Keeniyaa Marsabititti hidhattoonni loon 400 ol saamuun horsiisee bultoota harka qullaatti hambisan

Danaa Keenyaa Moyyaalee aanaa Solooloo naannawaa Marsabeet

Keeniyaa kutaa bulchiinsaa Marsabeet naannawaa Mooyyaleetti namoonni hidhatan horsiisee bulaa jalaa loon 400 ol saamuu jiraattonniifi bulchiinsi naannichaa BBCf mirkaneessan.

Miseensan paarlaamaafi bakka bu’aa Mooyyalee kan ta'an Qaallicha Gufuu akka jedhaniitti, Solooloo keessatti sodaa nageennaatiif jecha namoonni baqachuu jiru.

“Warrii Ellee Booraa, Ellee Diimtuu, Funnaan Qumbiifi Funnaan Iddaa ollaa isaanii keessa hin bulan baqatanii Waldaa jiru. Kun waan ji’a sadii, afur deemaa jiru,” jedhan.

Yeroo baay’ee nagaa barbaacha carraqnulleen milkaa’uu hin dandeenye jedhu bakka bu’aan kun.

“Gama kaabaatti horii kana namoonni qawwee qaban dhufanii namootaa hadhuun horii fudhatan. Kunis guddoo nu rakkisaa jira.”

Akka Aab Qaallicha Gufuu jedhanitti warri loon fudhatan kun aanaalee Maayikoonaafi Baddaa Hurrii irraa dhufan. Kanas poolisiin hordofee mirkaneeffateera. Akka deebisaniif jaarroleen biyyaa guyyaa sadii kennaniif.

“Loon hatan deebisuu hin dandeenye. Jarreen loon hatanis qawwee gurguddoo waan qabaniif mootummaatti iyyannee jirra. Poolisiin konkolaataa afuriin faana dhawee deebii isaanii eegachaa jirra,” jedhu.

Namoota waraana kana baqachuun ganda Waldaa jiran keessaa, haadha ijjoollee kudhanii kan taate Diiramuu Godaanaa, erga saamtoonni kun naannoo isaanii haleeluun re’ee dhibba lama fudhatanii booda horiifi ijjoolleshee fudhattee baqachuu BBCtti himte.

“Sodaa guddaatti jirra, Ellee Diimtuutti loon karra shanii fudhatan. Guyyaa cufa nu waraanu, guyyaa biroo horii dhiisii ijjoolle tiyyan dhabaa jedheen baqadhee,” jetti.

Miseensa parlamaa naannawaa sanaa kan biraa Caaccuu Ganyaa gama isaaniin horiin hatamuu dhaga’uu himuun, garuu waan achii hin jirreef mirkaneessuu hin danda’u jedhan.

Dabalataan yeroo baayyee horii walirraa saamuun amala jiraattota naannichaa waan ta’eef, horiin kun deebi’uun ulfaataa ta’uu mala jedhan.

Bakka bu’aan ummataa kun akka jedhanitti, horii kanaan duraan fudhatamanis hanga ammaatti osoo hin deebisinif jiru.

Rakkoon Gabraafi Boorana hammaachaa jira kan jedhu Caaccuun, hawaasni walitti nyaaphee furiinsi isaanitti ulfaachuu dubbatu.

Wal-dhibdeen kun maalirraa kaate?

Ollaa Gabraan keessa qubatu - Ollaa Orondheer, Saakuu, Marsabit
Ibsa waa'ee suuraa, Ollaa Orondheer kan Saakuu, Marsabititti argamtu

Nageenni naannoo Marsabeetii guyyaan hammaachaa deemuun haala nama naasisuun dabalaa jira. Waggaa hedduuf amma namni hedduun ajjeefamee horiin kumaatamaan lakka’amu hatameera.

Kutaalee bulchiinsaa (Kaawuntii) Keenyaan qabdu 47 keessaa tokko ka taate Kaawuntiin Marsabeet, Keeniyaatti ummanni Booranaa lakkoofsaan guddoo keessa qubata.

Kutaa bulchiinsaa kanas gosa Booranaa dabalatee gosoonni 14 ol kanneen akka Gabraa, Burjii, Reendilee, Turkaanaa, Saamburuufi kanneen biroos keessa qubatu.

Walitti bu'iinsi hawaasa Booranaafi Gabraa erga eegale tureera.

“Namumaati karaa nagaatin fidamuu didee, gosti walitti nyaaphxee wal-haatee, halkaniifi guyyaa wal-ajjjeessun horii walirraa fuudhan. Akka bulchootaatti waan kan guddoo dhorkine ammoo amma dadhabnee jira,” jedhu Caacuu Ganyaa.

Naannolleen horsiise bulaa Kaaba Keenyaa jiran waggoota dheeraaf gadi aanoo akka taʼanitti ilaaluu, walitti buʼiinsa gosaa, lafa dirree waraanaafi ongee cimaan walqabsiifamaa turan.

Naannoo Marsabeet walitti bu’insi gidduu Oromoota Gabraafi Booranaa gama qabeenya uumamaa kan marraa bishaanirra jijjiramuun gama ilaalchaafi kaayyoo hamaa sababa siyaasafi dinadgee yakkaan raawwachuutti jirama jedhu warri rakkoo achitti uumamuu jiru hordofan.

