'Hongee Booranatti mudateen loon 14,000 du'uun, kumni 30 gargaarsa namaatiin ka'u'

Hongee Godina Booranaatti mudateen loon du'an kuma 14,410 gahu Hogganaan Qophii Ittisa Balaa Godinichaa Aab Liiban Kabbadaa BBC'tti himan.
Kana malees haala hongee godinicha keessatti mul'ataa jiruutiin loon sababii huqiinaatiin gargaarsa namaatiin lafaa kaafaman 30,000 ol ta'u himan.
Du'aatiifi miidhamuun loonii haa baayyatu malee, gargaarsi karaa motummaa fi namoota dhuunfaatiin ummata qaqqabaa jiraachuu himu Aab Liiban.
''Hanga yoonaatti margi hidhaa 14,387 ta'u mootummaan dhiyeesseera. Namoota dhuufaa irraa ammoo margi hidhaa 3,630 ta'u nu qaqabee aanaaleef raabsineerra,'' jedhan.
Haata'u malee namoonnis hir'ina nyaataa cimaan waan mudateef deeggarsa ariifachiisaa gaafachuufi deeggarsi geejjibsiifamaa jiraachu dubbatu.
Hanga ammaattis namoota gara 166,000 gahuuf deeggarsi midhaanii qaqabaa jiraachu dubbatu.
Kana malee aanaalee hongeen keessatti mudate keessatti bishaan dhiyeessuuf konkolaataa boottee gaafachuun bootteen 15 ta'an ergamuufiin bishaan aanaaleef raabisaa jiraachu dubbatu Aab Liiban.
Sababii hongee kanaan namoonni rakkachaa jiraniif deeggarsa miidhaaniifi bishaanii mootummaa gaafatan qaqqabaa jiraachu himan Aab Liiban.
''Deeggarsi miidhaan nyaataa geejjibamu jalqabeera. Hongee kanaan loon du'aa jiraatullee, deeggarsi mootummaan kennu amma akka dansaa fooyyee qaba,'' jedhan.
Iddoo gargaarsi kun konkolaataan qaqqabsiisun danda'amutti gargaarsi qaqqabaa jira jedhan.
''Gama hanqina midhaan nyaataatiin beela hamaan hin jiru. Rakkoo guddoo jirtu gama deeggarsa nyaata loonitiin,'' jedhan Aab Liiban.
Roobni horsiisee bultoonni abdatan ji'a darbe keessa roobu qaba ture kan jedhan Hogganaan kun, amma garuu aanaalee afran;- Gomolee, Yaabelloo, Taltaleefi Elwayyee keessatti roobni diqqaan roobaa jira,'' jedhan.
Sababii roobni eegamu yeroo isaatti hinroobneen walqabtees bishaaniifi lafa jiidhaa barbaacha goodaansi dabalaa jiraachuu himu.
Duumeessi darbe darbee jiru yoo dafee hin roobne garuu rakkoo hongeen qaqqabu hammaachaa adeemu mala jedhan, Hogganaan kun.
Projektiin bishaan laf-jalaa Booranaa rakkoo ummataa hagam fura?
Piroojeektiin Neetiworkii bishaan Booranaa rakkoo dhiyeessi bishaanii guddaan ni hir'isa jedhamee abdame saffisaan hojjatamaa jiraachuu kan ibsan Aab Liiban, haata'u malee ammatti guutummaatti tajaajila kennuurra hin qaqqabne jedhan.
Haata'u malee bakka madda pirojaktichaa itti argamu naannoo Dillootti bishaan horii obaasuu eegaleera jedhan.
Piroojeektichi wayita xumuramu garuu rakkina bishaanii horsiise bultoota mudatu ni fura jedhanii abdatu.
Ammatti bishaan argachuu qofaan osoo hintaanee margi jalliisiin akka dafee oomishuun nyaata horiif oolfamu gochuuf hojiin jalqabame jiraachus Aab Liiban himaniiru.
Hongee Booranatti ALI bara 1992'tti mudateen horii 250,000 ol fixuutu himama. Kanarraa kaa'uun ture mootummaan bishaan lafa jala yoo jiraate adda baasuuf godinicha oggeessootaan qorannoo akka gaggeeffamu kan taasifame .
Qorannichaanis Boorana keessatti humni bishaan lafa jala jiru kan guutummaa horiifi ummata godinichaa gahuu irra darbee omisha jallisiifilleen ta'uu kan danda'u ta'un adda baafamu oggeessi yeroo sana qorannoo sana keessatti qooda fudhatan, Injinar Hayilamaariyaam Kabbadaa dhiheenya kan BBCtti himanii turan.













