Goginsa: Hongee ganna 40 keessatti hamaa Oromiyaa fi Somaalee keessatti mudate

Goginsa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti mudateen uummanni rakkataa jira

Madda suuraa, ERIC LAFFORGUE/ART IN ALL OF US

Ibsa waa'ee suuraa, Goginsa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti mudateen uummanni rakkataa jira

Itoophiyaa naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti ganna 40 keessatti hongee hamaan isa kana duraa caalu mudachuu Dhaabbanni Gargaarsaa Idil-addunyaa Ameerikaa (USIAD) beeksise.

Naannolee lamaan keessatti beeyladoonni bishaanii fi marga dhabuun dhumaa jiru.

Koreen lubbu-baraarsaa idil-addunyaa, Oromiyaa fi Somaaliyaatti ganna 40 keessatti hongeen hamaan mudate rakkoolee namoomaa hammeessuu dhiyootti gamaggamni gaggeesse akka mul’isu gabaasa keessatti eere.

Naannolee lameen maal jedhan?

Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Somaalee Abdulqaadir Rashiid, gabaasa USAID baaseen akka walii hin galle himan.

''Waggaa 40 mitii hongee bara 2017 guutuu somaalee miidhee ture wajjinillee yoo walbira qabamu hanga sanillee hin gahu,'' jedhan.

Hanga ammaa lubbuun namaa hin dabarre, kan horii qofatu darbaa jira kan jedhan qondaalli kun, garuu hongeen jiraachuu hin haalle.

''Naannoo Somaaleekeessa godinaalee 11tu jiru. Isaan keessaa godinaalee sagal keessatti gariin hongeen mudateera. Qorannoo adeemsifneen hongeen hamaan kan mudate godinaalee afur keessatti. Godinaaleen kun Daawwaa, Shabalee, Afdeer, Liiban. Godinaalee afran kann keessatti horiin dhumaa jiru, namootni buqqa'aa jiru,'' jedhan.

Uummanni miiliyoona 2.4 ta'u hongee kanaan miidhamuu fi kanaafis lubbuu namaa baraaruuf tattaaffii gocha jiraachuu himan.

''Horiin gaanfaa, hoolonni, re'oonniifi gaalonni kuma 160 Onkololessarraa eegale godinaalee afur keessatti dhumaniiru. Naannoo Daawwaa horiin baayyee dhumeera. Uummatni kuma 17 ta'us buqqa'eera.''

Naannoo Oromiyaa Godinaalee Booranaa fi Baalee Bahaa qofaatti sababa hongee kanaan horiin kuma 130 caalan dhumuu Komishinarri Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir BBC'tti himaniiru.

''Godina aanaalee 13n keessatti, Baalee Bahaa aanaalee gammoojjii naannoo Somaaleetti dhihaatanii argaman kanneen akka Daawwee Qaachan, Daawwee Sarar, Raayituu, Garii Sawweenaa fi kaan keessatti akkasumas Gujii Bahaa fi Harargee lamaan keessattis balaan hongee mudatee jira.''

Mootummaan naannoo Oromiyaa waan hunda caalaa xiyyeeffannoo kan kennuuf hawaasa hongeen miidhame baraaruudha kan jedhan qondaalli kun, miirri walgargaarsaa wayita uummanni Oromoo naannoo Somaaleerraa buqqa'e mul'atee ture ammas dabalamuu akka qabu dhaamaniiru.

''Boorana qofatti loon kuma 100, Baalee Bahaatti loon kuma 30tu dhuman. Roobni dhiheenya roobe ammoo horii baayyee miidhee jira. Kana qolachuuf tattaaffii guddaa gochaa jirra. Namaafis deeggarsi midhaan nyaataa taasifamaa jira,'' jedhan.

Loon Booranni qabu hunda baraaruun waan danda'amu miti kan jedhan Obbo Musxafaan, sanyiin loon Booranaa akka lafarraa hin banneef dhibbeentaama kudhanillee baraaruuf deeggarsa gochaa jiraachuu himan.

