'Ani waa'ee Booranaa, bishaan Booranaa yoo kaasan imimmaantu na qaba'

Madda suuraa, Getty Images
Injinar Hayilamaariyaam Kabbadaa ogeessa bishaan lafa jalaa qoratudha. Oggeessoota A L I bara 1998 - 2003tti Borana keessatti bishaan lafa jalaa qorataa turan keessaa tokko akka ta'an BBCtti himu.
Humna bishaan lafa jalaa godinichatti argamu waan beekaniif har'a yeroo hongeen miidhaa qaqqabsiisaa jiru argan kana: ''Ani waa'ee Booranaa, bishaan Booranaa yoo kaasan imimmaantu na qaba,'' jechuun miirasaanii ibsu.
Rakkoo hongee ummata horsiise-bulaa kana bara baraan mudatuuf furmaata waara'aa fiduuf murtoo siyaasaa barbaada jedhanii amanu oggeessi kun.
A L I bara 1992tti hongee guddaa Boorana mudateen horii 250,000 ol fixuu yaadachuun, isarraan ka'ee mootummaan bishaan lafa jala yoo jiraateef jedhee qorachiisuuf murteesse ture jedhu.
Bu'aa qorannoo argataniin Boorana keessatti humni bishaan lafa jalaa kan guutummaa horiifi ummata godinichaa gahuu irra darbee omisha jallisiifilleen ta'uu danda'u akka ta'e himu.
Gargaarsiifi birmannaan wayituma hongeen mudatutti taasifamu rakkoo ummatichaa bu'uurarraa furuu hin danda'u kan jedhan ogeessi kun, furmaata waaraa murtoo siyaasaa barbaachisu gaafata jedhu.
"Hongeen bara egeeres ni dhufaa akkamiin tolchita? Amma osoo gargaarsa walitti qabna jennee atiifi ani loon meeqa namaaf bitna? Lubbuu loon meeqaa oolcha? Hanga yoomiitti waggaa waggaan kun ta'a? Xiyyeeffannoon furmaata waara'aa barbaaduurratti ta'uu qaba," jechuun dubbatu.
Jiraataa aanaa Dubluq godina Booranaa kan ta'an Aab Turee Liiban sababa hongeen hammaatteen horiin margaa-bishaan dhabanii rakkina jabduu of harkaa qabachuu dubbatan. Cidii bitachuufis kiiloomeetira 100 ol garaa Yaaballootti akk imaluu jalqaba Onkoloolessaatti BBC Afaan Oromootti himatanii ture.
Akka Aab Tureen jedhanitti, roobni gannaa waan hafeef hongee mudateen beeyiladoonni hedduun du'aa jiru.

Madda suuraa, Komunikeeshinii godina Booranaa
Rakkoon kun aanaa Dubluq qofatti osoo hin taane guutummaa Booranaatti kan mudataa tureefi jirudha jedhu.
Hongee cimaa ummameen ummanni Booranaa horii hedduun jalaa dhumee, namoonni kuma 200 ol ta'an gargaarsi nyaataa barbaachisuu bulchaan godina Booranaa Aab Jaarsoo Boruu BBCf mirkaneessan.
Waqtiin roobaa dabre hin roobiin hafuun isaa balaa hongee godinicha qaqqabu hammeessuu dubbatu anga'aan kun.
"Sa'illee guddoo beela'ee, bishaan hin jiru, marga hin qabu. Horiin kan du'anilleen ni jira. Namni kan beela qabullee inuma jira," jechuun ibsu.
Torban kana keessa ammoo jilli aanga'oota mootummaa naannoo Oromiyaa qaamaan godinichatti argamuun rakkoo ummanni itti jiru daawwachuun, bottee bishaaniifi nyaata loonii haala ittiin dhiyaatu mijeessaa jiraachuun gabaafameera.
Namoota miidiyaa hawaasaarratti dhiibbaa uumuu danda'an dabalatee lammileen hedduunis bakka gara garaa irraa maallaqa walitti qabuuf yoo sosocho'an mul'achaa jira.
