Godina Booranaatti hongeen beeyilada 3,000 caalan ajjeese

Namoota saawwa bakka ciisee kaasaa jiran

Godina Booranaatti roobni gannaa waan hafeef hongee mudateen beeyiladoonni hedduun obba'aa akka jiran, jiraattonnifi mootummaan hime.

Jiraataa Godina Booranaa aanaa Dubuluq kan tahan obbo Turee Liiban Jirmaa, rakkoon hongee bara kanaa jajjabduudha jedhan.

“Amma ollaa kiyyaa kan abbaa tokkoo loon 13 du’e. Kan abbaa dhibiilleen loon lamatu du’e. Gaalli illeen ollaa keenyaa saddeeti du’e. Kan kiyya loon afurtu obba’e,” jedhan Aab Tureen.

Beeyladoota sababa hanqina magraatin du’aniin alatti beelladi hedduun waan dadhabaniif humna namaatiin lafaa kaasaa jirras jedhan.

Dhiheessiin nyaata beelladaa kuni gama mootummaatiin waan hin qaqqabneef lafa dheeraa deemuun cidii akka bitachaa jiranis himu.

“Amma Dubuluq irraa baheen Yaabeelloodhaa harreedhaan cidii bitadhee deebi’aa jira. Lafa kiiloomeetira 100 ta’udha amma kanin deemee bitadhee deebi’aa jiru. Rakkoo hamtuun amma harkaa nuqabdu magra,” jedhan.

Rakkoo isaanirra gahaa jiru kana qaama mootummaatti beeksisanillee hanga ammaa gama mootummaatiin gargaarsi nugahe hin jirus jedhu.

Akka jiraataan kuni jedhanitti roobni yoo dhihootti hin roobnee fi haalli amma jiru kuni torbee muraasaf yoo itti fufe beelladi isaanii hundi obba’uu akka danda’ullee yaaddoo qabu.

Jiraataan aanaa Miyoo Aab Bukkee Jaldeessaa gamasaaniin, beelladi kan isaanii amma harka namaatiin kaafaman jiraatanis ollaa isaaniitii beelladi hedduun sababa magra dhabaatiin du’aa jiraachuu BBC’tti himaniiru.

Ittigaafatamaan waajjira Hoggansa Sodaa Balaa godina Booranaa Obbo Liiban Kabbadaa, aanaalee Godinni Booranaa qabu hunda keessatti hongeen beeyilada ajjeesaa jiraachuu himan.

“Rakkoon hongee kuni amma aanaalee keenya hunda keessa jira jechuu dandeenya. Aanaa tokkoon alatti aanaalee kaan keessa rakkoon jajjaba. Guyyaa guyyaadhaan beelladi du’uu jira,” jedhan.

Sababni rakkoo kanaa roobni waqtii isaa eegee roobuu dhabuun bonni waan dheerateef akka ta’ee fi gama mootummaatiin hanga danda’ame magra bittaan dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu himan.

Godinichatti miidhaa bonni beeyiladarraan gahe yoo himanis “Gabaasa hanga ammaa qabnuun beeyiladi 1300 caalu humna namaatiin lafaa kaafamaa jira. Beeyiladi 3,000 caalu ammoo du’aniiru. Miidhaan kuni Boorana cufa keessa jira. Waan haalaan jajjabaati,” jedhan.

Yeroo ammaa aanaalee sadi keessatti bokkaan hammaan xiqqaa ta’e mul’achuu fi ta’us kan hanga amma jiru rakkoo kan furu akka hin taane himan.

Godinichatti beeyiladoonni bonaan waan miidhamaniif amma yoo roobni roobelleen dandamachuu dhabuun miidhaan biraa gahuu akka malulleen himan obbo Liiban.

Bittaan magraa rakkoo kana guutuutti furuu dhabus mootummana hamma humni danda’e dhiheessuuf adeemsarra jiracahuus eeran.

Godinichatti sababa hongee kanaan beeyiladaan alatti hanga ammaa namarratti miidhaan gahe akka hin jirres obbo Liiban BBC’tti himaniiru.