Raashiyaan dooniiwwan erga akeekkachiifte booda gatiin qamadii addunyaa akkaan dabale

Madda suuraa, EPA
Raashiyaan dooniiwwan gara buufataalee galaanaa Yukireen deeman akka qiyyaafannoo waraanaattin ilaala jechuun akeekkachiisteen booda, gatiin qamadii addunyaa akkaan dabaleera.
Moskoon dooniiwwan midhaan fe'an Galaana Gurracharra nagaan akka darban waliigaltee ture keessaa of baaftetti.
Dubbii himaan Waayit Haawus, Raashiyaan haleellaa doonii namoota nagaa irratti raawwattuuf Yukireen himachuuf karoorsaa jirti jedhan.
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fedhiin isaanii yoo guutame waliigaltee miidhaanii kanatti akka deebi'an himan.
Kunis baankii qonnaa Raashiyaa sirna kaffaltii idila addunyaa wajjin wal-qunnamsiisuu dabalata.
Haleellaan qilleensarraa Raashiyaa magaalaa buufata doonii Yukireen Mikoolaayivitti Roobii raawwate namoota lakkoofsi isaanii adda hin baafamne ajjeesuu qondaaloti himaniiru. Haleellaan qilleensarraa biraas buufata doonii Odeessaatti raawwateera.
Gama biraan haleellaa diroonii Kireemiyaa lafa Raashiyaan bulchitutti raawwateen, daa'imni du'uu qondaalli Raashiyaan deeggaraman tokko himaniiru.
Haleellaa Odeessaatti raawwate hordofuun Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleeniskii, bu'uuraalee misoomaa al-ergii midhaaniif fayyadan irratti xiyyeeffachuu himatan. Akkasumas biyyoota midhaan kana akkaan barbaadaniis balaaf saaxiluu himan.
Kiiv biyyooti Galaana Gurraachaa biroo dooniiwwan akka nagaan darbaniif tarkaanfii fudhachuu qabu jette.
''Sa'aatii Moskoo halkan qixxee 00:00 Adoolessa 20, 2023 irraa qabee dooniiwwan Galaana Gurraacha irraan gara buufataalee doonii Yukireen deeman akka mi'a waraanaa fe'anitti ilaalamu,'' jedhe ministeerri ittisaa Raashiyaa.
Gatiin qamadii Awurooppaa guyyaa tokko keessatti harka 8.2n kan dabale yoo tahu, gatiin qamadii toonii tokkoo Yuuroo 253.75 taheera. Gatiin boqqolloos akkasuma harka 5.4'n dabaleera.
Ameerikaatti gatiin qamadii gaafa Roobii harka 8.5n kan dabale yoo tahu, erga Raashiyaan Yukireen weerartee kuni daballii isa guddaadha.
Ministirri Qonnaa Yukireen Maayikoolaa Soolskii haleellaawwan raawwataman midhaan toonii 60,000 yoo barbadeessan, bu'uuraalee misoomaa al-ergii midhaaniif fayyadanis miidhaniiru jedhan.
Raashiyaaan buufataalee doonii Yukireen gaafa Kibxataadha haleeluu kan jalqabde, kunis waliigaltee keesssaa akka baate himuun sa'aatii muraasa dura.
Gaafa Roobii Puutiin waliigaltee midhaanii kana warri Lixaa ''siyaasaan yakkuuf'' itti fayyadamu jedhan.
Yukireen qarqara Galaana Gurraachaa ''lolaaf'' fayyadamti jechuun Moskoon ni yakkiti.