Erga seerri heera Keeniyaa waggaa 2010 jijjjiramee bulchiinsa qe’eetti deebbise walii galtee dhabuufi ilaalchi siyaasaaf qaban gargar ta’uusaatiin amanamummaan gidduu gosoota achii jiraatanii boora’ee wal dandaʼanii jiraachuun rakkisa ta’eera jedhu.

Wal-hadhiisi cimee wal-ajjjeessuufi horii walirra saamuun irra deddeebin rawwachaa jira.

Namoonni hedduun yeroo baayʼee gochi akkasii kan raawwatamuufi waldhibdee tana duuba kan jiru warra siyaasaa kan gama siyaasaatiin faayidaa argachuuf barbaaduu jedhu.

Himata kan irra bakka bu’an uumataa North Horr Caacuu Ganyaa, laafinni gara namoonni siyaasalleen jiraachuu hima.

“Nulleen akka hoogganootatti rakkooti nu bira jira, yoo gosa waldhabdee gidduu teenne, nagaa buusuu hin dandeenne, kan namoota waldhabe walitti fiduu dadhabne, rakkoo qabna.”

Aabba Caacuun hawaasni dubbii hooggannota isaanii guula deemuu himuun, kanaafuu yoo silaa hooganooti gosa lamaan wal-barbaadee haasofte waldhabii kun furamuu danda’a jedhan.

Bakka bu’aan uummata Mooyyalee Qaallichaa Gufuu, wal-gahii nagaa yaamnullee hoogganooti Oromoo Gabraa dhufuu diduu himan.

Haatau malee, Caacuun gamasaatin paarlaamaa tokkoo keessa waliin jiraachuu isaanuu wal-barbaaduu dhabuu dubbatan.

Taatullee, bulchooti lamaanuu mootummaan Naayirobii jiru rakkoo tana itti xiyyeeffatee furuu dadhabuu ibsan.

2px presentational grey line

Miidhaa wal-dhibdeen kun uume

Hawaasni Booranaa gama Itoophiyaafi Keenyaa keessa qubatee argama. Gabris akkuma Booranaa Itoophiyaafi Keenyaa keessa jira. Gosti tun lamaanuu saba Oromooti.

Gosa waggoota hedduu waliin jiraatee waan aadaallee wal-malee godhachuu hin dandeenne. Osoo kun kana ta'ee jiruu garuu wal-dhibdeen uumamte. Namoonni wal-dhabdee kanaaf lubbuu dhabe hedduudha.

Caamsaa 23, 2019 namoonni lama warra loon keessa jiran ajjeessan, guyyaa itti aanu ammoo namoonni sadii ajjeefaman.

Hagayya 25, 2019 Foroolee keessatti namoonni hidhatan ollaa haleeluun namoota 12 ajjeesan horiilleen saamame.

Sadaasa 6, 2019 namoonni hidhatan ollaa Jaldeessaafi Kukkutoo halkaniin hadhee nama 11 poolisoota lama dabalatee ajjeesan. Isaan keessaa namoonni sadii ijjoollee baratootaati.

Waxabajjii 12, 2020 shiftoonni barattoota afur kan manasaanitti motoorin galaa jirtu karaa Marsabeet-Soongaa, kilomiteerii 12 magaalaa Saakuurra rasaasan rukutanii ajjeesan. Isaan keessaa lama barattoota yunivarsitii.

Hanga ammaa namni ajjeechaa isaanif hidhame hin jiru.

Waxabajjjii 2020 keessa, torban tokko keessatti qofa naannoo gara garaatti namoonni 20 ajjeefamuu poolisoonni himaniiru.

Naannoo tana keessatti namoonni hedduun miseensota maatiisaanii duʼaan dhabanii gaddaa jiran. Rakkoo isaan mudateef rifaatuu qaban, taallen bara baraaf miirrisaani miidhaman jiru. Haaloo baafachuun beekamaa waan ta’eefis, adeemsi kun itti fufa sodaan jedhu jira.

Kun waan baay’ee nama gaddisiisaa.

2px presentational grey line
Loon Kaaba Keeniyaatti

Madda suuraa, Getty Images

Furmaati maalii?

Bakka bu’aan uummataa North Horr Caaccuu Ganyaafi bakka bu’aan uummata Mooyyalee Qaallicha Gufuu furmaanni jiru gosa lamaan walitti fiduudha jedhan.

Osoo mootummaan jajjabaatee namoota yakka raawwatan hidhe, rakkoon nageennaa tun furmaata argatti jedhu Caaccuun.

“Dhimmi nagaa mootummaa naannoo (Kaawuntii) hin ilaalu, osoo isaan poolisoota erganii cimsanii nagaa eeganii wayya, nagaan fedhii cufaan hin dhuftu,” jedhan.

Taallen neetworkiin jiraachuu dhabuun yakka raawwachuu guddisee, haleellaa akkanaa dafanii poolisiitti iyyuun ulfaataadha. Kanaafuu neetworkiin akka jiraatu taasisuun rakkoo kana furuuf baay’ee uummata fayyada jedhan.

Waldhibdee gosoota tana lamaanii gidduu jiru furuuf osoo garasitti imalaa jiranii bakka bu'oonni ummataa afran naannichaafi aanga’oonni nagaa Ebla 2006 balaa xiyyaaraatin lubbuu dhabuun isaanii ni yaadatama.