Siyaasa Finfinnee fi ODP

Asxaa Bulchiinsa Magaala Finfinnee

Madda suuraa, Bulchiinsa Magaala Finfinnee

Murtee ADWUI tibba kana koree qindeessituu bulchiinsa Magaala Finfinnee keessatti bakka bu'aa ODP tokko hir'isuun kan ADP bakka buusuun isaa dhibbaa uumu qaba jedhu namoonni siyaasaa.

Koreen qindeessituu bulchiinsa Magaala Finfinnee miseensota shan qabu keessaa kana dura dhaabni naannoo Oromiyaa bulchu ODPn miseensota lama kan hafan sadii ammoo Naannoo Amaaraa, Tigraayii fi Kibba bulchan irraayi turan.

Murtee waajirri ADWUI tibbana murteesse jedhameen bakka bu'aa ODP kan ta'an Obbo Maashoo Olaanaa kaafamuun bakka isaanii, bakka bu'aan ADP ObboTsaggaa Arraageen akka bakka bufaman xalayaan barraaye jira.

Dubbiin kun namoota siyaasaan tibba kana mata duree ta'ee jira.

Tibba dantaan Oromiyaan Finfinneerraa qabdu ni kabajama abdiin jedhu dabalaa jiruutti murteen kun taasifamunsaa, ejjennoo fi adeemsa walumaagalatti ADWUI'n, addatti ammoo ODP'n dhimma Finfinneerratti qabate gaaffii keessa galchaa jira jedhu namootni siyaasa xiinxalan.

Amma miseensota koree shanan kan bulchiinsa Magaala Finfinnee ta'an keessa Kantibaa Ittiaanaa magaalitti Injinara Taakkalaa Uumaan alatti, afran hafan miseensota koree hoji-raawwachiiftuu dhaaba isaanii akkasumas kan ADWUI ti.

Murtee kanattis Kantibaa itti aanaan magaalittifi hooggansi ODP gariin kan walii hin galle ta'uu hooggansi ODP maqaan isaanii akka ifa hin kaane gaafatan nutti himaniiru.

Kun ta'uun murteewwan magaalaa Finfinnee ilaalchisuun murtaa'an keessatti dhibbaa mataa isaa uumuu akka danda'u ifa dha jedhu angawaan ODP kun.

Miseensota koree qindeessituu

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa

ODP'n bakka bu'oota isaa 9 koree hojii raawwachiiftu ADWUI yoo filu, kantibaa magaalitti keessa osoo hin galchiin hafuun isaa sadarkaa koree gidduugaleessatti dhiibbaa bulchaan Finfinnee uumuu danda'an laaffisee, dhiibbaa jala akka kufan godhas jedhu aangawaan kun.

ODP irraa namoonni Finfinnee akka bulchan carraa argatanii turan kanneen akka Kumaa Dammaqsa fi Dirribaa Kumaa miseensa koree hojii raawwachiiftuu ADWUI turan.

Murtee waajirri ADWUI alaanaa koree qindeessituu Magaala Finfinne irratti dabarse jedhame kana ilaalchisee yaada isaanii akka nuu kennan hooggana waajirichaa Obbo Binnaalf Andu'aalamitti bilbillee argachuu hin dandeenye.

Angawaan ODP dubbifnee dhimma magaala Finfinneerratti ejjennoo jabaafi tokkummaan miseensota ODP gidduu jiru laafuun gatii hin barbaachifne baasisuu akka malus himaniiru.

Filatamuun Injinara Taakkalaa Uumaa jalqabumarraa ODP keessatti falmisiisaa kan ture ta'uurraa kan ka'e, hojiilee bulchiinsi magaalitti hojjechaa jiru irratti danqaa tokko tokko uumaa akka tures maddeen keessa beektootaa nutti himaniiru.

Dhimma bulchiinsa Finfinneerratti garaagarummaan jiru gara caalu ODP keessaa akka madduu fi rakkoo kanas ODP'n furuu akka danda'u dabalanii nutti himaniiru.

Koree hojii raawwachiiftuu magaalichaa keessaa bakka bu'aan ODP bahanii bakka isaa bakka bu'aan ADP bakka buufamuun siyaasni biyyatti Magaalaa Finfinneerratti rarra'aa jira yaada jedhu jabeessaa jira.

