Aadaa: Uusa (garaacha) ilaaluuun maali? Yoomiifi eenyuun ilaalama?

Madda suuraa, Getty Images
Maloota aadaa uumamaan hidhata qaban kan uummanni Oromoo jireenyasaa ittiin qajeelfatu keessaa urjii samii fi garaacha horii (uusa) ialaaluun isaan ijoodha.
Keessattuu uummanni horsiisee bulaa haala hawaasummaa, siyaasaa fi diingdeesaa ittiin gaggeeffachuuf mala kanatti dhimma bahuun beekama.
Malli uusa ilaaluun haala fuulduratti mudachuu hedu raagan kun yeroo ammaa uummata Oromoo Booranaa biratti sirriitti beekama.
Uummanni Boorana horsiisee bulaa ta'e kan yeroo baay'ee balaa hongeen miidhamu mala raaga haala qilleensaa aadaa kanatti fayyadamuun dursee qophii taasisa, tarkaanfi itti aanuufis of qopheessa jedhan Qorataan aadaa fi barreessaa kan ta'an Aab Jaatanii Diidaa.
Namoonni uusa ilaalan kan maqaa uuchuu jedhamuun beekaman, raaga haala qilleensaa ilaluun hawaasi haala siyaasaa, aadaa fi diinagdee isaaarratti maal gochuu akka qabu ni gorsu.
Namoonni kunneen Ayyaantuudha, beekumsa argaa dhageettiin darbaa dhufeen waan as adeemu raaganii hawaasaaf gabaasu, garuu beekumsi kun namoota ayyaantuu hin taane birattis babal'ateera.
Uusi maali, yoomiifi maaliif ilaalama?
Uusa jechuun qaama garaa keessaa hunda yoo ta'u kan ilaalamu ammoo mar'imaan fi moora jedhan AAb Jaataniin.
''Oromoon haala fuudluraa hundayyuu baruuf uusa ni ilaallata. Haala qilleensaa kana akka roobaa, hongee, haala nageenyaa akka waraanaa,fi dhimma daangaa, dhibee baraa, balaa lubbuu namaarra ga'uuf deemu hunda garaacha horii irraa ialaala,'' jechuun uusa ilaaluun jiruu fi jireenya hawaasaa akka qajeelchu dubbatan.
''Fakkeenyaaf yoo mar'imaan dhoqqee baay'ee jiidhaa fi cumaa hedduu qabaate roobatu jira. Uusi kallattiilee ni agarsiisa(Kaaba, Kibba, Baha, Dhiha), kallattiin gadaan irra godaanuu fi waan isa mudachuu malullee ni mul'isa,'' jedhan.
Wayita dubbisan akka nama kaartaa(danaa lafa Booranaa) dubbisuutti fayyada kan jedhan Aab Jaataniin,''Namni uusa ilaalu gami kun Liiban, Moyaalee, Keeniyaa, golboo, Baddaa fi hundumaa adda baasee namatti hima,'' jedhan.
''Uusi waa'ee horiillee ni agarsiisa,fakkeenya horii ati bittuu fi gurgurtu ta'uu danda'a, kan hattuun hattu ta'uu danda'a, kan du'u ta'uu danda'a, hundumaa ni agarsiisa.''
''Horii tokko mar'imaan isaa yoo ilaalan eessatti akka dhalate, halkan moo guyyaa, muka inni jalatti dhalate, yoom akka dhalate hunda irraa ilaalu.
Uusa eenyutu ilaala?
Uusa jechuun barreeffama guddaa, kan namni hundi dubbisuu hin dandeenye, kan namni beekumsa isaa qabu qofti dubbisuudha jedhan Aab Jaatanii Diidaa.
''Uusa qajeeltootti kan ilaalu warra beekumsa kana argaa dhageettiidhaan jaarrolee jalaa barateedha. Beekumsi wal haa caalu malee garuu namuu wayita horii qalatu inuma ilaala,'' jedhan.
''Namni beekumsa guddoo qabu waan hedduu ilaala. Yeroo dheeraallee raaguu danda'a. Uusa loonii, kan hoolaa, kan re'ee ilaalee yeroo hanga waggaa tokkoo, ji'a ja'aa akkasumas yeroo dheeraa raaguu danda'a.''
Wayita uusa ilaalan haala sadarkaa biyyaarraa hanga balbalaatti mudachuuf malu bu'anii raaguun ni danda'ama jedhan Aab Jaataniin.
''Fakkeenyaaf namni sirriitti ilaaluu danda'u waa'ee uummataa, waa'ee maatii fi waa'ee nama dhuunfaa sirriitti raaga. Haala mootummaallee ni agarsiisa, mootummaa dhufuu fi darbu ni raagu.''
Horii ariirratanii qalanirraa uusa ilaalu...

Madda suuraa, Getty Images
''Horii bineensi nyaate yookiin horii duute hin ilaalan, Booranni horii ariirratee qala, achii meedhicha kaayyata, horii akkasiin qalame yoo uusa ilaalan bareeda,'' jedhan Aab Jaataniin.