Jireenyi hawaasa Booranaa kun sababa hongeetiin gaaga'amuun bar tokko ykn bar lama qofa kan mudatu miti.
Kanaaf, birmannaan kun garuu kan yeroof ta'udha malee, hongee bara baraan mudatu keessaa waan isaan baasu miti.
Maaltu Borana maraammartoo rakkoo hongee kana keessaa baasa?
Jireenyi hawaasa horsiise-bulaa Booranaa caalmaan horii irratti waan hundaa'uuf bara dhufee darbu roobni yeroo hafu ykn xiqqaatu hongeen uumamee beelaaf saaxilamu.
Bara cufaayyu sababa hongeefi goginsaatiin namoonni miidhamaa jiru waan ta'ee mootummaan rakkoo kana furuuf maal lafa kaawwate jechuun BBC Afaan Oromoo Aab Jaarsoo Boruu gaafateera.
Silaa rakkoo kalee dubbatan har'allee dubbachuun hin malle kan jedhan Aab Jaarsoon, "yaa taatuu ammoo erga jijjiiramaa mootummaan haaraan kun hundaa'ee imaammataafi tarsiimoo haaraa bocate hawasa horsiise-bula bifa fayyaaduu danda'uun, karaa jireenyi isaa jijjiramuu danda'uun irratti hojjetamaa jira," jedhan.
"Wanti tokko har'uma yayyabamtee, har'uma firii irraa hin argatan. Ammoo karoora badhaadhinaa kana keessatti bahee wanti guddaan yaadamaa jira. Wantonni hojjetamuu malu bal'aan jira."
Hojiiwwan akka hubannoo ummataaf kennuu, lakkoofsa horii xiqqeessuu, yoo bokkaan xiqqaatellee marga haamanii tuulanii qopheessuun; akka hawaasni Bona dandamachuu danda'ufi gammoojjummaan hir'achuu danda'u muka dhaabanii, bokkaan muka guul deema waan ta'eef wanti akkasitti hojjechuuf karoorfame ni jira jedhu Aab Jaarsoon.
Huneessitoota Dhaabbata Dizaayiniifi To'annoo Oromiyaa kan ammaa Korporeeshinii Inginaring Oromiyaa jehamu keessaa tokko ta'an, Injinar Hayilamaariyaam, qorannoo A L I bara 1998 - 2003 gaggeessaa turaniin lafti Booranaa gama Kibba-Lixaa magaalaa Yaballoo jiru uumamaan bishaan qabachuu adda baafachuu ibsu.
Akka qorannoo kanaatti, lafa diriiraa akka aanaalee Taltallee, Dilloo, Dirree, Eelwayyaa bakka gara garaa bishaan lafa jalaa ni jira.
Hojiin qorannoo yeroo sana gaggeeffames akka biyyaatti guddaafi tekinooloojii jira jedhame kan fayyadamuun, akkasumas doktoroota sadii Yunivarsiittii Finfinnee irraa kan hirmaachise akka ture yaadatu.
Rakkoon Boorana jiru bishaan dhabuu miti kann jehan Injinar Hayilamaariyaam, yoo xiqqaate boolla afurtama qotaman keessaa bishaan guddanis xixiqqaanis argamaniiru jedhu.
Humni bishaan qorannoon argame kun gahaa ta'uu yeroo ibsan ogeessi kun, ummanni Booranaa cufti loon isaafi nama irra darbee hojii lafa obaasanii marga magarsuu, akkasumas qonna jallisiif gahaa ta'utti jira jedhu.
"Fakkeenyaaf, boolla tokko keessaa hanga sekondii tokkotti liitira torbaatama baasuu danda'utu jira. Boolli gurguddoon akkanaa biroon hedduun ni jiru. Dabalatees qotuu ni dandeessa."
"Kun qoratamuun bira gahameera jira."

Madda suuraa, Komunikeeshinii godina Booranaa
Rakkoon maal kan jedhuuf, achii baasanii rabsuu danda'uudha akka Injinar Hayilamaariyaam jehanitti.
