Bineensonni Paarkii biyyaalessaa Booranaa bonni itti jabaate haala akkamiirra jiru?

Uummanni Boorana kunuunsaafi eegumsa bineensota bosonaa irratti aadaafi muuxxannoo cimaa qaba. Haata'u malee uummanni ofiif rakkoo bonaa keessa jiru bineensota bosonaa paarkii godinichaa baraaruuf aarsaa kaffalaa jiraachuu BBCtti himan Itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Booranaa Obbo Nugusee Waataa.
"Goljaawwan huqqatan nu quunnameera. Ragaas ni qabna. Du'aatiin isaa garuu hanga ammaatti nun qunnamne," jedhan Ittigaafatamaan kun.
Bonni kan itti cime godinni Booranaa namaafi beeladni akkasumas bineensi bosonaa rakkoo hamtuun isaan mudateera.
Bonni deddeebi'ee godinicha mudatu kun horsiise bulaa godinichaaf qofa osoo hintaanee Paarkii Biyyaalessaa Booranaafillee rakkoo ta'uutu himama.
Haata'u malee uummanni Booranaa ofiifuu rakkoon mudate bineensota paarkichaaf aarsaa kaffalaa jiraachuu itti gaafatamaa paarkichaarraa dhageenye.
Miidhaa gahaa jiru…
Sababa dheerachuu bonaatiin walqabate bineensonni Paarkii Biyyaalessaa Booranaa yeroo miidhaman kun isa jalqabaa miti.
Bona bara kanaatiinis maddi soorataafi bishaanii kan jalaa hir'ate bineensotni paarkichaa tokko tokko miidhaan irratti qaqqabeera.
"Bonni kun erga dhufee, keessattuu bineensi akka Goljaafi Harree diidaa adda dureen sababa bishaaniin akka miidhamman ni beekkama," jechuun itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Boorana Obbo Nugusee Waataa BBCti himaniiru.
"Goljaa irratti huqqinni gurguddaan ni mul'ata. Kan nuti hin argine kan du'anis jiraachuu danda'a. Gama harree diidaatin hanga ammaa hin duune. Haata'u malee sababa bona kanaan akka saaxilaman ni beekama," jedhan.
"Goljaawwan huqqatan nu quunnameera. Ragaas ni qabna. Du'aatiin isaa garuu hanga ammaatti nun qunnamne," jedhan.
Paarkicha keessa iddoon gosti harree diidaa akka gaanfa Afriikaatti lakkoofsi isaa xiqqaa ta'efi 'Greevis Zeebra' jedhamu itti jiruufi marga bal'aa qabaachuun beekkamu naannoon Saaritee jedhamu bishaanin dabalataan uwwisni margaallee daran xiqqaachuu Obbo Nugusee Waataa BBC'tti himaniiru.
Uummata aarsaa kaffalaa jiru…
Uummanni Boorana kunuunsaafi eegumsa bineensota bosonaa irratti aadaafi muuxxannoo cimaa qabaachuu himan itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Booranaa Obbo Nugusee Waataa.
Kanaaf, uummanni ofiif rakkoo bonaa keessa jiru bineensota bosonaa paarkichaa baraaruuf aarsaa kaffalaa jiraachuu himan.
Uummatni marga bifa gargaarsaan loowwansaatif kennamerraa hir'isee bineensota bosonaaf yeroo kennu arguu isaanii dubbatu Obbo Nuguseen.
Tibba kanas suuraawwan wayita namoonni Booranaa bineensota bosonaaf bishaan laatan agarsiisan miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodamaa turan.
Kunneen keessaa immoo iddoo Saaritee jedhamutti namni Obbo Gurraacha Galmaa jedhaman harree diidaa boolla keessatti kufte boolla keessaa baasuun qaama dhiqanii gara paarkiitti akka deebitu taasisaniiru.
Bishaan rakkoo uummata Booranaa isa ijoo…
Godinni Booranaa godinaalee Oromiyaa rakkoon bishaanii hammaattaa itti mul'atu keessaa isa tokkodha.
Gaafiin bishaanii uummaticha biraa waggootaaf ka'aa turullee rakkoon bishaanii ammallee hammaataadha.
"Rakkoon guddaan bal'inaan ibsachaa turre rakkoo dhaba bishaaniiti. Kun immoo kan furamuu danda'u akkuma waliigalaatti rakkoon bishaan godina Booranaa yoo furamedha" jedhu Itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Booranaa Obbo Nuguseen.
Yaaddoo godaansaa xiqqaa…
Bineensotni bosonaa wayita gogiinsi mudatutti iddoo margaaf bishaan akkasumas nyaata fooyyee itti argatanitti baqachuun/godaanuun baramaadha.
Haata'u malee yeroo ammaatti Kaabni Keeniyaa naannoon daangaa Boorana bona ta'uu kan himan Obbo Nugusee Waataa, carraan bineensota Paarkii Biyyaalessaa Booranaa garasitti godaanuu xiqqaa ta'uu himan.
Godina Booranaa iddoowwan tokko tokkotti roobni xixiqqaan roobaa jiraachuunis dandamannaa bineensota bosonaaf abdii kan ta'edha.
Waa'ee Paarkii Biyyaalessaa Booranaa
Dawoo Bineensotaa Yaabal'oo (Yabelo Wildlife Sanctuary) kan ture Paarkiin Biyyaalessaa Boorana bara 2005 paarkii biyyaalessaa ta'e.
Yeroo ammaatti lafa Iskuweer Kilomeetira 3,741.7 kan uwwisu yoo ta'u, gosoota simbirroo fi hoosiftoota garagaraa of keessatti qabatee argama.
Gosoota simbirroo 286 ol paarkichi qabu keessaa gosti simbirroo afur godina Booranaa keessatti qofa kan argamanidha.
Leenca, sattawwaa, arbafi harree diidaa (gosa lama) dabalatee bineensotni hoosiftootni gosti 46 ol paarkicha keessatti argamu.













