Jaalalli daa'imaafi jaldeessa hongeen haadha dhabee, namoota hedduu garaa nyaate

Daa'ima ganna jahaa jaldeessa guddisaa jirtu

Madda suuraa, Daa'ima ganna jahaa jaldeessa guddisaa jirtu

Jaalalli daa'ima ganna jahaa abbaa hin qabneefi jaldeessa sababa hongeetiin haadha isaa duuni jalaa fudhate namoota hedduu garaa nyaate.

Daa'imni ganna jahaa kuni Amiinaa Jiloo jedhamti. Haadha malee abbaan irraa du'eera. Kaaba Keeniyaa bulchiinsa Isiwooloo bakka Garba Tuulaa jedhamu jiraatti.

Torban sadii dura osoo Mana Barumsaa Nagaa jedhamuufi kutaa tokkoffaa barattu biraa osoo galtuu, jaldeessa reefu dhalate muka jalatti agarte.

Ijoolleen kaan kana argan walitti wacu ture. Ijoolleen dheessaniis isheen garuu fuutee galte jetti harmeen isii Tiyyaa Gurraacha.

''Dhuftee qamalee argadhe jennaan kuni qamalee miti jaldeessa gaaraati jedheen. Namillee hin beela'a, bineensillee hin beela'a jedhee irraa fuudhe,'' jechuun BBC'tti himte.

Ollaan isaanii Obbo Naasir daa'mni kuni jaldeessa haati duute hodhuu jirtuu arguu ishee dubbatu. ''Ilmaan kaan fuutee warratti galte. Duuba akkan dhagahe haatillee hin dhowarre [hin dhowwanne],'' jedhan.

Aadde Tiyyaan kan ijoollee afur abbaan irraa du'e guddisaa jirtu, laftis bona qabdutti jaldeessa guddisuun hin cimtuu? Dabalataan, ofiifuu uffata namaa miiccaafi qoraan cabsitee gurguraa jiraatti.

Ta'us bineensa kana daa'imnishee fiddee dhufte fuudhee ijoollee kiyya waliin guddifadha jette Tiyyaan.

Yeroo ammaa jaldeessi kuni daa'ima kana akka haadhashee ilaalti. Yoo daa'imni kuni raftu jaldeessa kana jalaa fuudhanii raffisu.

Hongee waliin hin cimuu?

Ollaan isaanii Obbo Naasir Mohaammad nami biraa jaldeessa kana harkaa fuudhee guddisuuf jennaan didde jedhu waan dhagahan yoo dubbatan.

Dhimma kana kan gaafanne harmeen Amiinaa ''Laftoo duwwaadha, waa nuti nyaannu nyaannaan jedheen,'' jechuun BBC'tti himte.

Yeroo ammaa akkuma bakkeewwan Itoophiyaa hedduufi biyyoota Gaanfa Afrikaa kaanitti mudate, hongeen yookiin goginsi hammaatee Kaaba Keeniyaattis horii fixaa jira, namnis yaaddoo guddaa keessa jira.

Sababa hongee kanaan immoo bineensonni bosonaas miidhamaafi du'aaf saaxilamaniiru.

Ollaan Aadde Tiyyaa Obbo Naasir miidhaa dhaqqabaa jiru akkanaan himu.

''Eegi oolaan [bonni hamaa] buutee bineensa akka jaldeessa gaaraa, qamalee, simphirree ollaatti gad baafatte diratti,'' jechuun hongeen isaan hubuu himu.

''Bonni hamaa hamaa. Bineensinu warratti dacha'e. Namnis akka dansaa hin jiru,'' jedhu waan bonni hammaateefi ummanni waan keessa jiru yoo dubbatanimmoo.

Ta'us harmeen Amiinaa jaldeessa kana guddisuu itti cichan.

''Beelatu harkaa qabdi akkuma ilmaan kiyya guddise kan isaallee guddisa. Hin darbadhu miskiina. Isaallee guddisa jedhe.'' Ta'us, rakkina isaanii argee namnis isaan akka gargaaru himu.

Sababa hongeen bineensonni Paarkii Biyyaalessaa Boorana keessa jiran miidhamaa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Sababa hongeen bineensonni Paarkii Biyyaalessaa Boorana keessa jiran miidhamaa jiru

''Amma torban sadiif na bira jira. Aannanillee hin dhuga, sagaleellee hin nyaata. Gaafa nuti arginu waan laafaa xiqqaa tokko,'' jechuun amma guddataa dhufuu himti.

Namoonnis aannan, muuxii fa'i jaldeessa kanaaf bitu.

Ollaan maal jedhe?

''Osoo daa'imi jaldeessa baattee deemtu mucaan jaldeessaa gurra ishee hoote. Sagalee [nyaata] kennuufi aansite. Yoggaa halkan geette akka nam kaan dhodhooftee raffifti.

''Akka warri jedhu ganama aannan kenniteefi. Nullee waan kana dhageenyaan gargaaru aansine. Aannan fa'a binnaafi,'' jechuun himu Obbo Naasir.

Ta'us, yeroo daa'imni kuni qamalee baattee deemtu argan namoonni ni kokkoflan jedhu. Yeroo daa'imi kuni jaldeessa kana lafa keessu utaalee mataa kore jedhu.