Miidhaan hongee dantaa siyaasaaf oolaa jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Mokonaa Hoxxeessaa Naannoo Oromiyaa Godina Gujii aanaa Sabbaa Boruutti itti gaafatamaa Waajira Ittisa Balaafi Qophaayinaa, kan amma Buusaa Gonofaa jedhamuuti.
Aanaa Sabbaa Boruu keessatti sababa hongee dheerateen beelli mudate aanichatti namoota 12 ta'an galaafachuu BBC'tti himaniiru.
Gabaasaalee waajirri isaanii aanaa kana keessaa sassaabeen beelli kun hamaa ta'uu yoo ibsan, seenaa haadha daa'ima ishee osoo harma hoosiftuu beelli injifatee ajjeesee himan.
''Dirree Sabansaa ganda jedhamtu kan fageenyarra argamtutti haati hoosisaa ilmee ishii waan nyaattu dhabdee guyyaa lama hagabuu bulteef waa barbaaddee isaani laattee ofii osoo hin nyaatiin gadi hirkattee innaa bari'u ilmeen reeffa hooti jedhani'' jechuun odeeffannoo gaddisiisaa argatan himan.
Namoota 12 sababa beelaan du'an irra hedduun ijoollee ta'uus obbo Mokonaan himaniiru.
''Harki caalu ijoolleedha. Namichi tokko hin jira abbaan warraa ''iddoo ijoolleen kiyya anaa jiru dhumattu ani dura haa aanu'' jechuun kan of fannisee of-ajjeese jira.''
Obbo Mokonaan sababa hongee waggoota sadii oliif itti fufeen beelli hamaan dhalachuu himanii, sochiin waraanaa godina isaanii keessa jiraachuun ammoo dhiyeessii deeggarsa namoomaa gufachiisuu himan. Kun ammoo fanxoorratti cophxoo akka jedhan godheera.
Dhaabbileen miti-mootummaa deeggarsa dhiyeessaa turan bahaniiru kan jedhan namni kun, haalli jijjiiramee deeggarsi hin dhiyaatu taanaan ''beelli nama hedduu fixuuf deema'' jechuun yaaddoo isaanii himu.
Hongee waggoota 40 keessatti hammaataadha jedhamee biyyoota Baha Afrikaa miidhaa jiruun Godinaalee Oromiyaa Gammoojjummaa qaban 10 keessatti namootni miiliyoona 3.7 ta'an miidhamanii deeggarsa barbaadu jechuun hoogganaan waajira sodaa balaafi qophaayinaa duraanii amma Buusaa Gonofaa jedhamuu Obbo Musxafaa Kadiir BBC'tti himaniiru.
''Ammatti haalli jiru sadarkaa beela jedhamee labsamurra hin geenye namootni sababa kanaan lubbuun isaanii darbes Oromiyaa keessa hin jiran'' jechuun gabaasa caasaaleen isaanii aanaarra jiran namni du'uu BBC'tti himan fudhatama dhabsiisaniiru.
Haati Sabbaa Boruutti osoo hoosiftuu duutee argamte ''dhugaadha garuu beelaan du'uuf ragaan hin jiru mana ishee miidhaan ture. Sababa Du'a ishee qorachaa jirra'' jedhan.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhuma ji'a darbeetti gabaasa hongee Itoophiyaa miidhaa jiru ilaalchisee baaseen, hanga Ebla darbeetti namootni miiliyoona 7.2 guutuu biyyaatti deeggarsa nyaataa barbaadu jedhe.
Dhaabbatichi Amajjii bara kanaatti namootni hongeen isaan miidhee deeggarsa barbaadanii miiliyoona 5.7 akka ta'e gabaasee ture.
Hongeen ''seenaa dhiyoo Itoophiyaa keessatti mudatee hin beeku'' jedhame kun Kibbaa fi Kibba Baha Itoophiyaa keessatti horsiisee bultootaafi gariin horsiisee bultoota miidhe jedha WFP.
Rakkoon kun ittuma dabalaa jira kan jedhu dhaabbatichi, namoota balaa kanaaf saaxilaman hunda qaqqabuuf hanqinni deeggarsaa mudachuu ibseera.