''Irra caalaan xiyyeeffannaa kan kennine lubbuu namaa baraaruu irratti. Uummanni Booranaa kanaan dura sagantaa Safety Net keessa hin jirre-Kanneen of danda'anii jiraachaa turan kuma 166 ol harka namaa keessatti kufanii gargaarsa eeggachaa jiru ,'' jedhan.

Gabaasa UN

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dhaabbanni gargaarsa namoomaa qindeessu OCHA’n, Mudde darbe gabaasni baase akka agarsiisutti, naannoolee Oromiyaa fi Somaaleetti roobni horsiise bultoonnifi qonnaan bultoonni ni rooba jedhanii eeggataa turan marroo sadiif otoo hin roobiin hafuun hongeen mudate hawaasarratti miidhaa cimaa qaqqabsiisu beeksisee ture.

Biiroo Ittisa Balaa Naannoo Somaalee wabeeffachuun dhaabbatichi akka ibsetti, Godinaalee naannichaa Fafaanii fi Siitii jedhamanitti oomishni miidhanii eegamaa ture manca’eera.

Oomshni miidhaan mishingaa fi boqqolloo %70’n, oomisha qamadii %30 akkasuma oomishni timaatimaafi shunkurtii harka 30’n hirateera.

Haaluma walfakkaatuun Kibba Oromiyaa keessatti oomshni midhaanii harka 70’n hir’achuun ibsameera.

Kibba Oromiyaa fi Somaalee keessatti margi looniifi bishaan hanqachuu isaatiin yoo xiqqaate loon 267,000 du’uu isaanii ibsameera. Horiin kuma dhibbaan lakkaa’aman miidhamaaniru.

Horii miidhaan irra qaqqabe kanaaf marga, bishaaniifi talaalliin saffisaan akka barbaachisu ibsameera.

Horsiise bultoonni fi qonnaan bultoonni lakkoofsaan heddummina qaban godinoota Qoraaheyi, Jaarar, Herar fi Nogob, akkasuma godina Fafaan aanaalee sagal horiif margaafi bishaan barbaaduuf namoonni iddoo jiraataniirra buqqa’aniiru.

Namoota buqqa’an lakkoofsi isaanii meeqa akka ta’an garuu sirnaan hin baramne jedhe OCHA’n .

Yeroo ammaa kana Kibba Oromiyaatti namoonni 870,000 fi Naannoo Somaaleetti immoo namoonni miliyoona 2.3, waliigalatti namoonni miliyoona sadiitti dhiyaatan hanqina bishaaniif saaxilamuu OCHA’n gabaasa baase keessatti eere.

Sababii hongeen mudate kanaan Oromiyaatti barattoonni 56,000, naannoo Somaaleetti immoo barattoonni 99,000, waligalaatti barattoonni 155,000 barnoota addaan kutuu isaanii ibsameera.

Koreen Lubbu-Baraarsaa Idil-addunyaa akka beeksisetti, naannoo Oromiyaa iddoowwan muraasatti sababii hongeetiin hanqinni soorata madaalamaa dachaan dabaluun, daa’imman umriin ganna shanii gadii dhibeen garaa kaasaan miidhaman argamuu beeksiseera.

Waliigalatti iddoowwan hongeen miidhamanitti namoonni miliyoona 6.4 ol ta’an deeggarsi midhaan nyaataa akka barbaachisu OCHA’n beeksiseera.

Isaan keessa namoonni miliyoona sadii naannoo Somaaleetti argamu, Dhiha Oromiyaatti namoonni miliyoona 2.4 fi Kibba Oromiyaatti namoonni miliyoona tokko deeggarsa barbaadu.

Iddoowwan hongeen miidhamanitti bishaan, sooratafi meeshaalee deeggarsa biroo, soorata madalamaa daa’imman, hawwan ulfaafi kanneen daa’ima hoosisan, kilinkoota wal’aansa fayyaa kennan, marga looniifi ogeeyyii fayyaa beeladoota dabalatee deeggarsa namoomaa hedduun akka isaan barbaachisu ibsameera.

Deeggarsa saffisaan yoo hin argatiin hafan rakkoolee namoomaa hammeessuu mala jedhame.