Baha Afrikaatti lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman beela hamaaf saaxilamuu malu-Oxfam

Gabaa kuduraalee fi muduraalee

Madda suuraa, AFP

Dhaabbanni Tola ooltotaa hiyyummaa hir'isuu kaayyeffatee hojjetu-Oksifaam-daafoo waraanaa Yuukireeniin qaala'iinsi jireenyaa akkaan dabaluun, lammiilee biyyoota Baha Afrikaa miiliyoona 28 ta'an beelaaf saaxileera yaaddoo jedhu ibse.

Itoophiyaa , Somaaliyaa fi Keeniyaan hongee waggaa 40 keessatti mudatee hin beekneen dararamaa jiru, Sudaan Kibbaa ammoo balaa lolaa hamaadhaan wal'aansoo qabaa jirti jedha jaarmiyaan kun.

Hawaasi addunyaa sababa waraana Yuukireen tasgabbii dhabuun biyyoota rakkoon akkanaa harkaa qabuuf deeggarsi nyaataa fi kaan akka hin godhamne danqeera jedhe jaarmiyichi.

Jaarmiyaan kun ibsa baase keessatti deebiin hawaasa addunyaarraa rakkoo hongee biyyoota kunneeniif kennamaa jiru ''kan nama gaddisiisuu fi akkaan kan eegamee gadi'' jedhe.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii bara 2022 keessa deeggarsa namoomaa biyyoota akka Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaan ga'uuf maallaqa doolaara Ameerikaa biiliyoona ja'atu barbaachisa jedheera.

Kana keessaa hanga yoonaa dhibbeentaa 3 qofatu kenname jedhe jaarmiyaan kun.

"Biyyoonni akka Itoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa fi kanneen naannawa kanatti argaman balaa hongeen hamaa keessa galanii jiru. Osooma roobni ji'a kana keessa roobeefiillee yoo tarkaanfiin barbaachisaan fudhatameen ala dandamachuun itti cimuu mala,'' jedhan Daarektarri Olaanaan Oksifaam Gabriela Bucher.

"Daafoon waraana Yuukireen addunyaa mara jeequu danda'a, biyyoonni hiyyeeyyiin gargaarsa fedhan ammoo daranuu miidhamu,'' jedhan qondaalli kun.

Biyyoonni Baha Afrikaa qamadii dhibbeentaa 90 Yuukireen fi Raashiyaa irraa argatu, jedhe Oksifaam.

Qonnaan bulaan Keeniyaa, bulchiinsa Wajiir irraa ta'e tokko hanqinni nyaataa fi bishaanii namaa fi horii jalaa fixaa jiraachuu hime.

''Sababa hongee horiin keenya dhumaa jiru. Kanneen lubbuun hafanillee humna hin qaban. Yeroo hunda maatiin kiyya maal nyaatu jedheen yaadda'a. Amma yoo waa afaan kaayyatan isa itti aanummoo eessaa argatu? Bishaan jaarkaanii tokko guyyaatti eessaan argadha? jedheen yaadda'a,'' jedhe.