Itoophiyaa keessatti qofa namoota hongeen miidhaman miiliyoona 7.2 bayyanachiisuuf doolaarri miiliyoona 343 ol akka barbaachu hima.
Beelli dantaa siyaasaaf oolaa jiraa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hongeen hamaan dhufaa jiraachuu dhaabbileen idilaa-ddunyaa watwaachaa turanis Kaabaa fi Kibbatti hidhattoota waliin waraanatti kan ture mootummaan Itoophiyaa rakkoo kana dura dhaabbachuuf hin qophoofne.
Kaaba Itoophiyaatti sababa waraanaan ''beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jira'' jechuun hawaasni idila addunyaa mootummaa Itoophiyaa qeeqaa bahe.
Mootummaan gama isaan himannaa kana balaaleffachaa ture.
Kutaalee biyyattii kaanitti ammoo rakkoo uumamaa, hongeen walqabateen miiliyoononni deeggarsa eegaaa jiru.
Oromiyaa keessatti hongeen walqabatee beela dhalateen lubbuun namaa darbaa jiraachuu irratti aanga'oota mootummaa naannoo Oromiyaa gidduu yaadni walii faallaa adeemaa jira.
Caasa mootummaa naannoo Oromiyaa aangoo guddoo qaban dhimmoota adda addaa kaasuun kan qeeqan deetaan Minsiteera Nagaa Itoophiyaa obbo Taayyee Danda'aa Godina Gujii aanaa Liibanitti sababa beelaan lubbuu namootaa darbe lakkoofsaafi maqaan guyyoota dura miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti tarreessaniiru.
''Ummati keenya yoomiyyuu caalaa rakkoo hamaa keessa jira. Daran hamaan ammoo ergarama isaa dhoksuu dha. Milkii malee rakkoo gabaasuun dhorgaa fakkaata. Oromiyaa keessa aanaalee fi gandoota adda addaatti lammiileen meeqa hongeefii waraanaan akka buqqaafaman hin beeknu!'' jedhan obbo Taayyeen.
Yaadni obboTaayyee feesbuuk gubbaa maxxaanfamee osoo hedduu hin turiin sabaa himaan caasaa mootummaa naannoo Oromiyaa jala jiru, OBN Godina Gujii aanaa Liban keessa namni beelaan du'aa jira jedhamuun dhugaa miti gabaasa jedhu hojjette.
Namoota sababa beelaan lubbuun isaanii darbeera jedhaman gariin kan waggaa tokko dura sababa biroon du'an kaan ammoo kan lubbuun jiran ta'uu bulchaan godina Gujii obbo Taaddalaa Uddoo gabaasa dhiyaate keessatti dubbatan.
Ofii hongeefi beelli lubbuun namaaf yaaddoo ta'e maaliif dantaa siyaasaaf oola? Sadarkaa yaaddessaa hongeen Oromiyaa keessatti uume maaliif dhokfama? Hammenya rakkoo dhalatee ifatti ibsanii lubbuu baraaruuf iyyachuu hin wayyuu?
Hoogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Musxafaa Kadiir deebii akkas jedhu kennan: Dhimmichi nu ilallata bara darbes hin dhoksine ammas hin dhoksinu. Rakkoo saba keenyaa hin dhoksinu. Gargaartonni akka nu cinaa dhaabbatan gaafanna.
''Namoonni ta'e jedhanii dantaa siyaasaaf oolfachaa jiru garuu namni du'e jedhamuun soba. Namoota sababa adda addaan du'e beelaan du'e jechuun siyaasaaf olchuun sirrii miti. Miidhaan hongee ammaaf humna mootummaatiin ol ta'ee hin jiru. Qorannoo gooneenis sababa hongeen Oromiyaa keessatti naamni beelaan du'e hin jiru.''
Miidhaa amma uummatarra gahe caala Fulbaanaa fi Onkololessa keessa namni daranuu beela'uu mala kan jedhan aanga'aan kun ammatti rakkoon jiru beela jedhamee himamuu sadarkaa gaherra hin jiru jedhu.
