COP26: Biyyootni 40 ol cilee fayyadamuu dhaabuuf waadaa seenan

Madda suuraa, Reuters
Biyyootni 40 ol tahan kora jijjiirama haala qilleensaa COP26 irratti maddoota annisaa kanneen akka cilee, peetrooliyeemiifi gaasii uumamaa fayyadamuu dhaabuuf waadaa seenan jechuun mootummaan UK beeksise.
Biyyoonni cilee haala olaanaa taheen fayyadaman kanneen akka Poolaand, Veetinaam fi Chiilii dabalatee kaanis waadaa warra seenan keessaati.
Jijjiirama haala qilleensaaf sababii wantoota tahan keessaa cileen isa guddaa dha.
Biyyootni kanneen akka Awustiraaliyaa, Hindii, Chaayinaa fi Ameerikaan diinagdeen isaanii cilee irratti hirkatu waadaa seenuurraa of qusataniiru.
Waliigaltee kana biyyooti mallatteessan biyya keessattiifi akka addunyaatti annisaa cilee haaraa fayyadamuu dhaabuufi kan isaan waadaa galan.
Baroota 2030 keessa anniisaa cilee irraa argamu diinagdee ijoof, bara 2040tti immoo biyyoota hiyyeeyyiif fayyadamuu dhaabuuf waliigalaniiru.
Barreessaan Daldalaafi Aannisaa UK Kiwaasii Kiwaarteeng ‘’yeroon cilee fayyadamuu dhaabnu dhiyootti mul’achaa jira,’’ jedhan.
‘’Addunyaan keenya kara sirriin adeemaa jirti. Cilee anniisaa haaromfamuun bakka buusuufi fayyadamuu dhaabuuf qophii ta’aa jirti,’’ jedhaniiru.
Waliigaltee kana biyyooti 40 ol mallatteessaniiru. Poolaand, Veetinaamiifi Chiiliin yeroo jalqabaaf cilee kattaa ijaaruu dhiisuufi damee kanarrattis maallaqa baasuu dhaabuuf biyyoota waliigalan 18 keessaa tahuusaanii UK’n himteetti.

Odeessaalee jijjiirama qilleensaarratti dhiyeenya kan midhaassine kaan:
- Saal-qunnamtii sirnakkoo waliin deemu maal, akkamiin faalama naankaluu xiqqeessa?
- Baayidan hogganooti Chaayinaa fi Raashiyaan kora jijjiirama qilleensaarraa hafuu qeeqan
- Hogganootni addunyaa 2030tti mancaatii bosonaa dhaabuuf waadaa seenan
- Jijjiiramni qilleensaa barbaadamummaa buna Itoophiyaa 'dabaluu mala'
- Bineensonni Paarkii biyyaalessaa Booranaa bonni itti jabaate haala akkamiirra jiru?

Dhaabbata mootummaa UK hordofu, ‘UK Shadow’tti barreessaan dhimma daldalaa Eed Miliibaand, biyyooti akka Chaayinaa gaasii naannoo faalu sadarkaa olaanaan gadhiisan, cilee akka anniisaatti fayyadamuu dhaabuuf yoo hin murteessine ‘’cilee faayidaa ala gochuu irratti qaawwi ni jiraata,’’ jedhan
Sadarkaa idil-addunyaatti fayyadama cilee gama hir’isuun foyya’insi mul’atus ammallee aannisni elektiriikii addunyaa harka 37 tahu kanumarraa argama.
Biyyootni kanneen akka Afrikaa Kibbaa, Poolaandiifi Hindii madda aannisaa isaanii kan haaromfamu gochuuf maallaqa guddaa baasuun isaan barbaachisa.
COP26’tti ergamaan ‘Green Peace’ Juwaan Paabloo Osrniyo, ’’ibsi kuni ammas waggaa kudhan keessatti waan tahuu malurraa waan hanqate dha,’’ jedhan.
Dabaluunis ’’waliigaltichi waan bareedaa fakkaatus yoom hojiirra oolchuu akka qaban biyyootni sagantaa mataasaanii akka filatan carraa guddaa kan kennu fakkaata,‘’ jechuun himan.















