Hongee Kaaba Keeniyaatiin beeyladootni miiliyoonaan lakkaa’aman dhuman

Kaaba Keeniyaatti baayladootni miiliyoonaan lakkaa’aman hongee hamaa waggaa kudhan keessatti mul’ateen dhumaniiru.
Eegdotni bosonaa immoo bineensonni baay'ees du’aa akka jiran gabaasaniiru.
Hongeen naannoowwan baay'ee Somaaliyaa fi Kibba Itoophiyaatti hanga walakkeessa waggaa dhufutti akka itti fufuu danda’u kan tilmaamame yoo tahu, lubbuu qabeeyyii hedduu balaaf saaxilas jedhameera.
Reeffi loonii, reettii, fi kan saatawwaa illee naannoo Kibba Waajir jedhamutti daandii irratti mul’ateera. Boolli bishaanii fi biqilootnis goganiiru. Naannichi iddoowwan baay’inaan hongeen miidhaman keessaati.
Akka qondaaltonni naannoo jedhanitti loon harka 70 fi re’een harki 60 beela, dheebuu fi dhukkuba madiinummaan qaamasaanii hir’isnaan isaan qabateen du’an jedhan.
Bineeldoti kunneen du’uun jiruufi jireenya tikfattoota ji’a tokko keessatti rakkoo irra buuseera.
Somaaliyaan sababa kanaan labsii yeroo muddamaa labsiteetti.
Ogeessonni lolaafi hongeen hammaachaa kan dhufe jijjiiramni haala qilleensaa naannichatti dabalaa dhufuunii jedhu.
Waqxtiin sadiif roobni xiqqoon qofti jiraachuun namoota miiliyoona 26 nyaata argachuuf akka rakkatan taasiseera.
Waqtii roobaa baayyee, baatii Bitootessaa fi Caamsaa keessa haalli wal-fakkaataa uumamuu danda’a














