Godina Gujii: Aanaa Sabbaa Boruutti bokkaan cimaa roobee beeylada 1,200 ol ol galaafate

Godina Gujii aanaalee hanqinni roobaa itti mudateefi yeroo dheeraadhaaf hongeedhaan miidhamaa turan keessaa tokko kan ta'e Sabbaa Boruutti roobni cimaan roobee beeylada 1,200 ol galaafate.
Itti-gaafatamaan waajjira Hoggansa Sodaa Balaafi Kaafamtoota Misoomaa Godina Gujii Obbo Liiban Dabbasoo BBCtti akka himanitti, Godina Gujiitti hanqinni roobaafi hongeen lubbuu beeyladaafi namootarrattis miidhaa geessisaa jira jedhan.
"Aanaalee Godinni Gujii qabu keessaa torba aanaalee gammoojjiiti. Aanaalee kunneen keessatti roobni gannaa hin turre. Roobni Hagayyaas ni hafe. Sababa kanaan hongeen miidhaa jabaa geessise,'' jedhan.
Hanga ammaatti godinichatti qofa sababa hongeetiin beeyladni kuma 23 caalan akka du'aniifi beeylada kuma 65 ta'u ammoo deeggarsa namaatiin kan lafaa kaafamanidha jedhan.
Loon Bonni ajjeese Ganni maqaa fudhata…
Hongee yeroo dheeraaf ture kanaan booda A L I Amajjii 9, bara 2014 roobni cimaan aanaalee gammoojjii godinichaatti roobe miidhaa cimaa geessiseera.
''Roobni guyyaa lamaan dura roobe aanaalee hedduu keessatti horii hongeen miidhee jiru kana hedduu ajjeese. Aanaa Sabbaa Boruutti qofa sababa rooba dheengaddaa kanaan beeylada 1,205 caalutu du'e.
''Lafti qonna jallisiin omishamaa ture hektaarri 103 manca'eera,'' jedhan.
Ragaan kun kan aanaa tokkoo qofti kan walitti qabame ta'ulleen sababa rooba kanaatiin aanaalee akka Gumii Eeldalloo, Gooroo Doolaafi aanaalee gammoojjii biroottis miidhaan walfakkaatu akka gahes himan.
Beelladi sababa Roobaatiin du'an kuni kaan kan miidhaa bonaatiif jecha rooba irraa hafuu dadhaban yoo ta'u iddoowwan kaanitti ammoo lolaadhaan kan fudhataman ta'uus eeran.
Gargaarsa hatattamaa…
Godina Gujiitti sababa hongeetiin namoonni Lakkoofsaan guddaa ta'an gargaarsa midhaan nyaataa hatattamaa akka barbaadan anga'aan godinichaa kun BBC'tti himaniiru.
''Namni hedduun jireenyisaa beeylada irratti kan hirkate ture. Beeyladi ammoo du'aa jiru.
''Ragaa hanga ammaatti qabnuun aanaalee godina keenyaa keessatti namni kuma 238 caalu gargaarsa midhaan nyaataa hatattamaa barbaada. Haalli hongee ammalleen ulfaachaatuma deema,'' jedhan.
Beeyladi miiliyoona walakkaa ta'u ammoo deeggarsa nyaataafi qorichoota adda addaa kan barbaadan akka ta'es himan.
Gargaarsi namaafi beeyladaaf dhihaatu hamma miidhaa gahee wajjin kan wal hin madaalle akka ta'eefi qaamni dhimmi ilaalu hundi lubbuu beelladaafi miidhaa namarra gahuu malu hir'isuuf deeggarsa akka taasisaniifis waamicha dhiheessan Obbo Liiban.
Booranaafi Kaaba Keeniyaa keessa bakka hongee dheerateen miidhamaa turan keessattis rooba roobe hordofee horiin manaa hedduun akka dhuman himamaa jira.
















