Aadaa Oromoo: 'Qanafni kabajaafi gaachana dubartiiti'

Qanafaa kana hin gatan. Dhadhaa dibanii coonessanii fannisanii olkaa’u
Ibsa waa'ee suuraa, Qanafaa kana hin gatan. Dhadhaa dibanii coonessanii fannisanii olkaa’u

Oromoota Sikkoofi Mandoo biratti dubartiin deesse mallattoo ittiin dubartoota kaanirraa adda ishee baasu qabdi. Meeshaa aadaa Qanafa jedhamu adda irratti hidhatti.

Qanafni kun kabajaafi gaachana dubartiidha jedhu hayyoonni aadaa.

Qanafni maali?

Godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamannee kan jiraatan Aadde Girjaa Aannootaa Qanafni meeshaa aadaa kabajni dubartii ittiin mul’ifamudha jedhan.

“Qanafaan muka hindheessaa yookan mi’eessaa irraayi kan hojjetamu. Qanafaan kuni mallattoo dubartii deessuuti. Calleedhaan faayaniiti gogaa qal’aadhaan addarratti kan hidhatani,” jedhan.

Qanafaan kuni kan hidhatamus dubartiin deesse guyyaa shan yookan jahaffaatti erga qaama dhiqatteen boodadha, akka Aadde Girjaan jedhanitti.

“Kan dhalate suni dhiira yookan durba yoo ta’e guyyaan itti qaama dhiqatan (Wobaqaa) garaagarummaa waan qabaachuu danda’uuf, guyyaan itti Qanafa hidhatanis garaagarummaa qaba.

Guyyaa shanaffaa yookan jahaffaadhaa hanga baatii shanii yookan jahaatti hidhatti,” jedhu.

Dubartii deessuun Qanafaa hidhatte mirgootaafi kabajaawwan dabalataa qabdi kan jedhan ammoo maanguddoo aanaa Kofalee Obbo Gabramadin Guyyeeti.

“Deessuun Qanafaa kanaan kabajamti gaafa godaansa Gadaa wayyoomni yoo himamulleen dubartiin Qanafaa qabdu kabajaa guddaa argatti. Dubartiin Qanafaa qabdu hin arrabsamtu, manattis alattis hin rukutamtu,” jedhan.

Kana malees, lafa gabaatti, bakka bishaan waraabanitti, bakka midhaan daakkataniifi iddoo dabareedhaan tajaajilaman kamittuu dubartiin Qanafa hidhatte dursa argatti malee hin hiriirtu jedhan.

Haadha qanafa keewwattee daa'ima baattee jirtu

Qanafaafi Siinqee

Abbaan manaa yoo haadha manaasaa kan Qanafa hidhatte reebemmoo adabbii akka qabus himu.

“Abbaan warraa yoo dubartii Qanafa qabdu rukute dubartoonni Siinqee qabatanii birmataniifii abbaa manaa sanatti ililchu.

Badii raawwate kanaaf dallansuu isaanii ibsu. Abbaan manaas waan balleesse kanaaf horii yookan hoolaa qalee dhiifama gaafata,” jedhan.

Siinqeen ulee laaftuu durbi Oromoo guyyaa cidhashee akka kennaatti fudhattu. Durba heerumtu sana aangoo, mirga, haqaafi wal-qixxummaa ishee ittiin kabachiiftu gonfachiifti Siinqeen.

Abbaan warraa yoo ishee dhaanee, ililchaa Siiqqeeshee qabattee gadi baati. Dubartoonni ollaas Siiqqee isaanii qabachuun ililleesheef dirmatu. Hamma rakkoonshee karaa manguddoon fala argattutti manatti hin deebitu. Siiqqeen aangoo hawaasa biroollee dubartiidhaaf kenniti jedhu warri aadaa irratti qoratan.

Kanaaf dubartiin Qanafa hidhattee jirtu tokko kabajaafi bakka isheef malu mallattoo ittiin argattu waan ta'eef, kun cabee jennaan ammoo aadaa Siinqeedhaan qajeelaaf jechuudha.

Deessuun Qanafaa qabdu kun yoo mana namaalleen deemte addatti waan kabajamtuuf dhadhaa dibamtee aannan dhugdeeti kan galuu qabdu jedhan.

Dubartiin deessee Qanafa hidhatte kun hanga ji’a jaha guuttee Qanafa kana hikkattutti abbaa warraa ishee waliin qunnamtii saalaa hin gootus jedhan Obbo Gabramadihin.

Ji’a jahaan booda erga yeroon Qanafaa hidhatan xumuramees Qanafaan kuni ni olkaa’ama.

“Qanafaa kana hin gatan. Dhadhaa dibanii coonessanii fannisanii olkaa’u,” jedhan. Akka Aadde Girjaan jedhanitti ammoo Qanfaan dhaalaanis ijoollee ofiitiif ni darabsu.

“Qanafaa kana namni dhala dhaabe ni olkaa’a. Yeroo mucaan kiyya fuudhee daa’ima godhatun haadha manaa isaatti hidha,” jechuun akka aadaan qanafaa kun darbu ibsu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, " Dubartiin dhara hindubbattu,nama dhara hin dubbanne immoo Rabbi ofiitti aansa."

Osoo sirni dimokiraasii amma addunyaan dubbatu kun hin jalqabiin dura Oromoon durirraa kaasee aadaa Gadaa isaa keessatti mirgiifi fedhiin dubartootaa umuriifi haala gara garaa keessa jiran ittiin eegamuuf tolfatee qaba.

Barreessaa kitaabaa qorannoo 'Saddoo Gadaa' jedhu kan barreessan Gargaaraa Piroofeesaraa Muluqan Kaasahun dhimmoota akka fuudhaa, dubrummaa, dhaalaafi kanneen biroo irratti seerota ammayyaa waliin adda addummaa qabaatanillee seeronni Gadaa keessatti dhimmi dubartii ilaalan garri caalu mirga dubartootaa kan kabachiisan jedhu.

"Kun Oromoon osoo sirni dimikiraasii ammayyaa hin dhufin irraa kaasee hangam akka mirga dubartootaaf xiyyeefannoo kennaa dhufe kan mul'isuudha," jedhan.