Gargaarsi karaa miidiyaa hawaasummaa walitti qabame akkamiin uumata bira ga'a?

Madda suuraa, GUMI SURICHO
Rakkoo hongee godina Booranaatti mudateen walqabatee torban darberraa kaasee namoonni miidiyaa hawaasummaarratti duula deggersaa gaggeessaa jiru.
Itoophiyaa keessatti miidiyaan hawaasummaa waan gaariif ooluurra badiif oola jechuun wayita komatamu dhagahama.
Keessattuu Feesbuukiin qaamoleediigumsa biyyaaf socho'aniif da'oodha jechuun mootummaan biyyattii komataa ture.
Haata'u malee, darbee darbee fayyadamtoonni Feesbuukii hojiiwwan gargaarsaa akkanaa wayita hojjetanis biyyattii keessatti ni mul'ata.
Namoonni hordoftoota hedduu miidiyaa hawaasarratti qaban dhalattoonni Booranaa kan akka Maskaram Mangistuu, Firaa'ol Kabbadaa fi Jaatanii Bonayyaa akkaawuntii baankii waloon banuun uummata Booranaaf maallaqa walitti qabuutti jiran.
Namoota sadii ta'anii uummata Booranaa hongeen miidhame gargaaruuf duula garaa Feesbuukii gaggeessaa jiran keessaa tokko kan ta'e Jaatanii Bonayyaa adeemsa kana keessatti waan taajjabe akkanaan dubbata.
''Uummati keenya walqarqaaruurratti hamilee qabaachuusaa, uummata waljaalatu ta'uusaa, uummanni Oromoo alaa fi keessaa, sablammiin dhibiillee walumaagalatti nami naasuu walii qabaachuusaati armarratti kanin arge,'' jedhe.
Abbaan iyyatu ollaan birmata akkuma jedhamu, yoo namni rakkoosaa baasee himate namni walqarqaaruurratti yaadisaa dansaa akka ta'e hubadhe jedha Jaataniin.
''Fakeenyaaf, erga rakkoon ba'ee dubbatamee xiyyeeffannaan kenname. Bonaan ya miidhamne, horiilleen ya miidhame jedhee erga nami rakkoo kana dubbatee xiyyeeffannaa argate.''
Miidiyaa fi mootummaanillee erga namuu iyyuu eegalee xiyyeeffannaa kennan jedha Jaataniin.
''Miidiyaanillee erga namuu iyyuu eegalee rakkoo kana akka dansaa gabaasuu eegale. Ergasii warri mootummaalee rakkoo kana deemanii ilaalan. Uummati olla keenyaallee margaa fi bishaan nuuf gumaache.''
Waan uummanni kun keessa jiru hordofaa turuu fi rakkoon daran hammaachaa wayita dhuftu duula kana eegaluu hima.
''Waan uummanni keenya keessa oolee bulu inuma argina. Wanni arginu kunimmoo akka malee ulfaatte. Ammoo rakkoon uummati sun keessa jiru xiyyeeffannoo miidiyaa dhabde. Rakkoonis ni dhokatte. Nutis kanarraa ka'uun rakkoo uummati keessa jiru kana gadi baasuu qabna jennee murteessine. Karaa kamiin beeksisuu qabna kan jedhu itti yaadne.''
Mootummaa dabalatee qaamni dhimmi kun ilaallatu rakkoo kana dhagahuu qaba jennee erga murteessinee booda karaa miidiyaa hawaasummaa rakkoo jiru beeksisuuf murteesine jedhe Jaataniin.
''Namoota miidiyaa hawaasummaarratti hordoftoota hedduu qabanitti fayyadamuun waliin hojjechuu eegalle.''
Godinni Booranaa aanaalee hedduu qaba, aanaalee kunneen keessatti ammoo haala walfakkaatuun rakkoon mudateera. Kanaafuu gargaarsa kana akkaataa namuu teellaatti hin hafneen akkamiin hawaasa biraan geessu?
Kanarratti yaada kan kenne Jaataniin,''Godinni Booranaa aanaalee kudhan caalan qaba. Nuti godina cufa geenya. Warra koree godinaa bakka hunda beekutu jiru, isaan waliin hojjenna,'' jechuun namoota haala uummataa beekan waliin akka hojjetaa jiran hima.
''Isaanillee, uummatillee fulaa rakkoon irruma caalaa hamtuu ni beeku. Akkasiin jaarsoliin biyyaallee fulaa irra hamtuu gargaarsi itti qajeeluu male walgaafatee akkasiin ittiin deemna jechuudha.''
Akkuma biyyaa keessa, biyyaa alaatiillee, adeemsi akkanaa geggeffamaa jira. Aab Habtaamuu Abdi, Go Fund jalqabuun, ammatti, doolaara kuma 22 ol uummani baasuu hima.
Haala kanarraa uummanni Oromoo walbira jiraachuu akka qabun hubadhe jedha.
''Kun Oromoon walmalee akka eenyullee hin qabne, Oromoon gargaarsa alaa dhuftu eeggachuurra waliif qaqqabuu akka qabu agarsiisa.''
Rakkoon Booranaa kun wagga waggaan marsa, yeroo mara rakkoon bishaan, midhaan fi margaa ni mudata. Hanqinni roobaallee akkasuma, namaafi saanillee guddoo miidhamu.
''Biyyoota addunyaa hedduurratti hongeen inuma mudata, waan haaraa miti. Ammoo sababa gogiinsaa namni beelaan dhumuu hin argitu. Keenyalee sababa kanaan namni beela'uu hin malle. Waan mootummaan xiyyeeffannaa hin kennineef kun ta'e,'' jedhe Habtaamuun.
''Osoo duraan qophaa'anii raaga haala qilleensaa ilaalanii bishaan, nyaata namaa fi beelladootaa qopheessanii kun hin dhufu ture.''
Lafti Booranaa irra-jireessi gammoojjidha, uummannimmoo horsiisee bulaadha kan jedhu Habtaamuun, Yoo hin roobin margaa fi bishaan bakka argatu hin qabu, yoo kana ammoo saani isaa jalaa dhumu. Kana hunda dursee kan qophaa'uun irra ture mootummaadha jedhe.
''Mootummaan uummata horsiisee bulaa, tikfatee bulaa kanaaf yoo xiyyeeffannaa hin kennin, akka lammiisaatti yoo hin ilaalle waggaa dhufullee akkasuma. Dursanii eela qotanii bishaan kuusuu, nyaata horii fi namaa qopheessuun rakkoo kana ittisuu danda'a. Akkasiin mootummaan qophaa'uu qaba.''















