Waayee holqa Naasi'ool kan Oromiyaa keessaa isa 'bareedaa' jedhamee wantoota beekaman

Keessoo holqichaa

Madda suuraa, Nasir Ahmed

Godina Harargee Bahaa aanaa Malkaa Bal'oo keessatti kan argamu Holqi Naasi'ool tibba kana miidiyaa hawaasaa irratti uwwisa bal'aa argateera.

Fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa heddu suuraalee babbareedoo Holqa Naasi'ool qooduun ummanni holqicha akka baruuf akkasumas akka misoomuuf waamicha gochaa jiru.

Dhimma holqa kanaarratti BBC'f yaadasaanii kan laatan Qorataan Holqaa, Naasir Ahimad, "Holqi Naasi'ool holqoota Oromiyaan qabdu 333 keessaa holqa miidhagaafii holqoota addunyaa waliin dorgomaa ta'edha" jedhan.

Holqi kun magaalaa Finfinneerraa fageenya Kiilomeetira 555 irratti kan argamu yemmuu ta'u, erga argamee waggoota afur akka ta'es qorataan kun himaniiru.

"Holqi Naasi'ool erga argamee waggoota afur lakkoofsisee jira. Waggoota afur kana keessatti Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa hojiiwwan gurguddoo hojjechaa jira" jedhan.

Keessoo holichaa

Madda suuraa, Nasir Ahmed

"Holqa adda ta'e…"

Holqi Naasi'ol qorannoo qorattoota biyya keessaafi alaan taasifameen dheerinnisaa meetira 530 akka ta'e barameera.

Kana malees holqichi kutaalee xixiqqaa hanga gurguddaatti 59 ofkeessatti qabateera.

Kana malees ijaarsi sababa albuuda bishaaniin makamee baaxiirraa gara lafaatti cobuun uumamefii akka muuchaatti gadi rarra'e akkasumas lafarraa ol walirratti tuulamaa deeme holqicha bareedina kan goonfachiiseedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Holqoonnii ijaarsa sababa kuufama albuudaan hojjetamu kana baaxii fi lafarraa qaban akkuma addunyaattuu kan ajaa'ibsiifaman akka ta'e qorataa Naasir himu.

"Holqi kun ijaarsawwan Istaalaaktaayitii, Istaalaagimaayitii fi Soodaa Istiroow (soda straw) bakka tokkotti kan qabatedha. Holqoonni akkanaa addunyaarratti hanga hambaa UNESCO'tti kan galmaa'anidha" jedhan.

Kanaafis Holqi Naasi'ool qabiyyee uumamaan goonfaterraa ka'uun tarree hambaalee Biyyoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO) keessatti galmaa'uu akka danda'us himaniiru.

Gama biraatiin holqi kun holqawwan biroorraa dhimmoota sadiin adda akka ta'e kan himan qorataan kun, wantoota adda itti ta'e keessaa inni tokko kunuunsa saayinsaawaa qabaachuusaa akka ta'e himu.

"Qorannoo samuuda fudhachuun taasifameen holqichi haala jijjiirama qilleensaa Afrikaafii rooba Itoophiyaa kaleessaafii har'aa akkasumas lafti kun uumamtee hanga har'aatti kan ittiin baruu dandeenyu Istaalaagimaayitii Holqa Naasi'ool keessatti argamudha jedhameera" jedhan.

Kana malees holqi kun holqawwan hanga ammaatti argaman keessaa hawwataa ta'uunsaafii gubbaan isaa bosonaan kan uwwifame ta'uunsaa dhimmoota adda taasisan isaan biroo ta'uus himan.

"Bosonni kun bineensota akka gadamsa, borofa, qeerrensa akkasumas simbirroota hawwatoo ofkeessatti qabateera" jedhan.

Kanaafis namni Holqa Naasi'ool daawwatu tokko holqichaan dabalataan bineeldota bosonaa kunneenillee daawwachuu akka danda'u himan.

Hojii holqicha misoomsuu

Holqa Naasi'ool

Madda suuraa, Nasir Ahmed

Holqi Naasi'ool erga argamee booda hojiin holqicha misoomsuu keessattuu yeroo dhiyoo as haalaan hojjetamaa jiraachuu qortaan holqaa Naasir Ahimad himu.

Hojiilee kunneen keessaa tokkommoo seensa holqichaa daran dhiphaa turefii nama tokkollee seensisuuf rakkisaa ture akka bal'atu taasifamuu himan.

"Seensa holqaa bal'inni isaa meetira tokko ture gara meetira sadiitti akkasumas dheerina isaa seentimeetira 30 ture gara meetira lamafii seentimeetira 10'tti akka guddatu taasifneerra" jedhan.

Kana malees daandii ganda Tokkummaa Bilisummaa jedhamurraa hanga holqichaatti kilomeetira 5.5 fagaatufii lafoo sa'aatii lama nama deemsisu daandii ciirrachaa konkolaataa deemsisu hojjetamuusaa himaniiru.

Dabalataan anniisaan elektiriikii holqicha akka qaqqabu taasifamuu dubbataniiru.

Haa ta'u malee daandiin konkolaataa aanaa Qoobbootii hanga holqichaa geessu rakkisaa ta'uu kan himan Obbo Naasir, daandiin kun osoo hojjetamee holqichi tuuristoota hawwachuun galii guddaa argamsiisuu akka danda'u eeraniiru.

Gama biraatiin Holqa Naasi'ool misoomsuuf sagantaan galii walitti qabuu qophaa'aa akka jiru kan himan Naasir Ahimad, "holqa kanaaf bara dhufu waan guddaa hojjenna jennee kaanee jirra" jedhan.

Oromiyaan holqa baay'ee qabdi kan jedhan qorataan kun, "mee dura kanuma baafnee sana booda holqoota Oromiyaan qabdu kanbiraa baasuu dandeenya. Dura kanin qabe yaa fixu jedhee amma qorannoo kiyya dhaabee gara misoomaatti deebi'een jira" jedhan.

Gama biraatiin duula Holqa Naasi'ool gama miidiyaa hawaasaatiin beeksisuuf taasifamaa jirufii hojiilee hojjetamaa jiran ilaalchisee yaaliin Waajjira Gurmaa'insa Ummataa Aanaa Malkaa Bal'oo fi Waajjira Komunikeeshinii Godina Harargee Bahaarraa odeeffannoo argachuuf taasifne hinmilkoofne.