''Horii ariirratanii qalanii meedhicha kaawwatanii, meedhichaan tuqanii uusa toli jedhanii qalan yoo ilaalan irra fudhatama.''
Callisaniima uusa ilaaluu qofa osoo hin taane safuu fi duudhaan isaa kabajamuu qaba jedhan.
''Fakkeenyaaf aadaan uusaan walqabatu kan kabajamuu qabu jira. kabajii fi naamusi uuchuun eeguu qabdu ni jirti.
Seerri uuchuu Gumii Gaayoo irrattillee ni dubbatama, nama uusa ilaaluuf beekamtiin ni kennamaaf.''
''Warri uusa ilaalu kun garaa horii keessa waan jiru keessaa yoo tiruun hin ta'in waan biraa akka hin nyaanne gorfama. Yoo uusa horii nyaate, uusa ilaalee uusa nyaate jedhuun.''
Namni uusa nyaatu uusa hin baratu jedhama. ''Jaarroleen yoo uusa nama barsiisuu feetu jalqaba uusa hin nyaatin namaan jetti.''
Falaasama uusa ilaaluu...
''Oromoon argaa dhageettiin akka daddabarsaa yoona ga'etti dur waaqi qaamaan nama waliin jiraata. Qaamaa fi miiraan namarraa hin fagaatu, namallee barsiisaa ture jedhama,'' jechuun falaasama beekumsa uumamaa, uusa ilaaluu, booda jiru ibsu Aab Jaataniin.
Waan waaqi nama barsiise yeroo sana waa sadi.
Waan uusa kiyyaa urjii ilaalladhaa jedhe, waan uusa horii mar'imaan ilaalladhaa jedhe, halkan namatu isinitti hasaasa ganama waa gaafadhaa jedhe.
Waaqi haala kanaan raajiisaa namatti hime.
Ergasii hawaasi keenya keesstatuu horsiisee bulaan beekumsa kanatti fayyadamaa yoona ga'e kan jedhan Aab Jaataniin, beekumsi kun jiruu fi jireenya hawaasa kanaaf bu'uura ta'uu himan.
''Hawaasi horsiisee bulaa akka agarsiiftuu guddaa tokkootti itti fayyadama. Gama kaaniin warri karaa saayinsii deemanis raaga mala aadaa kana akka galteetti fayyadamaa jiru. Booranafaa yeroo hedduu dhufanii warra beekumsa kana qabu gaafatu. Waan akka jaarmiyaatti ijaaramee hin baratamneef malee silaa beekumsa guddoo addunyaaf gumaacha,'' jedhan Aab Jaataniin.
''Beekumsi uusa ilaaluu haphachaa jira''
''Nulleen abbootii keenya jalatti kan baranne ijoolleen keenya garuu barataa hin jiran, gama kanaan yaaddoo qabna,'' jechuun garaagarummaan beekumsaa mudachaa jiraachuu himan Aab Jaataniin.
Haga horsiisee bulaa fi horii jirutti uusa ilaaluun hinbadu jedhan.
''Haalli kun mala horsiisee bulaan ittiin jiruu fi jireenyasaa qajeelfatu, ittiin of-eegu makkana isaa waan ta'eef hafuu hin danda'u.''
''Ammallee namni uuusa sirriitti ilaalu giddu gala irraa fagaatanii ni argamu, Booranni uuchuun maltee(fagoo) jirti jedha. Warri bakkeewwan magaalaa Yaa'abal'oo irraa fagoo jiran keessa jiraatan ammallee akka dansaa barachuutti jiru,'' jedhan.
Naannoo magaalaatti garuu aadaan kun hagas mara miti. Beekumsi inuma jira garuu akka durii sana gadi fagoo miti.
Giddu galli barnootaa toko kan waan kana barsiisu waan hin jirreef haphachaa deema.
''Jireenyi horsiisee bulaallee jijjiiramaa jira, horsiisee bulaa hedduun gara magaalaa galaa jira, kun mataansaa dhiibbaa guddaadha,'' jedhu Aab Jaataniin.
''Fuulduraaf beekumsi kun ni haphata jennee yaaddofna, ammaaf garuu harkaa qabna. Horsiiseen bulaan ijoolleesaa barsiisaa jira.''
Garuu osoo namni waa'ee uusaa beeku osoo barnoota amayyaallee baratee beekumsa isaa ittiin utubee baay'ee mishaa ta'a yaada jedhus dhiyeessan.
''Amma garuu namni beekumsa kana qabu wayita gara barumsa ammayyyaatti ce'u sana ni dagata. Namni barataa jirullee muraasa, kunimmoo qaawwaa beekumsaa guddoo uumee jira.''
''Yeroo hedduu warri raaga haala qilleensaa dhufanii uuchuu kana walitti qabanii ragaa irraa fudhatanii beeku, Dhiyoo tanallee dhufaniiru. Ragaan argatan akka isaan gargaarellee nutti himan. Garuu beekumsa bu'uuraa sana dabarsuurratti qaawwaatu jira.''















