Lafa magaala Finfinnee hektaara 46 'seeraan ala qabame' jedhame duuba maaltu jira?

Lafa Finfinnee Integrated qabatee ture

Madda suuraa, Marsaa Hawaasaa

"Namoonni dhuunfaa mootummaa keessatti gahee qaban dhimmicha keessaa harka qabaachuu isaanii qorannoon ni mul'isa" jechuun hogganaan Biiroo Nagaa fi Tasgabbii Magaala Finfinnee Komishinar Addunyaa Dabalaa BBC'tti himaniiru.

Lafti magaala Finfinnee kutaa magaala Nifaas-Silk Laaftoo aanaa Jamootti argamuu fi kaaremeetira 460,000 bal'atu 'seeraan ala qabameera, qonnaan bultootni fi namootni dhuunfaan biroos akka burjaaja'an taasifameera. Shakkamaan gochaa kana duuba jirus to'annoo jala oolera' jechuun miidiyaalen mootummaatti dhiyeenya qaban gabaasaa turan.

Namni gochaa kanaan shakkamuun yeroo ammaatti dhimmi isaanii Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa tokkoffaa dhaddacha Araadaatti ilaallamaa jiru immoo walitti qabaa boordii Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee/FIT/ kan ta'an Obbo Lammii Taayyeeti.

"Obbo Lammiin dhimma hojiitiif manaa akkuma bahanitti qabaman" jedha ilmi isaanii dargaggoo Seenaa Lammii.

Abukaatoon isaanii Obbo Liiban Abdii immoo maamilli isaanii "aksiyoona seeran alaa hundeessuu, qonnaan bultoota gowwomsuu, qarshii miiliyoona 60 sassaabuu akkasumas lafa hektaara 46 qonnaan bultootarraa sassaabaniiru" jedhamuun shakkamanii qabamuu isaanii BBC'tti himan.

Garuu Obbo Lammii Taayyee eenyu? Lafti jedhamehoo kan eenyuti? Gabaasa kana irraa argattu.

Bara Jalqabbii…

Bara 2009 qonnaan bultoottni kutaa magaala Nifaas-silk Laaftoo aanaa Jamoo jedhamuun beekkamutti lafa qonnaa qaban jaha fi namootni biroon/diyaaspooraa sagal waliigala namootni 15 Waldaa Aksiyoona Diyaaspooraa fi Qonnaan Bultoota Finfinnee Misoomaaf Kaafamanii jedhamu hundeessan.

Waldichi "qonnaan bulaan lafa isaarraa osoo hin buqqa'iin misoomsuu akka danda'u, mana jireenyaas akka argatu, mana appaartaamaa akka argatu fi aksiyoona keessaayis fayyadamaa akka ta'uuf jedhamee hundeeffame" jedhu qonnaan bultootni miseensa waldicha ta'an.

Iddoo sanaa lafa kaare meetira 9,000 akka qaban kan BBC'tti kan himan Obbo Tsaggaayee Diroo, "beenyaa kan mootummaan kaffaluu olitti beenyaa gaarii kaffalla nuun jedhan. Kanaan waliigallee waldaan kun uummame" jedhan.

Adeemsa hundeeffama waldaa kanaa keessatti namni gahee ijoo qaban fi keessattuu namoota diyaaspooraa jedhaman gara waldichaatti kan fidan nama Obbo Lammii Taayyee jedhaman akka ta'an qonnaan bultootni BBC'n dubbise himaniiru.

Waldaan aksiyoonaa kun tajaajila paarkingii, qonna magaalaa, ijaarsa gamoo fi gurgurtaa shaqaxaa dabalatee dameelee hojii torba ta'an irratti hojjechuuf heeyyama daldalaa baafachuusaa miseensa waldichaa fi yeroo muraasaaf immoo bakka bu'aa hoji gaggeessaa waldichaa ta'uun kan hojjatan Obbo Gullilaat Tashoomaa ni himu.

Yeroo keessas namootni biroo gara waldichaatti makamuun lakkoofsi qonnaan bultootaa 150 ol gahuusaa qonnaan bultootni BBC'n haasofsiise dubbatu.

Obbo Lammii Taayyee Eenyu?

Akka odeeffannoo maatii isaaniirraa argannetti Obbo Lammii Taayyee godina Qeellam Wallaggaa magaala Dambi Doollootti dhalatan.

Waggoota muraasa dura gara biyya Keeniyaa barumsaaf deemanii deebi'uu isaanis miseensi maatii isaanii BBCn haasofsiise himu.

Obbo Lammii Taayyee ogeessa seeraa yoo ta'an sagantaa 'Gaaddisa Haqaa' OBN irratti dhiyeessaa turanin beekkamu.

