Keeniyaa, Marsabeetiifi Taanaa Riivaritti horsiise-bultoonni ongee dheerateen hedduu miidhamaa jirra jedhan

Namoota qe'ee ongeen miidhetti bishaan soqaaa jiran

Horsiise-bultoonni Kaaba Keeniyaa, bulchiinsa Marsabeet, akkasumas Taanaa Riivar jiraatan ongee cimaa ji'ootaaf turerraan kan ka'e haala sodaachisaa keessa jiraachuu BBCtti himan.

Naannolleen kunneen bokkaa ji’a jahaa hanga kudhanii osoo hin argatiin waan turaniif namoonni horiisaanii hunda dhabuun harka qullaa hafuu dubbachaa jiru.

Kun ammoo daa’imman nyaata madaalawaa dhabuun dhukkubaaf akka saaxilaman gochuurra darbee amma namoonni beelaafi dheebuun du’aa jiraachuu dubbatan.

Akkasumas, dhukkuba horiirraa namaatti daddarbuun horsiise-bultoonni hedduun miidhamaa jiraachuus ni himu.

Lammiileen Keeniyaa miiliyoona 2.1 tahan sababa hongee kanaan hanqinni nyaataa akka isaan mudate kan gabaafame oggaa tahu, Pireezidantiin biyyattii Uhuruu Keeniyaataa goginsa mudate kanaan ''balaa biyyoolessaati'' jechuun labsaniiru.

Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbati deeggarsa namoomaa kennu OCHAn Ebla 2021 keessa haalli Taanaa Riivaariifi Marsabeet keessa jiru hamaa ta’uu ibsee ture.

Haalli amma jiru itti fufnaan sadarkaan itti aanu kan balaawwan gurguddaa geessisu ta’uu dhaabbati dhimma ongee biyyattii to’achuurratti hojjetus BBCtti hime.

Jijjiramni qilleensaa hanqina roobaa qaqqabsiisuun Keeniyaa keessatti hawaasni horsiise-bulaa beelaan hubameera.

"Asiin dura yeroon kun waqtii bokkaa ture; amma ammoo bakka roobaa ongeen cimuun isaa waan haaraa ta’e nutti dhufe," jedha jiraataan Marsabeet kan barbaacha marraa bishaaniif kiiloomeetira 70 ol qe'eerraa fagaatee jiru Garbuu Dambalaa.

Yeroo dhumaaf bokkaa kan argatan Ebla darbe ta'uu himuun, “Eegii ji’a afurii takkaa bokkaa hin arganne; sulleen waan guyyaa tokkoo lama roobe. Roobni tures bakka cufatti osoo hin taane iddoo muraasa qofa. Yoo Waaqni nuu hin roobiin du’a malee wanti hafe hin jiru,” jedha

Jiraattonni Xaanaa Riivaar akkasuma ji'oota kudhaniif bokkaa dhabanii horsiise-bultonni lubbuu horiifi kan namaaf sodaachutti jirra jedhan.

Ganda Wayyuu Boroo naannawaa Taanaa Riivaa kan jiraatu Obbo Ismaaʼel Kushushaa ongee akkana cimaa duraan argee hin beeku jedha.

“Ongee waggaa cufa argaa turre, ammoo kan bara kanaa akka-malee hamtuu, qilleensi hamaa, horii guddaa dhabne, bishaan namaafi horilleen hin jiru, margi hin jiru, nyaata hin argannu, rakkoo jabduu keessa jira,” jedha.

Jiraataan kun loon xiqqoo hafeef nyaata ofii nyaataniin kunuunsuu hima.

"Maal ta’uu qabna ... qabeenni keenna horii kana; fooqii ykn daldala hin qabnu, yoo horiin kun hundi dhabame jireenni qabnu kami?” jechuun gaaffiin jireenya hamtuu keessa jiran kaasa.

Ongee kanaan loonsaanii dhabuun namoonni baay’een dhiibbaa dhiigaa isan mudatuuf yaalamaa jirachuu Obbo Ismaa’el ni dubbata. Naannollee horsiise-bulaa hedduu keessatti bishaan salphaatti kan hin argamne, waqtii gogiinsaa kana bishaan dhugan argachuuf jiraatonni kiilomeetira hanga 70 miilaan deemuun beekamadha.

Ganda kana keessa eelli jiru tokko qofa kulleen bishaan hadhaa’oo madduuf namoonni dhukkubsachuuf horiin dhuguu diduu hima.

Haata'u malee, wanti biroo jiraachuu dhabuu isaatiin namoonni kanumatti fayyadaman.

Bishan dhabuurraa kan ka'een manneen barnoota baadiyyaa keessa jiran cufamuus ni dubbatu hawaas ongeen miidhaman kunneen.

Dinagdee biyyoota hedduu kan kuffiise weerarri koronavaayirasii, jireenna horsiise-bultootaa ammoo daran miidhuu dubbatu.

“Asi wanti nyaatan hin jirtu; ijjoolleen nu jalaatti miidhamtee jirti; maallaqni hin argamu. Torbe keessatti namni shilingii 100 argate akka warqee argateetti ilaalama.”

Ganda Waayyuu borootti jaarsa kan ta’an Obbo Abdii Barrisaa gandasaanii keessatti horiin 1,000 ol namarraa du’uufi ammallee guyyaa guyyaan dhabamuu himu.

“Nama loon karra sadii qabuti har’a sababa ongee cimaa kanaaf karri tokko qofti itti hafe, kulleen haala hamaa keessa jiran. Maatiin tiyya qofti loon dhibba afurii ol dhaban, waan baay’ee garaa nama nyaatu,” jechuun ibsan.

Gana sana keessaas bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuun ammoo namooni hedduun dhukkuba garaa kaasaan qabamuu dubbatu.

Taanaa Riivaar keessa namoonni beelaaf gargaarsi attatamaa barbaaachisu 70,000 ol ta’u Dhaabbati Fannoo Diimaa ibseera. Ganda kana keessatti ammoo namoonni gargaarsa atattamaa barbaadan 6,000 hanga 7,000 ta’uu ibse.

“Waan nyaatan dhabnee tibbana Dhaabbati Fannoo Diimaa mishingaa nuuf qoode, kanuma walirra fudhachuun maatiifi horiis kennina,” jedha Obbo Abdiin.

Loon sababa ongee du'e

Abbaa ijoollee torbaa kan ta'e Garbuu Dambalaa, horiisaa bona/ongee kana dandamachiisuuf kiilomeetira 70 ol miillaan deemuu hima. Kun ammoo fageenna guyyaa sadiif halkan sadii deemuu gaafata.

Garbuun inniifi ijjooleensaa horii gargar qooduun iddoowwan garagaraatti dheeda barbaadaa jiran. Bakka amma jiran ammoo horiin itti guddachuun margi xiqqaachuu hima.

“Daldaltoonni bishaan gurguran namoota bitachuu danda’aniif liitira 20 Shilingii 100tti gurguran kan jedhu Garbuun, kun ammoo humna keennaan ol waan ta‵eef bishaanuma hadhaa'aa kana dhugna jechuun ibsa.

Bara durii horsiise-bultoonni haala qilleensaa raajuu danda’u ture amma ammoo jijjirama qilleensaaf bokkaan yoom rooba kan jedhu sirriitti hin beeku kan jedhu horsiise-bulaan kun, kun ammoo yaaddoo guddoo uumeera jedha.

Marsabeetiifi Xaanaa Riivar dabalatee bulchiinsota Keeniyaa 47 keessaa 13 haala sodaachisaa keessa jiraachuu Dhaabati dhimma ongee biyyattii too’atu NDMA jedhamu BBCtti himeera.

Naannoo Marsabeetitti dura ta'aa dhaabbaticha kan ta’e Henarii Parkuloo roobni ji’a kana hafnaan sadarkaan itti aanuu kan balaawwan gurguddaa geessisu ta’uu hima.

