Hongee Oromiyaa mudateen miidhaa hangamiitu namaafi beeyladarra dhaqqabe?

Suura loon sababa goginsaan dhuman, naannawaa Yaaballoo bara 2017 keessa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suura loon sababa goginsaan dhuman, naannawaa Yaaballoo bara 2017 keessa

Ukkaa Dhokkoo Godina Booranaa aanaa Areeroo jiraatu. Naannawa isaaniitti erga bokkaan waqtii darbee hongeen seentee wagga lamaaf deema.

Obbo Ukkaan akka jedhanitti yeroo bonni jalqabu akka amma gahe kanatti hamaa hin seene.

"Jalqaba bokkaan waqtii darbee jennaan re'ee qabnu gurgurree looniif magra bitaa turre. Booda re'een gurguramtee dhumtee jennaan waan looniif marga binnuleen dhabame. Booda loon keenyas dhawaatuma bonaan du'uu jalqaban. Amma namni moonaan isaa duwwaa ta'e hedduudha" jechuun adeemsa ittiin hongeen miite himu.

Haala amma keessa jiran yoo himanis, "Amma tan loonii wanni hafe hin jiru. Areeroo qofa osoo hin taane Boorana bakka hundatti beelladi ya dhumate. Amma yaaddoon kan beelladaa miti waa'ee namaa yaadda'uutti jirra" jedhan.

Godina Baale bahaa aanaa Raayituu Ganda Harbucaa kan jiraatan Obbo Ibraahim Siraaj gamasaaniin, hanga umurii maanguddummaa amma irra gahe kana gahanitti Hongee akka miilanaa hamaa argineellee hin beeknu jedhan.

"Gara rooba jahaatu osoo hin robin darbe. Hongeen akka malee dheerachuudhaan lafti dur bishaan qabu gogeera. Lafti bosonaalleen gogee haala hamaa keessa jirra.amma waaquma kadhachaa harka mootummaa eegganna malee homaa hin qabnu" jedhan.

Hongee naannoo isaaniitti mudate kana daran kan hammeesse ammoo naannoon isaanii weerara Awaannisaatiin erga miidhameen booda hongeen kuni ammoo walitti fufee waan dhufeef akka ta'es dubbatan.

Bulchaan aanaa Raayituu Obbo Mohaammad Ibraahim BBC'tti akka himanitti aanichi qabeenya beelladaa kuma 60 ta'u qabu keessaa walakkaa kan ta'u akka du'anii fi kan hafanilleen gara aanaalee ollaatti akka godaansifaaman himan.

Jiraattonni Godina lamaanirraa dubbisne hongeen waggaa caale kuni beellada isaanii jalaa fixus, hanqinni midhaan nyaata namaa jiraatulleen lubbuun namaa sababa Kanaan darbe hanga ammaa akka hin mudanne himu.

Oromiyaatti hongeen waggaa tokkoo oliif dheerate maal miidhe?

Buusaa Gonofaa Oromiyaa, seektara mootummaan naannoo Oromiyaa hundeessee fi yaa'ii Caffee darbe irratti ragga'eedha.

Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir turtii BBC waliin taasisaniin Miidhaa hongeen Oromiyaatti geessisaa jiruu fi badii gahe ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti Roobni Gannaa fi Arfaasaa Osoo hin roobin waan darbeef Godinaaleen Oromiyaa saddeet hongedhaan miidhamaniiru.

"Sababa hongee mudate kanaan namni miliyoona sadii fi kuma 200 caalu gargaarsan jiraatu.dura ammoo namootni kumaa 600 caalan sababa hiyyummaatiin dhaabbiidhaan gargaarsan jiraatu. Amma walligala namni gargaarsan jiraatu miiliyoona afur taha," jedhan.

Horii Aanaan Raayituu qabdu kuma 60 ol keessaa walakkaa ol dhumanii, kaan du'aa fi jireenya gidduu jiru jedhu bulchaan aanichaa
Ibsa waa'ee suuraa, "Beeylada kuma 800 caalutu du'e"

Waggaa tokko darbe kanatti sababa hongeetiin Oromiyaa keessatti miidhaan beelladarra gahe daran hammaataadha kan jedhan Obbo Musxafaan, Booranatti qofa beellada miiliyoona walakkaa caalutu du'e jedhan.

