Godina Booranaatti suuraan daa'imaa akkamiin hawaasa naannoof gargaarsa argamsiise?

Daa'ima kophaa taa'ee nyaata bilcheessu

Madda suuraa, Boruu Koonsoo

Godina Booranaa Aanaa Miyootti suuraan daa'ima diqqaa osoo kophaasaa taa'ee nyaata bilcheessuu agarsiisu, erga miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifamee booda hawaasa naannoof gargaarsa argamsiise.

Boruu Koonsoo ogummaan isaa gaazexeessaadha. Hojii idileesaatiin miidhaa bonni araddaalee Booranaa keessaatti geessisaa jiru gabaasuuf ture dhuma ji'a Muddee keessa gara ganda baadiyyaa Aanaa Miyoo kan bobba'e.

Guyyaa tokko galgala yeroo hojiirraa deebi'u doqdoqqee yaabbatee jiru irraa mucaa xiqqaa lafa fooraa (bakka itti godaanan) keessatti kophaasaa nyaata bilcheessaa jiru kan arge.

"Gaafa sana ani hojiirraan deebi'aa ture. Mootora irra taa'een arge. Lafti galgala naannoo 12:30 ta'eera. Gara dukkanaatti deemaa jira. Bilbilli kiyyas chaarjii fixee cufamuuf ture. Obsee bira darbuu hin dandeenye. Dhaabannee, dubbiseen suura isa kaase," jedha Boruun.

Mucaan xiqqaan umriinsaa ganna 10 hin caalle kuni lafa onaa homtuu keessa hin jirre kana keessatti abidda qabsiisee nyaata bilcheessuuf dhama'aa yoo jiru suura kanarratti mul'ata.

"Naannoo suni namnilleen kan keessa jiraatu miti. Lafa godaansaaf itti deemani. Mannis homtuu hin jiru. Mucaan kuni qofaasaa lafa onaa kana keessatti nyaata yoo bilcheessu miira nama tuqaa ture," jechuun dubbata.

Daa'ima kophaasaa nyaata abiddarra jiru bira ciisu

Madda suuraa, Boruu Koonsoo

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo daa'imni sun ture namnilleen kan keessa jiraatu miti. Lafa godaansaaf itti deemani

Boruun erga gara magaala Yaabellootti deebi'ee suura mucaa xiqqaa kanaa miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiise.

Suuraan mucaa xiqqaa, kan lafa onaa keessatti nyaata bilcheessuuf dhama'aa jiru kanaa hedduu qoodame. Yaadota adda addaatu irratti kennamaa ture. Namni hedduun ammoo mucaa kana gargaaruuf gaafachuu eegalani jedha Boruun.

Namoota suuraa kana miidiyaa hawaasummaa irratti arganii barbaacha mucaa xiqqaa kanaa jalqaban keessaa tokko, jiraattuu magaala Yaaballoo kan tahan Aadde Munaa Bakureeti.

Battala suura kana miidiyaa hawaasummaa irratti argan miira isaanitti dhagahame yoo ibsani: "Suura sana argee akka malee miira keessa nagalche,'' jedhu.

''Anilleen daa'ima qaba. Osoo daa'ima kiyya ta'eehoo jedheen yaade. Mucaan kuni daa'ima ganna 10'ti. Guddoon gadde garaa kiyya keessatti. Mucaa kana argachuun qaba jedheen hirriiba nadhowwe.''

Torbeewwan lamaan darban akkaataa mucaa kana ittiin qunnamuu dandahan barbaadaa akka turanii fi dhumarratti mucaa suura kana kaase argatanii Sanbata darbe kana bakka mucaan kuni jiru deemanii argachuu himan.

"Nyaata qopheesseen ganda mucaan kuni jiru deemee warra ollaa saniilleen cufa laaqana affeere. Abbootii warraa 20 tahaniifis nyaataa fi sukkaara geesseen qoodeef. Mucaa xiqqaa kanalleen argadheen gargaarsa godheefi," jedhan.

Mucaa xiqqaa suura isaa arganii hirriiba isaan dhorke kanas akka mucaa isaaniitti hanga barumsa isaa bakkaan gahutti itti fufiinsaan waan isaaf barbaachisu, ji'a ji'aan guutuuf waadaa akka seenaniifis himan.

"Ijoolleen horsiisee bulaa godaansa waan deemtuuf barumsaaf ni rakkatti. Ammoo gaafan ganda sana deeme ijoollee qaama miidhamtoota gargaarsa hin qabnelleen arge. Amma ijoollee qaama miidhamtoota kanas akkamittin itti fufiinsaan gargaaree akka baratan gochuu dandaha kan jedhun yaadaa jira," jedhan.

Boruun, gaazexeessaan suura kana kaases sababaa suura kana kaaseen mucaan xiqqaan kunis ta'e warri ollaalleen gargaarsa argachuun hedduu akka isa gammachiise BBC'tti himeera.

"Guyyaa sana silaa galgala ta'e jedhee callisee dhiisee darbee warri kuni gargaarsaa hin argatani ture. Haala rakkoo keessatti waan ati gooteen namni biraa yoo gargaarsa argatu, yoo rakkoo keessaa bahu arguu caalaatti wanti nama gammachiisaa hin jiru," jedha Boruun.

Suuraalee miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifamaniin namootni gargaarsa argachuun amma amma Itoophiyaa keessatti baratamaa dhufeera.

Ammaan dura Godinuma Booranaatti manni barumsaa jijjige suuraan isaa erga miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifameen booda gargaarsi walitti qabamuun haaraan ijaaramee ture.