Beelaafi koronaa: Oduun dubartiin Keeniyaa ijoolleesheef dhakkaa afeelte naasuu uume

Peniinaah Baayaatii

Madda suuraa, TUKO

Dhimmi haadha ijoollee saddeetii, ijoolleef waan laattu dhabnaan nyaata akka itti fakkaatuuf dhagaa distiitti naquun afeeltee tokko Keeniyaa keessatti ijoo dubbii ta'eera.

Haatii tun Penihaan Baahatii kan jedhamtu yoo ta'u Keeniyaa Mombaasaa keessa jiraatti.

Haadha ijoollee sadeetii yoo taatu abbaan warraa waan irraa du'eef osuma koronaan hin dhufiin duraanuu jireenyi itti cimee ture.

Amma erga koronaan dhufeen booda ammoo caalatti waan ijoolleef laattu dhabde.

Kanaaf nyaata jedhanii gaafannaan osoo ni bilchaata jedhanii eeggatanu akka hirribni fudhatuuf jecha dhakaa abiddarra keessee affeeluu eegalte.

Ijoolleenis maaliif nyaanni hin bilchaannee 'nu sobaa jirtaa'' naan jedhan jetti haala ture yoo himtu.

Dura uffata namaaf miiccuun galii argattuun ijoolleef waan nyaataa bitaa turte.

Amma garuu sababii koronaatiif jecha namoonni walitti dhufeenya namoota waliin qaban waan hir'isaniif hojii sana argachu hin dandeenye.

Ollaa haadha kanaa kan taate Adde Piskaa Momaanyii boo'icha ijoollee dhageesse wanta mana sana keessatti ta'aa jiru hubachuuf dhaqxe.

Haadha ijooleef dhakaa afeelte

Madda suuraa, TUKO

Dubartiin ollaa dhimma kana hubattees midiyaadhaaf eeruu kennite.

Dhimmi maatii kanaas erga TV biyyattii 'NTV' jedhamurratti tamsa'een booda, lammiileen biyyattii rifatanii gargaarsa taasisuufi eegalan.

Sababii haatii kun dubbiisuufi barreessuu hin beekneefu karaa bilbila harkaa dubartii ollaa sanaan deeggarsi karaa bilbilaa taasisfameefi.

Mana kutaa lama ibsaafi bishaan hin qabne keessa ijoollee saddeet waliin kan jiraattu haati kun, deeggarsa lammiileen biyyattii taasisaniif ''kuni dinqiidha'' jechuun ibsite jirti.

''Keeniyaanonni jaalala hanganaa naaf qabu jedhee yaadeee hin beeku. Garuu gutuu biyyaattiirraa bilbilanii si gargaarra naan jedhan,'' jetti.

Ijoolleen ishee baay'ee beela'anis, yeroo isheen akka muganiif jecha waan nyaata affeeltuu fakkaachuun dhakaa ibidda irra keessetti baay'ee aaru himti.

''Nu soobda mitii naan jedhan, akkan sobe waan beekaniif. Ani garuu homaa waanti gochu danda'u kan biraa hin turre,'' jetti.

Ollaan ishee boo'icha ijoollee sanaan garaa jabaachuu dadhabde garuu erga haala isaan keessa jiran hubatteen booda midiyaatti himte.

Qaama tarkaanfii to'annoo tatamsa'ina koronaavaayirasii kan ta'e mootummaan namoota harka qalleeyyiif sagantaa nyaataa eegale ture.

Haa ta'u malee, haadha ijoollee saddeetii kan abbaan warraa warra gareen hataniin bara darbe jalaa ajjeefamee kana bira hin qaqqabne.

Aanga'oonni motummaa fi dhaabbanni Fannoo Diimaa Keeniyaas dubartii kana gargaaruuf waan naannichatti argamaniif dubartiin ollaa Peninaah kan dhimmicha ifoomsite sun galateeffate jirti.

Akkasumas maatiiwwan magaalaa Mombaasaatti qarqara galaanaa jiraatan heedduunis deeggarsa sagantaa nyaataa kanarraa kan fayyadaman ta'u aanga'oonni biyyattii himaniiru.

Keeniyaatti wayita ammaa kanatti namoonni 395 koronaavaayirasiin qabamunsaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, 17 ammoo ittiin du'aniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa