Oromiyaatti namoonni miliyoona lamaa ol 'gargaarsa nyaataa barbaadu'

Madda suuraa, Getty Images
Godinaalee Oromiyaa kana akka Arsii Lixaa, Gujiifi biroo keessatti namoonni miiliyoona lamaa ol ta'an deeggarsa midhaan nyaataa akka barbaadan Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa beeksise.
Hogganaa Itti-aanaan Komishinichaa Obbo Garramuu Oliiqaa BBC'tti akka himanitti, namoonni miliyoona lamaa ol Oromiyaa keessatti gargaarsi isaan barbaachisu kunneen sababoota garagaraatin hanqinni midhaan nyaataa warra isaan mudatedha.
"Oromiyaa keessatti rakkoolee nam-tolcheefi uumamaatiin namoonni hanqina midhaan nyaataaf ni saaxilamu. Bara kanammoo qorannoo gaggeeffameen namoonni nyaataan of hin dandeenye miiliyoona lamaa ol ta'an gargaarsi akka isaan barbaachisu adda bahee, dhihaachaaf jira," jedhan.
Kanaan alattis sababoota uumamaa akka sigiga lafaafi lolaadhaan kanneen buqqa'anis lakkoofsi isaanii dabalee jiraachuu eeran.
"Fakkeenyaaf, amma godina Gujiitti uummanni 100,000 caalan balaa uumamaatiin gargaarsi kennamaafii jira. Kanaan ala garuu kanneen gargaarsa jala jiran rakkoo nageenyaafi lolaan kanneen buqqa'anis yeroo yeroodhaan hordofamee gargaarsi dhihaataaf," jedhan.
Godina Gujii aanaalee sagal keessatti sababa goginsaafi tasgabbii dhabiinsarraan kan ka'e namoonni 250,000 ta'an hanqina midhaan nyaataaf saaxilamuu Bulchaa itti-aanaan godicha Obbo Tashoomaa Kabbadaa BBC'tti himaniiru.
Akka Obbo Tashoomaan jedhanitti, rakkoon hanqina nyaataa aanaalee godinichaa Gumii Eldalloo, Liiban, Waadara, Girjaa, Adoolaa Reeddeefi Sabbaa Boruu dabalatee walumatti aanaalee sagal keessatti uumameera.
Qonnaan bultoonni aanalee Gujii BBCn dubbises waqtii roobaa eeggatanii midhaan facaasanillee, caamni barana yeroo malee mudate abdii isaan kutachiisuu dubbatu.
Naannoon Oromiyaa deeggarsa mootummaa federaalaa irraa argatuun alatti fandii ofeeggannoo qabaterraa deeggarsa kana dhiheessaa akka jiru dubbatan Obbo Garramuun.

Madda suuraa, Getty Images
Waggootni afran darban Oromiyaatti lakkoofsi namoota sababa balaa uumamaan buqqa'anii dabaluu isaatiin lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadanii miiliyoona afuriitti yeroon dhiyaate akka ture yaadachuun kaasu aanga'aan kun.
"Lakkoofsi namoota buqqa'aniifi namoota gargaarsi barbaachisu kan bara kanaa giddugaleessa jechuun ni dandahama. Lakkoofsa namoota idileedhaan gargaaraman caalaa bara kana kan dabale namoota balaa tasaatiin buqqa'anidha," jedhan.
Bara kana naannoon Oromiyaa bajata ofeeggannoof qabate birrii miiliyoona 75tiin midhaan nyaataa bitamee namoota kunneeniif dhihaachaa jiras jedhan.
Rakkoon kaaba Itoophiyaatti uumame dhaabbileen gargaarsaa gara sanatti fuullefachuu akka dandahaniifi dhiheessiin hir'achuu akka malu dursamee waan beekamuuf qophiin taasifamee akka turellee eeraniiru.
Naannoo Oomiyaatti lakkoofsi namoota hanqinni midhaan nyaataa isaan mudate guddaa ta'us, hanga ammaatti mootummaan humna danda'een nyaata dhiheessaafii waan jiruuf rakkinichi sadarkaa beelaatti akka hin ceenes himan Obbo Garramuun.












