Aadaafi Seenaa Oromoo: Orooroon yoomiifi eenyuun qabatama, fardiifi gaachannihoo?

Yaa'a Gadaa Booranaa 71ffaa

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us

Ibsa waa'ee suuraa, Yaa'a Gadaa Booranaa 71ffaa

Torbee Darbe Giifti-duree Zinnaash Taayyaachoo yeroo ijaarsa mana barumsaatiif naannawa Ambootti dhakaa bu'uuraa kaa'an hawaasni naannoo gaachanaafi farda badhaafaman argatan qabatanii mul'atanii ture.

Dhimma dubartiidhaaf fardi, gaachanniifi eeeboon ni badhaafamaafi hin badhaafamu jedhan gidduuttis namoonni miidiyaa hawaasummaa irratti gara lamaaniin yaadota mormiifi deeggarsaa barreessaa turan.

Oromoota biratti fardi, gaachanniifi eeeboon akkamiin ibsama?

Maanguddoon magaala Amboorraa dubbisne Obbo Mararaa Faanaa, fardi, gaachanniifi eeboon hidhannoo waraanaa Oromoonni bara dheeraaf itti fayyadamaa turanii jedhu.

"Gaachanniifi eeboon mallattoo moo'ichaati. Abbuma arganiif osoo hin taane gootaaf kennama. Gaachanni manuma nama hundaattis hin argamu. Amma amma namuma hundatu baatee deemuu jalqabe. Kennaas yoo ta'e nama jaalataniif kennama, " jedhan.

Fardi, gaachanniifi eeboon kennaa gootummaa dhiirotaaf kennamudhas jedhan Obbo Mararaan.

Ta'us gootummaan dhiirota qofatti kan daanga'e waan hin taaneef baramuu baatus yeroon dubartootaaf kennamu jiraachuu mala yaada jedhus qabu.

"Meeshaaleen kuni sirumti isaaniituu meeshaa dhiiraati. Garuummoo dubartii keessas gootni jiru. Rakkoon jiru dubartiidhaaf farda, gaachanaafi eeboo kennuun waan takkaa hin baramne ta'uu mala," jedhan.

Kennaan kun dubartootaaf yoo kenname waan haaraa ta'uu waan maluuf jechas dubartoota gootummaa qabaniifi jaalataniif kennaan aadaadhaan dubartootaaf kennamu kennuun filatama yaadaa jedhus qabu.

Giddu-gala aadaa Oromootti qorataa seenaa kan tahan Obbo Alamaayyoo Hayilee ammoo farda, gaachanaafi eeboo dubartiin tasumaa hin qabattu yaada jedhu qabu.

"Dubartiidhaaf gaachannis, waraannis hin kennamuuf. Kennamnaan dogoggora. Fardi, gaachanniifi eeboon dhiiraafi kan kennamu. Kormilleen dubartiidhaaf hin kennamu, raadatu kennama, " jedhan.

Kennaawwan farda, gaachanaafi eeboo dubartootaaf yoo kennamu ni mul'ata kan jedhan Obbo Alamaayyoon, dubartiin lolaaf osoo hin taane mallattoo nagaati jedhan.

"Dubartiin haadha nagayaati. Hojiinshii nagaa buusuudha. Waraanni hin kennamuuf. Wanni hamtuun humnaa olii yoo dhufte malee dubartiin waraanas hin deemtu. Garuu nyaata ni dhiheessitiif, ni faarsiti ni jajjabeessiti. Dhiirris yoo dubartii arge caalatti onnata,'' jedhan.

Orooroon ulee jilaati…

Orooroon Ulee Abbaan Gadaa qabatudha. Iddoo tokko tokkotti Arooroo yookan Arooressa jedhamees bakki itti waamamu ni jira.

Orooroon gubbaafi jalaan mallattoowwan gosa lama kan qabudha. Kunis ibsama mataasaa qaba jedhu Obbo Alamaayyoo Hayilee.

"Mataan isaa bifa odaa yookan kallachaa qaba. Kallachi ammoo dhiira wajjin walqabata. Karaa jalaatiin ammoo Orooroon mallattoo dubartii ibsu qaba. Jaarmiyaalee lakkuu Oromoo kan ibsudha. Booranaafi Bareentuu, dhiiraafi dubartii, waaqaa fi lafas ni ibsa" jedhan.

Orooroon yeroo jilaa, yeroo waaqefannaafi sirnoota adda addaatti dhiironni kan qabatanidhas jedhan Obbo Alamaayyoon.

"Orooroo kana dubartoonni hin qabatan. Dubartoonni kan qabatan siiqqeedha. Aangoon Ororoofi Siiqqee walfakkaata. Kuni mirgi dubartiifi mirgi dhiiraa walqixa ta'uusaa kan ibsudha," jedhan.

Orooroo warra Gadaa, warra Hayyuufi jila deeman alattii dhiirotni hundi akka uleetti kan qabatana akka hin taanes himan.

"Orooroodhaan wal hin tuman. Yoo weedduu jila ta'e malees ittiin sirbuufii miti. Rakkinoota ittiin kan hiikan hirkata abbaa Gadaati," jedhan Obbo Alamaayyoon.