Dhumiinsa horii malee naannicha keessatti namoonni beelaan du’uu himanii, haata'u malee dhukkubni koronavairasii naannicha keessatti ol ka’ee waan jiruuf namoonni beelaa ykn dhukkubaan du'uu addaan baafachuun hin dandeenne jedha Henariin.

Uummata dandamachiisuuf maaltu hojjetame?

Henariin dhaabbanni NDMA jedhamu uummata ongeen miidhaman kana dandamachiisuuf waan hedduu hojjachuu ibsuun, “gogiinsi kun hamaa akka ta’e akka dhaabbatatti ji'oota hedduun dura akeekkachiisa jalqabaa mootummaa naannoofi kan biyyaleessaf qoodnee ture,” jeha.

Oddeeffannoo kennuun alaattis gargaarsa maallaqaafi dandeettii tajaajila qaban gumaachuus hima.

Dabalataan bakkewwan gariitti manneen barumsa barnoota akka addaan hin kunneef, buufataleen fayyaa rakkoo malee akka hojjataniif warra bakka bishaan itti kuufatan qabaniif bishaan dhiyeessuu dubbata.

Erga pirezidaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaatan ongee akka balaa biyyaaleesssatti labsanii booda dhaabbilleen hedduun gargaarsa kennuutti akka jiran hima Henariin.

Asiin dura naannolleen horsiise-bulaa hedduun nyaata gargaarsaa mootumma irra argatu, amma kun dhaabbatee namoota gariif maallaqni ji’atti kennamaa jira.

“Abbaa warraa 20,000 oliif maallaqa kennaa jirra, ji’a kana keessa qofa Shillingo miliyoona 110 kennineeera. Abbaan warraa tokko 5,400 argata,” jedha Henriin.

Haata'u malee, gargaarsi akkanaa rakkoo gogiinsi bara hunda fiduuf furmaata ta’uu hin danda’u.

Ongee dhorkuun dandeettii uummatatiin ol, taatullee dursanii karoora baafachuun jijjiirama uumamu amananii fudhachuun akka salphatu godha jedha.

Jijjiramni qilleensaa kun ni dhaabbata jehamees hin eegamu waan ta'eef mootummaan horsiise-bultoonni kunneen yeroo goginsas keessa anamachuu akka danda'aniif gargaarsa fufinsa qabu akka argatan sagantaa hedduu hojiirra oolchuuf karoorfachuu hima.

“Mootummaan bakka Foroole jedhamtuutti hidhaa bishaanii litira 100,000,000 qabatu ijaaruuf karoorfateera. Kanaaf ammoo paarlaamaan biyyaalessa seera faandii yeroo goginsa fayyadaman kuusuuf murtee dabarseera.

“Faandiin hundeessan kun biliyoona lama qabdi; maallaqni amma gargaarsaaf fayyadamaa jirrus kana keessaa dhufa.”

Naannoo kana keessatti horsiise-bultoonni horiii isanii akka hin dhabneef dhaabata wa’ee horii qoratu walliin qoranno geeggessuun nyaata horii fayyadu omishaa jirra," jedha Henariin.

Haalli qilleensaa jijjiramaa deemuun, jireenya lafarra jirurratti kasaaraa guddaa geessiseera.

Akka Sayintistoonni himanitti, miidhaan jijjiramni qilleensaa kun geessisu gaalaanni garmalee guutuu, ongee babal'achuu, lolaan hamaan uumamuu, dhukkuboonni daddarban baayyachuu, obomboleettiifi waraana sababa hanqina qabeenyaatiin uumamuuf sababa ijoo ta'aa jira.

Sababa kanaaf horsiise-bultoonni addatti kallattiin qaan miidhamaniif jireennasaanii jijjiruu akka qaban garsu. Jireenya horsiisanii buluu qofaarratti hunaa'uurra hojii daldalaatti, qonnaatti ykn waan dhibiitti bobba’u feesisa.