Yeroo dhiyootti ammo 'Koree Araara fi Nagaa Furtuu' waldhibdee mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO gidduu jiru furuuf hundaa'e keessa barreessaa olaanaa korichaa ta'un hojjetaa turan.

Walitti qabaa boordii Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee/FIT/ ta'uunis dameelee waldichaa keessaa tokko kan ta'e dhaabbata televiziyoonaa 'Finfinnee Integrated Broadcasting /FIB/' olaantummaan hogganu.

"Fuula Lamaan Baddalameen Jira…"

Waldaan Aksiyoona Diyaaspooraa fi Qonnaan Bultoota Finfinnee Misoomaaf Kaafamanii akka eegametti fulduratti tarkanfachuu hin dandeenye.

Yeroo jedhamettis hojiin eegalamee qonnaan bultoonni faayidarraa irraa argattu jedhaman argachuu hin dandeenye.

Sababa kanaafis qonnaan bultoonni waldicha keessaa bahanii lafa isaanii dhimma biraaf itti fayyadamuuf yoo gaafatan walitti qabaan boordii waldichaa Obbo Lammii Taayyee maqaa waldichaatiin laficha irratti dhorkaa mana murtii baasisuun qonnaan bultootni waldicha keessaa bahuu barbaadanillee lafa isaanii akka hin fayyadamne dhorkuu isaanii qonnaan bultootni ni komatu.

Kun kanaan osoo jiru bara 2011 keessa waldichi irra deebiin maqaasaa jijjiratee Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee/FIT/ jedhamuun hundaa'e.

"Warri bulchiinsaa 'qonnaan bulaa fi diyaaspooraan walta'ee hojjechuu qaba. Walin hojjedhaa' nun jedhan" kan jedhan qonnaan bulaan BBC'f yaada isaanii kennan hooggansi Paartii Badhaadhinaa sadarkaa magaala Finfinnee jirus waldichatti akka makamaniif qonnaan bultoota irratti dhiibbaa gochaa akka turan dubbatu.

Walgahiin dhimma waldaa kanaas Giddugala Aadaa Oromoo magaala Finfinneetti argamutti taasifamuu isaa fi hoggantootni paartichaa irratti argamuu isaanii qonnaan bultootni ni himu.

"Haa ta'u malee waldaan bifa haaraan ijaarrame kunis hojii qabatamaan qonnaan bultootaaf bu'aa buuse hin hojjenne" jedhu qonnaan bultootni.

Lafti qonnaan bultootaa hektaara 46 kun dallaa shiboo ijaarrame fi konteenaroota sibiilaa muraasaan alatti wanti irratti ijaarrame hin jiru.

"Ani fuula lamaan baddalamee jira. Akkan lafa kiyyatti hin fayyadamne mana murtiitin dhorkameera. Birriikoo yeroon gaafadhu immoo 'aksiyooniidhaaf galeera' naan jedhani jedhu qonnaan bulaa Kabbada Isheetuu jedhaman.

''Lakkoofsa herreegaa waldaa keessa yeroo ilaalamu immoo maallaqa maqaa kiyyaan baasisee maqaa mucayyoo isaa keessa galfate' jechuun walitti qabaa boordii Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee Obbo Lammii Taayyee komatu.

"Laficha umrii keenya guutuu qotaa turre. Bara Dargiiyyuu laficha qotataan ture. Wantin itti amanee boru ijoollee keenyaafuu ni ta'a jenne itti amanne yeroo akkana ta'u keessi keenya baay'ee rifate" jedhu qonnaan bulaan inni biraa Obbo Biifaa Caakkaa.

Qonnaan bulaan kun yeroo ammaatti hoji dhabaa ta'uu isaanii dubbatu.

Waldicha keessaa erga bahanii booda lafa qonnaa isaanii irratti hojii daldala mukaa hojjechuuf lafa isaanii irratti muka guursisuu isaanii kan himan Obbo Gullilaat Tashooma immoo sababa dhorkaa laficharra kaa'amen hojjechuu akka hin dandeenye fi mukti isaanii jalaa tortoruu isaa himu.

"Afaanin kan haasa'u kan biraati. Kaayyoon duuba jirummo kan biraati. Diraamaa jabaa qaamni mootummaallee beeekudha" jedhu Obbo Gullilaat.

"Oolmaa Mana Murtii Obbo Lammii Taayyee"

Yakkoota "aksiyoona seeran alaa hundeessuu, qonnaan bultoota gowwomsuu, qarshii miiliyoona 60 sassaabuu akkasumas lafa hektaara 46 qonnaan bultootarraa sassaabuu" jedhanin shakkamanii hidhaarra kan jiran walitti qabaan boordii Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee Obbo Lammii Taayyee Kibxata ganama Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Tokkoffaa dhaddacha Araadaatti dhiyaatanii turan.

