Naannoo Oromiyaa: Godinni Baalee Bahaa hongee mudateef birmannaa gaafate

Godina Baaleetti sababa hanqina roobaan hongee mudateen hawaasi 270,000 ol miidhamuu mootummaan kana dura ibseera
Ibsa waa'ee suuraa, Godina Baaleetti sababa hanqina roobaan hongee mudateen hawaasi 270,000 ol miidhamuu mootummaan kana dura ibseera

Godinni Baalee Bahaa Kibba Oromiyaatti argamu hongee hammaateef namaafi beeyladaaf gargaarsi atattamaa akka taasifamuuf gaafate.

"Nyaata namaafi beeyladaa irratti hanqinni mudateera" jechuun hogganaan Waajjira Komunikeeshinii godinichaa Obbo Jeylaan Adam BBCtti himaniiru.

Sababa jijjiirama qilleensaan hongeen godinoota Kibba Oromiyaa Booranaafi Gujii akkasumas biyya ollaa Itoophiyaa Kaaba Keeniyaafi Somaaliyaattis mul'ateera.

Fakkeenyaaf Kaaba Keeniyaatti baayladootni hedduun hongee hamaa waggaa kudhan keessatti mul’ateen dhumaniiru.

Hongeen roobni yeroodhaan roobuu dhabuufi yeroon bonaa dheerachuun aanaalee Godina Baale Bahaa tokko tokko mudate yaaddessaa ta'uunsaas himameera.

Obbo Jeylaan Adam, "aanaalee akka Daawwee Sarar, Daawwee Qaachan, Raayituu, Sawweenaafi Laga Hidhaa keessatti hongeen ni jira," jedhan.

Keessattuu balaan hongee kun aanaalee godinichaa sadi: Daawwee Sarar, Daawwee Qaachan fi Raayituu keessatti kan hammaate ta'uu himaniiru.

"Hanqinni nyaataa namaafi beellada irratti mudateera" kan jedhan Obbo Jeylaan, lakkoofsi namootaa ammatti gargaarsa barbaadan kuma 250 ol ta'uu himaniiru.

'Namni akka hin miidhameef…'

Dheerachuu bonaan walqabatee miidhaan namaaf beeyladaratti qaqqabu sadarkaa godinaatti yaaddoo hammaataarra gahuu Obbo Jeylaan dubbatu.

Aanaalee Godina Baale Bahaa hongeen miidhaman keessatti hanga ammaatti beeyladoonni 5,000 du'aniiru.

Harree diidaa Booranatti ummanni bishaa dhiyeessaaf jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Sababa hongeen bineensonni bosonaa Boorana jiraniis balaaf saaxilamaniiru

Lubbuu namaarratti garuu miidhaan hanga ammaatti qaqqabe akka hinjirrefi kana boodas akka akka hin qaqqabneef xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuunis himameera.

"Keessattuu maatii harka qalleeyyii biratti deeggarsi ammaa amma godhama. Hanga ammaatti lubbuun namaa bahe hinjiru" jedhan Obbo Jeylaan.

Yeroo ammaatti hawaasni beeylada ofii qabatee gara aanaalee godinichaa kan biroofi daangaa godinaalee Arsiifii Harargeetti godaanaa jiraachuu himuun "hawaasni horsiise bulaa jiruuf jireenyasaa baraaruuf deemaa jira" jedhan.

'Deeggarsi mootummaa gahaa miti…'

Mootummaan namaafi beeyladootaaf bishaanfi soorata dhiyeessaa jiraachuu kan himan hogganaan Waajjira Komunikeeshinii godina Baale Bahaa Obbo Jeylaan Adam, "deeggarsi godhamaa jiru gahaa miti" jedhu.

Akka fakkeenyaatti aanaa Daawwee Sarar eeruun aanichi bishaan boolla gadi fagoo tokkollee akka hinqabne himan.

Ammatti mootummaan konkolaataa bootteetti fayyadamuun bishaan dhugaatii dhiyeessus gahaa akka hintaane himaniiru.

Dabalataan gogiinsi aanaalee godina Baale Bahaa mudate kun ji'oota lamaan itti aananiifii isaa ol turuu waan danda'uufis dhaabbileen miti mootummaafii hawaasni harka akka itti hiixatu gaafataniiru.

Qaamoleen gargaarsa nyaata beeyladaafi soorata namaa gumaachuuf fedhii qaban yoo jiraatan bulchiinsi godinichaa kan simatu ta'uus himan.

Hongeen akkanaa godinichatti waggoota kudhan dura mudatee akka ture kan himan Obbo Jeylaan, "kan ammaa kun kan duraanii caalaa akka malee humna qaba" jedhaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Hongee Baha Afrikaatti bineensota bosonaa fi loowwan galaafachaa jiru