Gargaarsa hongee Booranaafi ummanni waan keessatti argamu

Madda suuraa, Getty Images
Bara kana hongeen Booranatti dheeratee rakkoo uumee hordofee gargaarsi qaamolee addaa addaan taasifaamaa turullee uummanni ammallee rakkoon itti cimaa jiraachuu himatu.
Rakkoo hongee Booranaa furuuf jecha namoota dhuunfaa hanga mootummaatti, darbees dhaabbilee gargaarsaa hanga dhaabbilee miti-mootummaatti hojiiwwan gargaarsaa fakkeenyummaa qaban akka hojjetaman dhagahamaa turan.
Ofii hagam Boorana rakkoorraa dandamachiise?
Jiraataan Aanaa Areeroo Aab Bukkee Kuraa, ''ammallee horiin dhumaa jira, gargaarsa rakkoo jalaa nu dandamachiise inumaatuu hin argine,'' jechuun ammallee rakkoo hamtuun akka harkaa isaan qabu ibsan.
Gargaarsa an amma yoonaatti arge kan ijoolleen said miidiyaa hawaasummaarratti qindeessitee dhuftee namoota muraasaaf kennitedha jedhan jiraataan kun.
''Kan kanarraa hafe akka aanaa an keessa jiraadhuutti waan abbaan dhuunfaadhaan tattaafatee argaturraan kan hafe gargaarsi mootummaa yookiin qaama wayiirraa dhufee rakkoo nama baraare hin jiru.''
Jiraataan Aanaa Dubluq Ganda Qarsaa Dambii Aab Turee Liiban Jirmaa, ammallee rakkoo jajjabaa keessa jirra jechuun gargaarsi jedhamullee akka isaan hin dandamachiifne dubbatan.
''Guyyoota jalqabaa sadan nyaati, cidiin horiin nyaattuu fi gargaarsi tokko tokko ya nuu dhufe. Ergasii gargaarsi waan nurraa dhaabateef rakkoon nuddeebite,'' jedhan.
''Horiin guutuun hobba'uutti jira. Uummanni keenya keessattuu jaarroleen dhibamaa jiru. Knn horiif osoo hin taane lubbuu namaaf yaaddofna.''
Godina Booranaa Aanaa Dubluqitti Ogeessa Nyaataa kan ta'an Aab Galgaloo Boruu Liiban, gargaarsi uummata hongeen miidhameef taasifamuuf yaalamullee ammallee rakkoon hin furamne jedhan.
''Gargaarsi taasifame yeroof rakkoo furee jira. Garuu namni yeroo hunda nama bira ejjee nama gargaaruu hin danda'u. Rakkoon ammoo kan tibba tokkoo qofa miti. Kanaaf ammalleen rakkoo jajjabduutu uummata harkaa qaba,'' jedhan.
Gargaarsi nyaata horii akka duraatti kennamaa hin jiru kan jedhan ogeessi kun, midhaan nyaataa garuu iddoo hundatti walfakkaataallee ta'uu baatu haga tokko kennamaa jira jedhan.
Fooyyessa sanyii loon Booranaa-Raanchii Booranaa-keessatti ogeessa kan ta'an Aab Guyyoo Goobuu gargaarsi gara jalqabaa mishaa turullee, garuu akka sanatti itti hin fufne jedhan.
''Jalqabarratti mishaa ture. Rakkoo hongeerraa dandamachiisuu yoo baatellee yeroof lubbuun tursiiseera. Loon fagoo deemee bishaan bira akka ga'u godheera. Garuu baay'inni loonii fi bal'inni lafa Booranaa gargaarsa Kanaan wal hin simne. Gargaarsillee akka jalqabaatti itti hin fufne,'' jedhan.
''Amma yaaddoo guddoon kan lubbuu namaati''

Uummanni horsiisa horiin jiraatu yeroo ammaa horiin irraa dhumee kan fooyyee qabdu gabaatti oofee fixaa jira kan jedhan jiraataan Aanaa Areeroo Aab Bukkee Kuraa, ''amma yaaddoo guddoon kan namaati,'' jedhan.
''Namni Booranaa horii isaa malee homaa hin qabu. Isumarraa nyaata, isuma gabaa baasee gurguree ittiin jiraata. Amma horiin irraa dhumnaan jireenya hin qabu,'' jechuun haala amma jiruun daran abdii kutachuu himan.
''Waan gabaa baase gurguru hin qabu. Kan jirullee gatii hin baasuuf. Amma horiitu harca'aa jira, yeroo xiqqoon booda akka horii kann harca'u nama.''
Aab Turee Liiban ''kan horii abdii hin qabu, lubbuuma namaallee nuuf oolchaa,'' jechuun qaamolee gargaarsa kennaniif akka addaan hin kutne dhaammatan.
''Jaarroleen baadiyyaa Booranaa foonii fi aannan dhuguu callaa beekan amma sana waan dhabaniif qaamni isaanii dhidhiita'ee dhibeef saaxilamaa jiiru,'' jedhan.
''Cidii gatii guddaan binnee loon sooraa jirra''
Jiraataan Aanaa Areeroo Aab Bukkee Kuraa qaamoleen isaan gargaaruuf ifaajee guddaa godhan akkuma jiran daldaltoonni gidduu seenanii isaan rakkisan jiraachuus himan.
''Gargaarsi haga dubbatamu sana nu bira hin geenye. Jalqaba cidii nyaata horii konkolaataa tokko, lamaan erga fidanii boda ergasii gargaarsa waan jedhamu hin argine,'' jedhan.
Gara caalaa namni waan of harkaa qabuun akkaataa dandeettiisaan bitachaa ture malee gargaarsa hagas mara rakkoo fura jedhamu isaan bira akka hin geenye himan.
''Namni danda'u qarshiisaatiin bitata. Kan qarshii muraasa qabu walitti buusee bitata. Kan homaa hin qabne hin argatu. Sanuu gatii hamtuun binna. Marga hidhaa tokko hanga qarshii 220'n nutti gurguru,'' jedhan.
Gargaarsi erga adda citee booda cidii loon nyaatan hidhaa tokko birrii 200 oliin bitanii horiisaanii haga tokko nyaachisaa jiraachuu himan jiraataa Aanaa Dubluq Aab Turee Liiban.
''Gaariin olii fidee asitti nutti gurgurata. Daldaltuun gargaarsa maqaa uummata Booranaan dhufu kana gidduu seente jennee shakkina. Daldaltuun bakkuma horiin jirutti fiddee marga buuftee nutti gurguratti, sanuu gatii qaaliin.''
Haga iyyatanii fi haga odeeffame gargaaramaa akka hin jirre kan dubbatan jiraataan kun,''qaamni gargaarsa kennu, mootummaalleen, daldaltuun of keessaa baasuu qaba,'' jedhan.
Ogeessi Sirna Nyaataa Aab Galgaloo Boruu gargaarsi kennamu fedhii jiruun waan wal hin gitneef jecha abbaan qabu maallaqasaatiin bitee fayyadamaa jira malee uummanni gargaarsa dhufu maallaqa bitachuu quba hin qabu jedhan.
Yaaddoo badiinsa sanyii loon Booranaa

