Boorana, Gujii, Harargee, Baalee … hongee Oromiyaatti hammaateen hawaasi miiliyoona 2 miidhame

Godina Baaleetti sababa hanqina roobaan hongee mudateen hawaasi 270,000 ol miidhamuu mootummaan ibseera
Ibsa waa'ee suuraa, Godina Baaleetti sababa hanqina roobaan hongee mudateen hawaasi 270,000 ol miidhamuu mootummaan ibseera

Naannoo Oromiyaatti lammiileen miiliyoona lamaa ol sababa goginsaatiin miidhamuu naannichi beeksiseera.

Keessumaa godinoota gama Kibbaafi Baha biyyattiitti hammaate qabeenya guddaa hawaasa horsiisee bulaa kan ta'e horii irratti miidhaa guddaa geessisaa jira.

Komishinarri Sodaa Balaafi Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa Obbo Garramoo Oliiqaa ''Hongeen Baale Bahaa qofaatti miti, Godinaalee Harargee lamaan, Gujii Bahaafi Lixaafi Booranatti mul'ate,'' jedhan.

Ammatti namni sababa hanqina nyaataan du'e hin gabaafamne. Gargaarsi ummata bira akka gahu mootummaan dalagaa akka jiru himeera. Ta'us jiraattonni dubbisne hanqina dubbatu.

Hongeen kuni gaala gammoojjii dandamatuun beekamuufi harree hawaasni horsiisee bulaa bishaan ittiin waraabuuf itti dhimma bahuu galaafataa akka jiru horsiisee bultoonni BBC'n dubbise himaniiru.

Sababa jijjiirama qilleensaan hongeen irra deddeebbiin mul'atu kuni gama Kaaba Keeniyaafi biyyoota Gaanfa Afrikaa biroos hubeera.

Somaaliyaatti ummanni miiliyoona lamaa ol ta'u sababa hongee hammaateen hanqina nyaataafi bishaaniif saaxilamuu UN ibseera.

Torbanuma kana Mootummoonni Misooma Baha Afrikaa (IGAD) fi UN'tti Dhaabbati Fayyaa fi Qonnaa (FAO) miidhaa hongeen dhaqqabsiisu xiqqeessuuf tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu waamicha taasisaniiru.

Dhaabbileen lamaan ibsa waloon baasaniin [Afaan Ingiliziitti geessa] Gaanfa Afrikaa naannawa miseensonnii IGAD jiranitti namoonni miiliyoona 26 ta'an hanqina nyaataaf saaxilamuu ibsaniiru.

Baalee

Akka mootummaan ibsetti Godina Baale Bahaatti namoonni 'kuma 200 fi kumni 70 ol hongeen' miidhamaniiru. Kunis, roobni dhabamuurraan kan ka'edha.

Gaallo gammojjii dandamatuun beekamullee hongee kanaan miidhamaa jira
Ibsa waa'ee suuraa, Gaallo gammojjii dandamatuun beekamullee hongee kanaan miidhamaa jira

Baalee Bahaatti aanaalee hongeen itti hammaate shananiifi duraanii hanqina roobaa qaban; Sawweenaa, Raayituu, Daawwee Qaachan, Daawwee Sararii fi Gololcha ta'uu Obbo Garramoon himaniiru.

Komishinichi deeggarsa barbaachisuu qaqqabsisaa akka jiru himeera. Jiraattotni aanalee Raayituufi Sawweenaa muraasni deeggarsi hanqachuu kaanimmoo miidhaan nyaata, marga looniifi bishaan akka hin qaqqabne himu.

Ammatti miidhaan kuntaalli 6807, aanaalee Godina Baalee Bahaatti ''rabsamaa jira'' jedhan qondaalli dubbifne. Godinuma kanatti namoota 270,000 gargaaraa akka jiranis himan.

Miidhaa horiirra gahe ammatti baruun hin danda'amne. Hongeen yoo babal'atee ittifufe garuu lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii dabaluuf deema.

Horsiise bultoonni gama isaanitiin nyaanni looniifi bishaan saffisaan akka dhiyaatuuf gaafatu.

Jiraattonni bishaan dhugaatii argachuuf dhaqaaf galatti lafa sa'aatii 10 deemaan akka jiran Ittigaafatama Sodaa Balaa Aanaa Raayituu Obbo Abdulqaadir Haaji-Musaa dubbatu.

Boottee bishaaniifi nyaata beeyladaa dhiyeessuuf caalbaasiin bahuufi fuula duratti garuu furmaanni waaraa pirojeektii bishaanii eegalame xumuruu akka ta'u himan.

Horsiise bulaan Aanaa Sawweenaa maal himatu?

Obbo Jamaal Qaasim horsiise bulaa aanaa Sawweenaati. Barana iddoo isaan jiraatanitti roobni waggaa tokko keessatti ''guyyaa tokkicha qofaa'' roobu dubbatu.

Sababa caamni dheerateef haqinni nyaata namaafi horii isaan mudateera. ''Loon kaan huuqqatoodha, kaan du'aniiru, kaanimmoo kufaadha lafaa hin kaa'an'' akka isaan himanitti.