Beellama Kibxataan poolisiin "qorannookoo hin xummurre. Ragaa namootaa sassaabaan jira" jechuun beellama guyyaa 14 gaafachuun isaa abukaatoon shakkamaa Obbo Liiban Abdii BBC'tti himaniiru.

Manni murtichaas Obbo Lammii Taayyee mirga wabii erga dhowwatee booda Caamsaa 01 bara 2012ti beellame.

Lakkoofsawwan herreega baankii Obbo Lammii Taayyee, kan intala isaanii akkasumas kan Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee maallaqni akka hin sochoonef dhorkaan irratti bahuunsaas beekkameera.

"Dhaabbata hin jirre miti…"

Waldaan Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee "heeyyama daldalaa kan qabu malee akka miidiyaa hawwaasummaa irratti haasa'amu dhaabbata hin jirre miti. Kaampaanii mootummaadhaan beekkamtiin kennameefidha" jedhu abukaatoo Obbo Lammii kan ta'an Obbo Liiban Abdii.

Komii waldichi hanga ammaatti hojiitti hin seenne jedhuf immoo "kaampaanin laficha erga fudhatee booda wayita gara hojiitti seenuf jedhu warri Waajjira Lafaa himataan isaan rakkisaa turan" jedhu.

Kaampaanichi hojiitti seenee qarshii akka fidu fi bu'aa isaammoo abbootii aksiyoonaaf akka hin kennine gochaa turan. Kanaaf kaampaanichi yeroo argatee hojii hin hojjenne. Warri mootummaa isaan hojjechiisaa hin turre" jedhu.

Sababa kanaan waldichi bara 2009 hanga 2011 falmii seeraa keessa turuusaas himan.

Abukaatoon Obbo Lammii Taayyee kun qaamoleen mootummaa laficha mana amantaa fi hojjettoota waajjiraalee mootummaa gurmaa'aniif laficha kennaa turuu isaanii fi lafichi namoota birootiif akka hin kennamneef waldichi mormiirra turamuusaa himu.

"Miidiyaa hawwaasummaa irratti akka waan Obbo Lammiin laficha ofiif qabatee turetti haasa'ama. Garuu dhugaan jiru isa natti hin fakkaatu. Dhaabbatni kun kan Obbo Lammii miti. Akkuma nama kamiyyuu dhaabbata kana hogganuun bulchaa jiru."

"Dhaabbanni kun immoo diyaaspooraa fi qonnaan bultoota 150 ol gurmaa'an of keessatti kan qabate dha" jechuun ilmi Obbo Lammi Taayyee dargaggoo Seenaa Lammii BBC'tti himeera.

Yaada Bulchiinsa Magaalichaa

Dhimmi lafa hektaara 46 fi Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee Biiroo dhimma Nagaa fi Tasgabbii Magaala Finfinneetiin qabamee jira.

"Qotee bulaa karaa adda addaan dogongorsiisuu fi sodaachisuun lafti hektaara 46 ol qabamee jira" kan jedhan hogganaan biirichaa Komishinar Addunyaa Dabalaa 'qorannaa irratti dhiibbaa qaba waan ta'ef' jechuun lakkoofsa shakkamtootaa to'annoo jala oolan nutti himuurraa of qusataniiru.

"Kaampaanin maqaan isaa dhahame kun qaama ilaallatu irraa beekkamtii argatee jira. Kan nuti qulqulleessaa jirru waa'ee beekkamtii dhaabbatichaa osoo hin taanee akkaataan lafti magaalaa qonnaan bulaa irraa ittiin fudhatame fi harka ittiin galchan seeraan ala karaa jedhun qorachaa jirra" kan jedhu komishinarichi.

"Qotee bulaa fi diyaaspooraan aksiyoona sana keessa gale akkamitti yakki akka irratti raawwatame wayita qorannaan xummurame uummata akka beeksisnu abdiin qaba" jechuunis himan.

Dhimmicha keessaa gahee qabaachuu angawoota mootummaa fi hojjettoota dhaabbilee mootummaa biroo kan gaafanne Komishinar Addunyaa "karaa bulchiinsi magaalaa beekun raawwatamuusaa hanga ammaatti wanti irra geenye jiraachuu baatus bifa adda addaatiin namootni dhuunfaa mootummaa keessatti gahee qaban dhimmicha keessaa harka qabaachuu isaanii qorannaan ni mul'isa" jedhan.

"Inni waan jiruf lafti kun bara 2009 irraa eegalee qote bulaa irraa fudhatame malee namootni mootummaa keessa jiran harka keessaa qabaachuu baatanii hagana deemuu hin danda'u" jechuunis himaniiru.