Wantoota ajaa'ibsiisoo shanan jijjiirama qilleensaa irratti dhiibbaa fidan isin hin beekne

Madda suuraa, Getty Images
Wantoota jijjiirama qilleensaa irratti dhiibbaa uuman keessaa kanneen hir’isuu qabnu beekna.
Geejjiba xiyyaaraa hir’isuu, danda’amnaan gara konkolaataa elektirikiitti jijjiiruu fi nyaata biqiltoota irratti hundaa’an fayyadamuu.
Garuu wantoonni isin hin hubatiin muraasni jiraachuu malu.
Haala jireenyaa keenya keessaa wantoonni ajaa’iboon shan jijjiirama qilleensaa irratti dhiibbaa uuman kunooti.
1. Ruuzii

Madda suuraa, Getty Images
Ummata addunyaa keessaa walakkaa ol akka nyaata bu’uraatti ruuzii nyaatu, akka Dhaabbatti Mootummoota Gamtoomanii jedhutti.
Garuu midhaan qonnaaf rakkisaa ta’edha.
Lafa qonnaa kanaaf barbaachisu jallisiin jiidhaa akka ta’u gochuuf bishaan hedduu barbaada, kun ammoo orgaanizimiin xixiqqoo biyyoo jiidhaa keessa jiran gaasii meetenii, kan kaarbon dayoksaayidii caalaa hamaa ta’an akka oomishan taasisa.
Qonnaan ruuzii, madda gaasii lafa qonnaa nam-tolchee irraa maadduu keessaa %1 hanga %2 ta’a. Dachee qonnaa kanaaf ta’u mijeessuuf hojiin bosona ciruu ammoo kaarbon daayoksaayidii maddisisamuuf gumaacha.
Addunyaa guutuutti qorattoonni, ruuzii qulqullina qabuu fi biqilchuuf lafa jiidhaa hin barbaanne oomishuun, dhibbaa qonnaan ruuzii jijjiirama qilleensaa irratti uumu hir’isuuf hojjachaa jiru.
2. Intarneeta irratti waa barbaaduu

Madda suuraa, Getty Images
Salphaatti intarneeta irratti waa barbaaduun, kaarboon daayoksaayidii giraama muraasa ni maddisiisa, kunis sababa neetwoorkii shiboo-maleessa (wireless) fi meeshalee keenya fayyadamuuf anniisaa ba’udha.
Xiqqoo fakkaachuu danda’a, garuu gabaasni dhiyeenya ba’e akka tilmaamutti addunyaa guututti fayyadamtoonni intarneetaa biiliyoona 4.66 ta’an jiru, kun dabalaa deemaa jiras.
Guyyaa guyyaatti viidiyooleen YouTube sa’aatii biiliyoona tokko ta’an ni ilaalamu, Google ammoo ga’ee isaa ba’uun, sarveroota isaa sochoosuuf annisaa haaromfamuu danda’u fayyadama, viidiyoolee kana ilaaluun karaa fayyadamtoota karboon daayoksaayidii maddisiisa.
Qorannoon Yunivarsitii Biristool UK jiru keessatti gaggeeffame, bara 2016tti namootni YouTube daawwatan kaarbon daayoksaayidii toonii miiliyoona 11.3 ta’u maddisiisaniiru – kun hanga gaasii magaalaa Gilaasgoon maddisiisu waliin wal gita.
3. Haroo nam-tolchee

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo haroo nam-tolchee uumuuf lafti bishaaniin guutamu, biqiltoonni fi wantoonni biroon bishaaniin liqimsaman tortoranii yookaan bosbosuun meteenii maddisiisuu eegalu.
Qorattoonni Yunivarsitii Waashingitan – Vankuuvar, addunyaa irratti harooleen nam-tolchee waggaa waggaatti gaasii maddisisamu keessaa %1.3’f akka gumaachan bira gahaniiru – kun gaasii Kaanadaan guutummaatti maddisiistu waliin wal gita.
Ta’us, harooleen nam-tolchee hedduun akka madda annisaattis ni fayyadu.
4. Baaduu

Madda suuraa, Getty Images
Industirii omisha foonii fi aannanii keessatti foon sangaa fi hoolaatti aanee, kanneen kaarboonii maddisiisan gurguddoo keessaa baaduun sadarkaa sadaffaarra jira.
Baaduu kiiloograama tokko nyaatamu hundaaf, kaarbon daayoksaayidii kg13.5’tu madda. Kun wantoota jijjiirama qilleensaa irratti dhiibbaa uuman kan akka foon lukkuu, booyyee, tarkii ykn gosa qurxummii saalman waliin sadarkaa wal fakkaataarra taa'a.
Baaduu kiilograama tokko oomishuuf aannan gara liitira 10’tu barbaachisa. Baaduun lallaafaan aannan hedduu waan hin qabneef haala qilleensaa irratti miidhaa xiqqaa qabaata.
Omiishni nyaata aanannii gaasii %4 ta’u maddisiisa, kana keessaatti loonii fi bineensoti aannan dhiyeessan gariin itti gaafatamu, sababiin isaa bineensootni kun meteenii hedduu waan maddisiisaniifi, akkuma beekamu ammoo kaarbon daayoksaayidii caalaa meeteniin atmoosferii irratti miidhaa guddaa uuma.
5. Shamarran barsiisuu

Madda suuraa, Getty Images
Yemmuu dubartoonni fi shamarran mana barnootaa deemanii fi carraa wal qixa ta’e argatan, maloota jijjiirama qilleensaa hir’isan hedduu uumu irratti akka gumaachu qorannoon gaggeeffame ni agarsiisa.
Dubartiin barumsa sadarkaa lammataa xumurte, dubartii barnoota sadarkaa tokkoffaa qofa xumurterra, jireenya ishee keessatti da’imman muraasa da’uu malti.
Lakkoofsi daa’imman dhalatanii hir’isuun isaa, guddina lakkoofsa uummataa hir’isuun, kanaanis lakkoofsa namoota kaarboonii maddisiisanii hir’isuun, dachee keenya irratti dhiibbaa gaarii uuma.
Dabalataniis barnootni shamarranii fi dubartoonni hoggantoota jijjiirama qilleensaa akka ta’aniif jajjabeessa.
Qorannoon akka agarsiisutti, biyyootiin paarlaamaa isaanii keessatti lakkoofsa dubartoota oolaanaa qaban, waliigalteewwan kunuunsa naannoo addunyaa uumuu, dacheewwan uumaa kunuunsaman uumuu fi qajeelfamoota jijjiirama qilleensaa ciccimoo ta’an ni qabaatu.
Saayintistiin dhimmoota waarawaa (sustainability) Piroofeesar Kimberlii Nikoolas akka jettutti: ''Barnootni shammarranii fi hawaasa keessatti jajjabina argachuun isaanii, pilaaneta keenyaaf barbaachisaadha.
Garuu shammarranii fi dubartoonni carraa akkanaa argachuu kan jijjiirama qilleensaaf qofa osoo hin taane, kun addunyaa keessa jiraannu waan ta’eefi.”