Gaalli caama dandamachuun akka fakkeenyatti eeramu otoo hin hafiin hongee kanaan miidhamuu dubbatu.

Waqtii kanatti yeroo horiin itti gabbatu ture, Amma sababii hongee kanaan horiin gurgurtaaf gabaa geeffamu gurguramaa hin jiru jedhan.

Naannichatti midhaan akka mishingaa, boqqoolloofi xaafii horsiisa looniin cinatti akka qotamu otoo hin margin lafa keessatti hafuu dubbatan.

Horsiisee bultoonni bishaan barbaacha guyyaatti hanga sa'aatii 10 imalan akka jiran qondaalli BBC'tti himaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Horsiisee bultoonni bishaan barbaacha guyyaatti hanga sa'aatii 10 imalan akka jiran qondaalli BBC'tti himaniiru

''Miidhaan facaafame hin biqille, lafa keessaa hin baane'' jedhan. Rakkoon ijoon immoo roobni dhabamuudha.

Gabaarratti qamadii kg50 birrii 1800'n gurgurama jira, namoonni bitachuuf humna hin qabanii jedhu.

Mootummaan deeggarsa miidhaan nyaataa hanga kg 15 kennaafi akka jiru eerun, deeggarsi kennamu garuu 'gahaa miti'' jedhani komatu.

Obbo Garramoon immoo deeggarsa lubbuu baraarsa nama tokkoof kennamuuf akka ta'uu kaasan.

Goginsii kun aanaalee ollaa isaanittis bal'ateera.

Aanaa ollaa kan taate Raayituutti namoota 51,000 ol deeggarsa miidhan nyaataa barbaachisu adda baasu Ittigaafatama Sodaa Balaa Aanicha Obbo Abdulqaadir Haaji Musaa dubbatu.

Jiraataan aanichaa maqaan isaa akka hin eeramne barbaadu tokko namooonni deeggarsa midhaan nyaataa gaafachuuf waajira sodaa balaa aanichaa fuulduratti walitti qabamuu himu.

Dabalataan, sababa goginsa kanaatiin namoonni aanalee ollaa akka Daawwee Qaachaniifi Gindhiiritti baqatan jiraachu dubbatu.

Hongeen kun lubbu namaa garuu akka hin dabarsine dubbatu qondaall aanichaa kun. Gaala, re'eefi harree horatan garuu jala ajjeesu lakkoofsaan tarreessanii ibsaniiru.

Aanicha re'oonni beeyladoota kaan caalaa kan miidhame yoo ta'u hanga yoonattti re'oota 4,000 ol du'uu himan.

Hongee kana dura horsiise bultoonni harreen bishaan waraabu. Amma garuu harreenis beeylada hongeen miidhaman keessa taateetti.

Roobni Fulbaana keessa naannichatti rooba jedhame eegamaa ture otoo hin roobiin hafuun isaa goginsa dheeresse.

''Uummanni Aanaa Saawwenaa horii isaanii waliin buqqa'anii Aana Raayituu Araddaa Nagayaa keessa jiru.''

Sababa hongee kanaan harreen duri bishaan guuruuf tajaajilurree du'aa jiraachuu horsiisee bultoonni himu
Ibsa waa'ee suuraa, Sababa hongee kanaan harreen duri bishaan guuruuf tajaajilurree du'aa jiraachuu horsiisee bultoonni him

Horsiise bultoonni bishaan haroo barbaacha gara Aana Raayituutti godaanuufi horsiise bultoonni naannoo Somaalee Aanaa Raasoo jedhamurra horii isaanii wajjin gara Aanaa Raayituutti godaanullee himan.

Booranni maalitti jira?

Bakkeewwan hongeen hubaman keessaa Godinni Booranaa tokko. Bulchaan godinichaa Obbo Jaarso Boruu roobni roobus garuu 'xiqqaadha, bakka muraasa qofa roobe,' jedhan.

Ammallee yoo hin roobiin haalli cimuu akka danda'u ibsuun 'sodaa' akka qaban dubbatu. Ta'us, ammatti miidhaan namarra gahe akka hin jirre himan.

Deeggarsi gama nyaataatin gama dhaabbilee mootummaafi miti mootummaan dhihaachaa akka jiru himan.

Akka ragaa walitti qabametti, hanga ammaa horiin kuma shantamaa ol du'uu Obbo Jaarso himu.

''Duutillee [horii] dabalaa jira, kan kaasanillee dabalaa jira. Haalli deemamaa jiru dansaa miti. Deeggarsi dhufuutti jira garuu horii Booranaa kan miiliyoona 7'tti dhihaatu dhaqqabee dandamachiisuu hin danda'u.''

Hongeen alatti garuu torban lama dura eegalee Aanaa Dhaas, Goomolee, Areeroo, dabalatee weerarri awwaannisaa mudachuun yaaddoo biraa uumuu qondaalli kuni dubbatu.

''Kan bonni harka nu qabe kunilleen [weerara awwaannisaa] bona nutti ho'isuutti jira,'' jechuun dubbatan. Ammatti mootummaan federaalaa xiyyaaraan kemikaalaa biifaa jiraachuu BBC'tti himaniiru.