raawwate keessa inni biraa kophee godhatee fiiguufi dorgomtoota isaa daqiiqaa 4 oliin dursee xumuruu isaati.

Dabalataan, kana hunda kan raawwate oppireeshinii fayyaa godhatee guyyoota 40 booda ture.

''Nutimmoo Waaqayyoo nu gargaaree keessumaa immoo maaraatooniin ykn fageenya biraan warqii yoo fidne jalqaba kan maqaan ka'u kan Abbabaa fi kan Itoophiyaati.''

Atileet Leellisaa Deessisaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Dohaa 2019 irratti maaraatooniin warqii gonfate

Madda suuraa, Maja Hitij

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Leellisaa Deessisaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Dohaa 2019 irratti maaraatooniin warqii gonfate

Sababa kanaaf olompikiin baranaa ''Nuuf hiika addaa qaba,'' jechuun Daraartuun miira gammachuu keessa seenuun dubbatti.

''Kaleessa kan mo'eefi har'a kan maaraatoonii mo'u keessaa lammiileen Jaappaan Abbabaa caalsisanii ilaalu. Hin malaafis.''

Presentational grey line

Eenyutu eegama?

Waggaa shan dura Olompikii Riyoo irratti Kipchoogeen yoo injifatu Fayyisaa Leellisaan lammaffaa bahuun mallattoo mormii agarsiisee ijoo dubbii ta'e.

''Ammallee Olompikii irratti fiigee warqii argachuu akkaan nan barbaada. Yoon warqii argadhe milkaa'inakoo guddaa ta'a,'' jechuun baatii dura Kipchoogeen Rooyitarsiif dubbate.

Kipchogeen baranas yoo injifate maaraatoonii lama waldura aansuun injifachuun seenaa Abbabaa Biqilaa ni qooddata jechaadha.

Itoophiyaan Olompikii kana irratti Itoophiyaan atileetii Iluud Kipchoogeetti morkataa cimaa ta'u danda'u biroo osoo hin fudhatiin deemte.

Maaraatooniin atileetiin yeroo saffisaa addunyaa keessaa lammaffaa ta'e kan qabu Qananiisaa Baqqalaan sababa dorgommii gulaallii biyya keessaa hin figneef hin filatamiin hafe.

Olomikii Siidnii bara 2000 dorgomame irratti warqii kan argate Gazzaahany Abarraa garuu atileetiin Keeniyaa Iluud Kipchoogee ni injifata yaada jedhu hin qabu.

''Kipchoogeen ni mo'a jedhee yaaddoo guddaa hinqabu. Dorgommiin olompikii akka maaraatoonii Bostan, Chikaagoofi Landan atileetonni fiiganii nama fiigsisan (pacemakers) irratti dorgoman miti,'' jechuun hime.

''Garuu Kipchoogee kan mo'es wanta qabnuuf,'' jechuun Shuraa akeeke. ''Yoo wanti addaa hin uumamiin atileetonni keenya ni mo'u jedhee dubbachuu nan danda'a.''

Presentational grey line

Galmee seenaarraa

Dhaloonni isaa qe'ee baadiyyaa Dabra Birhaanitti dhihaattudha. Ijoollummaa isaatti tiksituu kan ture Abbabaan tapha qilleen cimaa ture.

Erga gara Finfinnee imalee booda umrii isaa 19'tti loltuu ta'un Kibur Zabanyaa keessa galmaa'e. Leenjisaa ispoortii lammii Siwiidin Onii Niskaananis achitti walbare.

Leenjisaan kuni ga'umsa isaa dursanii hubatanii waan turaniif Abbabaan akka fiigichatti jabaatu guddaa gargaaran.

Shaambal Waamii Birraatuu, ganna 105 kan amma lubbuun jiran, waan miidhamaniif ture Abbabaan, Abbabaa Waaqjiraa waliin gara Olompikii Room imaluu kan danda'e.

Ta'us, atileetiin Itoophiyaa yeroos ganna 28 ture ni injifata jedhee kan eege hin turre. Inumaa miila qullaa fiiguu isaan itti qoosamaa ture.

Abbabaa Biqilaan Olompikii Tookiyootti yeroo lammataaf maaraatonii mo'atee medaaliyaa fudhatu

Madda suuraa, Bettmann

Ibsa waa'ee suuraa, Abbabaa Biqilaan Olompikii Tookiyootti yeroo lammataaf maaraatonii mo'atee medaaliyaa fudhatu

Siidaa Aksuum bira gaafa geesse saffisa dabali waan jedhameef saffisa dabalee dorgommii sababa aduun waaree booda sa'aatii 11:30'tti eegalee dukkana keessa xomboraa loltoonni Xaaliyaanii qabatan bira darbaa mirgaan gale.

Sa'aatii 2:15:16'n injifachuu qofa osoo hin taane riikardii Olompikii cabsuun mo'ate. Taateen kuni ammallee seenaa ajaa'ibsiisoo ispoortii keessaa tokkodha.

Waggoota afur boodas Tookiyootti deebi'e fagootti injifate. Yeroo sadaffaaf bara 1968 Olompikii Meeksikotti sadeeffachuuf inni yaade garuu osoo fiigaa jiru waan miidhameef hin milkoofne.

Ta'us, lammiin Itoophiyaa biroo waliin ture Maammoo Waldee Dagaagaa warqii argate.

Akka Atileetiksii Addunyaatti boodarra milkaa'ina gonfateen sadarkaa Shaambal kan kennameef Abbabaan bara 1960 - 1966'tti maaraatoonii 13 fiigee si'a takka qofa injifatame.

Abbabaan dhalatee ganna 41'tti balaa konkolaataa isa qunnameen walqabatee bara 1973 lubbuun isaa dabarte. Kumaatamni bahanii owwaalcha isaarratti hirmaatan.

Seenaan isaa garuu ammallee lubbuun jira, hin owwaalamne. Atileetonni Itoophiyaa Tookiyootti yoo injifatan immoo ittuu lubbuu horataa deema.