Rakkoo hammaachuu danda'au kanaaf garuu hunduu gahee isaa akka bahu gaafatan.

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Federaalaa maal jedha?
Hongeen hanqina roobaan walqabatee Itoophiyaa mudate, Keeniyaafi Somaaliyaa keessatti namoota miiliyoonaan lakkaawwaman rakkoo hamaaf saaxileera.
Rakkoon kun naannolee Oromiyaa, Uummatoota Kibbaa fi Somaalee akkaan miidheera.
Hoji gaggeessaa Olaanaan dhaabbata Peelam Itoophiyaa, jaarmiyaa qonnarratti hojjetuu, kan ta'an Haayilee Araayaa (PhD) hongeen biyyoota durooman jedhaman keessattis ni mudata jedhanii, dandeettiin mootummaan Itoophiyaa rakkoo kana dura dhaabachuuf qabu laafaadha jedhu.
Ogeessi kun sababoota adda addaan qophaayinni mootummaafi uummatni taasise gahaa miti jedhu. ''Aadaan dursanii qophaa'uu keenya gad-aanaadha.''
Qaalayinsi gatii nyaataa addunyaa fi rakkoon diinagdee amma jiru dhiibbaa hongeen geessisu hammeesseera jedhu.
Biyya keenyatti hongeen osoo hin eegamiin mudate jedhama. Biyyootni kaan itti qophaa'u. Nu bira qophaa'inni hin jiru.''
Komishiniin sodaa balaafi qophaayinaa Itooophiyaa mootummaan miidhaa hongeen qaqqabu dura dhaabachuuf qophaayinni godhe gahaa miti jedhamuu ni balaaleffata.
Deeggarsa barbaachisu dhiyeessaa akka jiru kan ibsu komishinichi, naannoo Somaalee qofaatti godinaaleen 9 hongeen miidhamuufi horiin miiliyoonaan lakkaawwamu dhumuu ibsa.
Gama Oromiyaan ammoo godinaalee saddeet waggaa darbe miiidhamanitti dabalataan godinni Arsiifi Shawaan Bahaa dabalamanii godinaaleen 10 miidhamaniiru.
Hongee hamaan mudachuu mootummaan amanee fi xiyyeefatee deeggarsa gahaa dhiyeessaa hin jiru komii jedhuuf deebii kan kennan Daayireektarri hariiroo hawaasaa komishinichaa Dabbabaa Zawudee naannoo Somaalee, Oromiyaafi Kibbatti hongeen mudachuu mootumaan amanee deeggaraa jira jedhu.
Oromiyaa keessatti namootni miiliyoona 3.2 ta'an hongeen miidhamaniiru kan jedhan obbo Dabbabaan, midhaan kuntaala miiliyoona tokkoo oliifi maallaqni baankii addunyaarraa argame miiliyoonni 900 kennamuu himan.
Naannoo Somaaleefis akkasum kuntaalli miiliyoona tokkoo ol dhiyaateera jechuun BBC'tti himan.
''Deeggarsa midhaanii ji'aaf gahutu raabsama. Kana waliin gahuun gaafatama naannoleeti.''
Naannoo Uumatoota Kibbaattis namoota kuma 106 ta'aniif deeggarsi kumtaala kuma 39 ta'u fi hanga ji'a Caamsaattis qarshiin miiliyoona 498 dhiyaateera jedhan.
''Mootummaan waan qophaayeef deeggarsa kunneen dhiyeessaa jira. Hongeen kun hanqina roobaafi jijjiiraa qilleensaan kan mudateedha. Ta'us miidhaa isaa dandamachuuf tattaaffii olaanaa gooneerra.''
''Deeggarsi dhiyaatu gahaa ta'uu dhabuu mala'' kan jedhan hoogganaan kun hongeen lubbuun namaa darbuu ilaalchisee gaaffii dhiyaateef deebii kennuurraa of qusataniiru.
Haata'u malee naannoo Uummatoota Kibbaa Koonsootti, Naannoo Affaariifi Oromiyaa keessattis daa'imman beela hongeefi sababa waraanaan mudateen du'aa jiraachuu BBC'n odeeffateera.