"Hongeen kuni jalqaba kan miidhelleen Boorana. Achiiti beelladi walakkaa miliyoonaa caalutu du'e. Godinoota hafan torba keessatti ammoo beellada kuma 300 ol ta'u du'e. Waliigala gabaasa hanga ammaa jiruun Oromiyaatti sababa hongee Kanaan beellada kuma 800 caalutu du'e" jedhan.

Kanaan alattis beelladni kuma 300 caalu ammoo ammayyuu gargaarsa namaatiin kan lafaa kaafamanii fi balbala du'aa irra kanneen jiran ta'uu eeran.

Hanna midhaan gargaarsaa…

Godinaalee Oromiyaa hongeen miidhaman kanneen keessatti midhaan bajata mootummaan bitamuu fi deeggarsa lammiin lammiif taasisuun miidhaan lubbuu namaarra akka hin geenye baraaruuf hojjetamaa jira jedhan angaa'aan kuni.

Ta'ulleen Godinaalee akka Booranaa fi Baale Bahaa keessatti midhaan gargaarsaa kana caasaan gara gadii jiru saamichaa fi hanna irratti raawwachuun mul'ateera jedhan.

"Boorana qofaatti namoonni 15 midhaan gargaarsaa kana faayidaa dhuunfaatiif oolchan too'atamaniiru. Baale bahaa keessattis haala walfakkaataatu ture. Midhaan gargaarsaaf dhufe kana saamuun, faayidaa ofiitiif oolchuun akka nama du'erraa uffata saamuuti," jedhan Obbo Musxafaan.

Haala midhaan gargaarsaa irratti hanni raawwatamu yoo ibsani "Inni duraa midhaan kana akkaataa kootaa kaa'ameen ala fira, hiriyummaadhaan qooduutu jira. Inni biraan midhaanuma gargaarsaf deemu kana keessaa qashaabuutu jira. Irraa hatanii faayidaa dhuunfaatiif oolchuu," jedhan.

Gochi midhaan gargaarsaa faayidaa ofiitiif oolchuu fi uummata beela'e bira hanqisuu kuni gocha nama sammuun yaadurraa hin eegamnee fi qoonqoo nama beela'ee irraa saamuu waan ta'eef tarkaanfiin fudhatamus cimaa taha jedhan Obbo Musxafaan.

Erga balaan hongee kuni mudatee midhaan kuntaala miiliyoona lamatti dhihaatu iddoowwan hongeen miidhaman kanatti rabsamuus himan. Iddoowwan naannoo isaanii midhaan gabaadhaa bitachuun danda'amu jiraniif ammoo Birriin miloiyoona 77 akka qoodameefis himan.

Jiraattonni Booranaa fi Baale bahaa irraa dubbisne gargaarsi dhihaachaafii jiraatulleen hammeentaan dhihaatu garuu gahaa akka hin taane komatu.

Buusaa Gonofaan Oromiyaas komiin uummataa kun dhugaa akka ta'ee fi mootummaan humna qabuun gargaarsa gahaa dhiheessuu baatulleen ammatti hojii lubbuu namaa baraaruu irratti hojjechaa jiraachuu eeran.

Torbee tokkoon dura Roobni iddoowwan hongeen miidhaman kunneenitti guyyaa tokkoo hanga afurii roobulleen sadarkaa rakkoo kana furuu dandeessisu akka hin taane himu jiraattonni.

Buusaa Gonofaan Oromiyaa gamasaatiin iddoowwan hongeen miidhaman kunneenitti bokkaan yeroo roobu beellada hongeen dadhabse dabalee ajjeesuu waan danda'uuf uummanni yeroo bokkaan roobu beellada isaanii gaaddisa jalaa fi mana keessatti daheessuun ofeegannoo gochuu qabu jechuun dhaama.