Finfinnee: Dhimma lafaa ilaalchisee tajaajilli yeroof dhaabbate

Madda suuraa, Face book
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee tajaajilawwan dhimma lafaatiin walqabatan keessaa yeroodhaaf sadan isaa kennuu dhaabuu beeksiseera.
Ibsa waajjirri kantiibaa magaalichaa har'a baaseen, tajaajilawwan lafaan walqabatan sadii yeroof akka dhaabatan taasifamaniiru.
Tajaajilawwan akka yeroof adda citan taasifame keessaa tokko gaaffiin lafaa misoomsitoota industiriiwwan dhunfaa ni argama.
Tajaajilli lammaffaan adda cite ammoo tajaajilawwan waajjira pirojaktii bulchiinsa lafaa yeroo ce'umsaa jalatti kennaman keessaa waa'een lafa sanada malee fi qabeenyaawwan osoo abbaa aangoo qabuun hin hayamamiin qabataman keessummeessu akka ta'e ibsameera.
Tajajilli inni sadaffaan yeroodhaaf akka dhaabbatu taasifame ammoo waldaalee manneen jireenyaa lafa hin argatiin keessummeessuu dursa hojiin qulqulleessuu hanga xumuramutti tajaajilli akka dhaabbatu taasifameera.
Bulchiinsi magaalichaa dhiheenya kana caasaaa hoggansaa haala haaraan ijaaruun hojii haaromsaa hanga dakaatti qaqqabsiisuuf sochii eegaluunsaa ni beekama.
Haaluma kanaanis dhimmoonni lafaafi lafaan walqabatanis akka qaama haaromsaa ta'aniif dhimmoota xiyyeeffanaan kennameef keessaa tokko yoo ta'u, lafa magaalicha keessatti argamu odiitii gochuuf hojii hojjataman keessaa tokko ta'uu waajjirri kantiibaa ibseera.
Tajaajilliwwan yeroodhaaf akka adda citan taasifaman kunneenis qophiisaani duraa yeroo gabaabaa keessatti eegaluun tajaajilichi akka eegalamus himamuu Faanaan gabaaseera.