Akka aangawaan kun nutti himanitti, murteen kun waliigaltee qamolee dhimmichi isaan ilaallatu hundaa argachuu hin dandeenye.

Murteewwan heddun sagalee caalmaan bakka ragga'anitti, lakkoofsi murteessaa ta'us, ''dantaan Oromoon Finfinneerraa qabu lakkoofsa miseensa koree keessa jiru qofaan kan murtaa'u miti'' jedhaniiru.

Adeemsi kun Dantaa Oromoo ni miidhaa?

Bara 1983 ALI' irraa qabee yeroo kantiibonni Magaala Finfinnee filataman Oromoo ta'anii jiranittillee barmaatni ture miseensota Waajirri Gidduu gala ADWUI ramaduun murtee kantiibaan fudhaturratti dhiibbaa gochuudha jedhu ogeessi seeraa fi dhimma magaala Finfinnee dhiyeenyatti kan hordofu Obbo Batruu Dibaabaa.

''Wanti hojjetamu hundi dhibbaa miseensonni kunniin uumaaniin, ajajaa fi qajeelfama dhaabni kennuun hojjetamaa ture.''

Ibsa waa'ee viidiyoo, Injinar Taakkalaa Uumaa: "Magaalaa Finfinnee itti gammadee, itti booneen tajaajila"

Koreen qindeessituu bulchiinsa magaala Finfinnee kun gorsaa kantibaa jedhamee akka fudhatamus nutti himan.

Jijjiirraan miseensota koree kanaarratti gaggeefame tarii rakkoo namoota dhunfaa wajjiin kan walqabateyyuu osoo ta'e, haala rakkoo biraa dhaluu danda'uun furuuf yaaluun sirrii natti hin fakkaatus jedha.

Kaayyoon jijjiirama kanaa adeemsa qajeelfmaa fi ajaja dabarsuun hojjechiisu ykn Waljala dhaabachuun hojiin akka hin hojjetamne gochuu ta'uu danda'as jedha.

''Murteen kun siyaasa biyyaa wajjiin kallattiin kan walqabatu waan ta'eef irratti mariyatamee murtee akka ADWUI murtaa'e akka ta'e odeeffannoon nan qaba.''

Murteewwan akkasii fudhachuun maaliif barbaachise gaaffii jedhuuf ''mootummaan bu'uura jijjiiramuun akka biyyaatti akka dhufu dhimmoota sababa ta'an dagachuurraa madduu danda'a'' jedhee akka yaadus nutti himeera.

Ejjennoon ODP magaala Finfinneerratti qabu kan uummatni Oromoo qaburraan adda ta'a jedhee hin yaadu kan jedhu abbaan seeraa Batruun, adeemsa hordofamu irratti garuu garaagarummaan jiraachuu akka malu hima.

Bakka bu'oota ODP dabaluun iddoo barbaachisutti keessaa baasuun bakka bu'aan dhaaba biraa akka bakka bu'u gochuun dogongora sirrachuu qabu dha, inumaayyuu nama quuqama jabaa qabutu dabalamuu qaba tures jedha.

Jijjiiramni koree kana keessatti ta'e kallattiinis kallattiin alas murteeewwna magaalittii ilaalchisuun darban irratti dhiibbaa guddaa ni qabaatas jedha.

Baalaadaraa

Manni Maree bakka bu'ootaa labsii chaartarii bulchinsa magaala Finfinnee fooyyeesseen, filannoon mana maree magaalichaa dheereffamuun alattis, hanga filannoon gaggeeffamuutti manni marii fi bulchiinsi magaalichaa haaluma jiruun akka itti fufuuf murtee dabarse ture.

Haa ta'u malee qaamooleen murteen mana marichaa seera qabeessa miti jechuun morman jiru.

Kanneen Bulchiinsi magaalaa Finfinnee seera qabeessa miti jedhan keessaa gareen 'Mana Mare Baalaadaraa Addis Ababa' jechuun of moggaase tokko.

Odeffannoowwan dabalataa kanaa wajjin walqabataniif: