Dureewwan biyyoota Afrikaa araaraaf Kiiv osoo jiranii haleellaan raawwatame

Madda suuraa, South African Presidency/South African Government
Hooggantoonni biyyoota Afrikaa torba dhibdeen Yukireen fi Raashiyaa karaa nagaan akka furamuuf jaarsummaa taa'uuf garas imalaniiru.
Haa ta'u malee, osooma Kiiv jiranii magaalattii keessa dhukaasni dhagahameera.
Humni Qilleensaa Yukireen misaa'elota Raashiyaarraa dhukaafame jedhame qolachaa akka jiru ibseera.
Hooggantoonni kunneen gara Kiiv imaluun Pirezidantii qondaaltota Yukireen waliin argamaniiru, garuu gara Moskoo imaluu isaanii wanti mul'isu hin jiru.
Dureewwan biyyoota Afrikaa kunneen duraanii dhimma waraana Raashiyaa fi Yukireen irratti ejjennoo walabaa qabaachuu ibsaa turan, garuu ergamni kun nagaa buusuuf ta'uun ammoo dhimmamanii itti seenuu isaanii agarsiisa.
Wayita isaan ergama kana eegalanitti ministiroonni ittisaa Nato Biraaselsitti walga'iirra turan.
Hooggantoonni Afrikaa kunneen Pireezidantii Senegaal Maakii Saal, kan Zaambiyaa Hakayindee Hichileemaa, akkasumas Pirezidanti Komoroosidha.
Akkasumas dura taa'aa Gamtaa Afrikaa kan ta'an Azaalii Asumaanii, Pireezidantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaapoosaa, akkasumas bakka buutota Masirii, Yugaandaa, fi Rippaablika Koongooti.
Gidduuma kanatti ammoo qorannoon BBC loltoonni Raashiyaa 25,000 ta'an Yukireen keessatti ajjeefamuu mirkaneesse.
Lakkoofsi kun kan Moskoon ibsite dachaa afur ta'a.
Daawwannaan dureewwaan Afrikaa kun wayita Yukireen duula haleellaa karoorsitee turte hojiitti hiikaa jirtuttidha.
Qondaaltonni Afrikaa kunneen Poolaand irraa gara Kiiv baaburaan wayita imalan mul'ataniiru.
Jimaata har'aa (Waxabajjii 16, 2023) Kiiv keessatti Pirezidantii Yukireen Zeleniskii erga arganii booda, bor ammoo gara Seent Peterisbarg imaluun Pirezidanti Putiin waliin dubbachuuf karoorfataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Viidiyoon Tiwiitarii Pirezidantii Afrikaa Kibbaa irratti maxxanfame wayita isaan magaalaa Kiiv seenuun, Afrikaa fi Baha giddugaleessaatti ergama addaa Yukireen kan ta'an Maksiim Subhaakiin simataman agarsiisa.
Dureewwan Afrikaa kaanis magaalaa Kiiv wayita seenanitti magaalattii fi naannoon ishee haleellaa jala jiraachuu akeekkachiifaman.
Akeekkachiisa kana dura Raashiyaan misaa'eelota hedduu Galaana Gurraacha (Black Sea) irraa gara magaalaa Kiiv dhukaasaa akka turte mootummaan Yukireen ibseera.
Ergama nageenyaa biyyoota Afrikaa kana Faawundeeshinii Biraazaaviil kan jedhamutu qindeessaa jira.
Jaarmiyaan tola ooltummaa kun Afrikaa keessatti walitti bu'iinsa ittisuu fi furuu irratti hojjeta.
Faawundeeshiniin kun kanaan dura dhibdeema Afrikaa keessa jiru irratti xiyyeeffata, amma ardittiin ala ba'uun dhibdee Raashiyaa fi Yukireen marin furuu keessatti gumaachuuf karoorfateera.
Marsariitiisaa irratti akka ibsetti, kaayyoonsaa mariin karaa nagaa biyyoota walwaraanaa jiran gidduutti akka itti fufuudha.
Kanaaf miseensonni isaa akka Moskoo fi Kiiv daawwatan haala mijeessuus ibse.
Raashiyaafi Yukireen waggaa dura eegalee waraanarra jiru. Inumaa torban dura ture Yukireen haleellaa deebisanii qolachuu eegaluu kan beeksiste.
Waraanni biyyoota lamaan gidduu adeemu addunyaa lamatti qoodeera, sadarkaa addunyaattuu qaala'iinsa nyaataafi boba'aaf sababa ta'eera.
Waraanni kuni mariin akka furamu sochiin taasifamu akkuma itti fufeetti jira.