Madda suuraa, Komunikeeshinii godina Booranaa
Ogeessi Raanchii Booranaa Aab Guyyoo Goobuu, ''Sanyiin horii Booranaa lafarraa badaa jira. Haga danda'ameen sanyiin kun akka hin badne qaamni hunduu xiyyeeffannoo kennee yoo xiqqaate haga ji'a sadii kana xiyyeeffannaan gargaaruu qabu.''
Sanyiin loon Booranaa lafarraa dhumaa jiraachuun akka yaadda'an kan ibsan ogeessi sirna nyaataa Aab Galgaloon gamasaan, dhaabbilee miti mootummaa fi mootummaa dabalatee jaarmiyaaleen gargaarsaa fi namoonni dhuunfaa uummata kanaaf birmachuun lubbuu namaa fi loon kanaa akka baraaru dhaaman.
Uummanni sodaa fi rakkoorraa kan ka'e horii qabu gadi buusee daldaltuu qarshii harkaa qabdutti gurguraa jira jedhan maanguddoon Aanaa Areeroo Aab Bukkee Kuraa.
''Daldaltuun loon tokko giddugaleessaan qarshii 1000-2000tti saamtee bitaa jirti. Uummanni loon jalaa miidhamellee gurguree harka qullaatti hafeera. Nu harkatti otoo nuti ilaalluu dhumachuurra jennee daldaltuun nurraa guurrachaa jirti,'' jedhan.
Furmaati maali?
Ofiisaaniitii horsiisa looniin kan jiraatan Aab Bukkee Kuraa, rakkoon hongee Booranaa kun yeroo baayyee deddeebi'ee kan dhufuu fi horiinillee akka jalaa dhumatu himan.
''Namni keenya kanarraa baratee waan furmaata ta'u mala dhahachuurratti booddee jira. Horii kana mala fooyya'aa ta'een gara horsiisuutti hin ceene. Namoonni muraasni horii qaban gurguranii magaalaatti mana ijaarratanii kiraa argataniin kan jiraatan jiru.''
Uummanni hedduun kan akkanumaan rooba samii eeggataa horoo baay'inaan horsiisaa jiraatudha kan jedhan jiraataan kun haalli kun jijjiiramuu akka qabu gorsu.
‚'Wanni horii baay'inaan horsiisan kun hafuu qaba. Horii muraasa faayidaa irraa argatan horsiisuu feesisa. Haalli akkuma durii horii hedduu horsiisanii diidatti gadi dhiisan sun balaa qaba. Margi, bisaan hin jiru.''
''Kanaafuu yoo bifuma duriin kann deeman taate namaa fi horiilleen dachee kanarraa ni dhuma.''
Mootummaalleen bishaan horiin dhiyootti akka argatu hojjechuu qaba. Lafa marraa bisaanii ta'u uummanni addatti akka qopheeffatuu fi yeroo rakkoo loowwan akka dheedanii dhugan gochuu qabaata. Uummannillee bifa ammayyaan akka horsiisu deeggaruu qabaata,'' jechuun dhaaman.
Gargaarsi yeroo hunda kann kennamaa turu miti kann jedhan Aab Galgaloo Guyyoo, silaa furmaati waaraa tarsiimoodhaan itti yaadanii dursanii itti qophaa'uudha jedhan.
Gargaarsi haala Kanaan kennamu furmaata ta'a jedhee hin yaadu kan jedhu ogeessi kun, furmaata waaraa kan ta'u waaqummaan roobe malee gargaarsi harka namaa Booranaaf furmaata jedhee hin yaadu,'' jedhan.
''Horiin Booranaa marga lafarraa dheeduu malee nyaata harka namaa inuma hin baratin. Immoo Ji'oonni itti aanan sadan kan Booranni akkaan caamuudha. Yaaddoo guddootu jira.''
Yeroo ammaa beelladarra darbee lubbuu namaaf soda guddaatu jira kan jedhan ogeessi kun, qaamni dhimmi ilaallatu lubbuu dhala baraaruuf birmachuu qaba jedhan.
Loon hongee yeroo dheeraan hubaman bishaanuma darbee darbee eela keessa jirullee dhuguuf rakkataa jiru kan jedhan ogeessi kun, irra caalaa looniif margaa fi bishaan dhiyeessuun dirqama jedhan.

