Lafa keessaa humna jeneraataraan dhiibanii baasuu barbaachisa kan jedhu ogeessi kun, bishaan boollaa bahes ujummootiin dhiibanii gaara gubbaatti baasuun hiruufis humna biraa barbaachisuu isaa ibsu.
Ujummoon ittiin bishaan kana dhiibaniifi ittiin diriirsan lamaanuu gara malee miyaadha jedhan.
"Fakkeenyaaf, jenereetarri boba'aa barbaada. Osoodhuma jeneraatarri dhaabbateeyyu ummanni kun boba'aa guuttattee bishaan dhuguu hin danda'u.
Kanaaf, bishaan kana baasanii bakka barbaadamuun gahuutu rakkoodha.
Bakka amma bishaan itti argame kanaa Areeroo geessuudhaaf tilmaamaan kiiloomeetira 200 ta'uu akka fakkeenyaatti kaasuun, bishaan kiiloomeetira 200 oofuun ammoo salphaa akka hin taane ibsu.
"Rakkoo kana furuudhaaf maallaqa barbaachisa. Qorannoo kanaan akka bishaan lafa jala jiru bira gahameera. Akki itti diriirsanis ni jira, taa'eera. Ammallee namoonni irratti hojjechaa jiru. Mootummaanillee hin teenye. Waggaa waggaan ykn ganna gannaan hojjechaadhuma jira garuu xiqqaadha kan inni sochoosu. Maallaqa guddoo barbaaddi kun."
Falli waara'aan godina Booranaaf ta'u akkuma yeroo qorannoo sana xiyyeeffannoo guddoon mootummaan itti kennamee baajata itti barbaaduun akkaataa bishaan kun bahee uummata bira gahuu danda'urratti hojjechuu akka ta'e akeeku.
Hojiin kun baajata mootummaa naannootiin ol ta'uu waan maluuf baajata mootummaa federaalaa kan gaafatu ta'uu danda'a; Feeraalli ammoo baajata guddoo ramadee kan gochuu ni danda'a jedhan.
Injinar Hayilamaariyaam, deeggartoota maallaqaa idil-addunyaa gaafachuun bishaan ummata biraan gahuun fala tokko ta'uu danda'na jedhu.
Lamaffaa ammoo, humni bishaan kanaa jeneraatara qofaan dhiibamee bakka barbaadame gahuu waan hin andeenyeef, humna elektiriikaa [sub-station] bakka sanatti dhaabuu gaafata.
Kun bara 2002tti mootummaatiin waadaa galamee ture garuu hanga yoonaa akka hin raawwatamiin kaasuun, knarratti hojjechuunis barbaachisaa ta'uu eeru.
Injinar Hayilamaariyam hojii qorannoo sanaaf xiyyeeffannoo kenname haalaan gaarii ta'uu eeruun, ogeessonni akka dhuunfaattis akka irratti dadhaban yaadatu.
"Ani nan yaadadha yeroon guyyoota 47f akaa'ii nyaadhee hojjechaa turre. Gommaan konkolaataa na jalaa dhohee bakka leenci jiru, bofti jiru keessa rafee buleera. Yeroo sana namoonni kaka'umsa guddaafi xiyyeeffannoo guddaatiin hojjetaa turan."
Ammas jedhu Injinar Hailamaariyam Kabbadaa, haalli ittiin mootummaallee gargaaranii bishaan kana uummata kana biraan gahan osoo jiraatee gaariidha jedhu.
"Ani waa'een Booranaa, bishaan Booranaa yeroo kaasan imimmaantu na qaba. Ittin dhama'ee, nan beeka, ummanni sun nama gaddisiisa akka malee. Osoo deemiitii midhaan nyaadhuutii miindaa malee hojjedhu naan jedhanii deemeen hojjedha.
''Rakkoon ummata kanaa kan hiikkatu ammoo kana qofaan," jechuun ibsan.















