'Haadha beelli ajjeesee bule, daa’imni ganama reeffa harma hodhaa turte'

Godina Gujii Aanaa Sabbaa Boruutti hawaasni gandoota baadiyyaa fageenyarra jiran keessatti sababa hongeetiin lubbuun namaa darbaa akka jiru jiraattonnii fi angaa’aan aanichaa BBC’tti himaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Buusaa Gonofaa Aanaa Sabbaa Boruu Obbo Mokonaa Hoxxeessaa akka jedhanitti, hanga ammaatti aanichatti namootni 12 sababa beelaatiin lubbuun isaanii darbeera.
Namoota lubbuun isaanii darbe keessaa ammoo harki caalaan daa’imman akka tahanis himan.
Haata'i malee jiraattoonni BBC dubbis ammoo namoonni hanqina nyaataan lubbuu dhaban 20 akka gahan himu.
Daa’ima reeffaa harma hootu…
Ta’iiwwan Gaddisiisoo du’a sababa beelaatiin mudate kana duuba jiranis akkasiin BBC’tti himaniiru Obbo Mokonaan:
Aanaa Sabbaa Boruutti Gandi Dirree Saphansaa gandoota sababa hongeetiin duuti namaa itti mudate keessaa tokko. Gandi kun magaala aanichaa Darmee irraa fageenyarratti kan argamtudha.
Aadde Dukkoo Xona’aa ammoo maatiisaanii waliin ganda kana keessa jiraatu.
Ganda hongeen rukutame kanatti gargaarsi namoomaalleen sababa rakkoo nageenyaafi daandiin hin jirreef erga qaqqabee tureera.
Aadde Dukkoon midhaan osoo hin nyaatiin guyyoota lakkofsisan. Daa’imni isaanii xiqqoon harma hootus ija isaanii duratti yoo beelli qoru arguun ammoo dhiphina biraa isaanitti uume.
Haati kun midhaan xiqqoo argatan mucaa isaanii kan guyyaa lamaaf midhaan hin nyaatiin afaan kaa’anii ofii isaaniitiin hagabuu gadi ciisan. Isaan hirriibaaf ciisanis qoonqoon irra aantee akka yaadan ganama hin kaane.
Ganama yeroo maatiin ka’u mucaa xiqqaan Aadde Dukkoo harma hodhaa turte. Aadde Dukkoon garuu lubbuun hin jiran. Beelli isaan moo’ate.
Mucaa xiqqaan ganama harma haadha lubbuun hin jirree hodhu warra argetti rifaatuu guddootu dhalate.
Abbaa warraa isaanii Obbo Dheekkamaa Eelemaa bilbilaan argachuuf yaallus sababa gandicha networkii gahaan hin jirreef nuuf hin milkoofne.
Oduun kun Sabbaa Boruu cufatti dhagahamee hammina beelli ittiin dhufaa jirtu kan mul’ise hawaasa hunda kan rifachiise ture jedhan Obbo Mokonaan.
Abbaa warraa of ajjeese…
Beelli gandoota Aanaa Sabbaa Boruutti mudatee kun seenaawwan gaddisiisoo hedduu kan uumaa jirudha.
Seenaan abbaa Ijoollee torbaa Obbo Kuressaa Xannaas seenaa hedduu nama gadiisiisu Aanaa kanatti mudate isa birooti.
Obbo Kuressaan abbaa warraa itti gaafatamummaan maatii bulchuu harka isaanii jiru ta’ulleen, sababa hongeetiin beelli maatii isaanii qoree itti gaafatamummaa isaanii bahuu dadhaban.
Erga gargaarsa sirnaan argachuu dhaabanii maatii isaanii tursiisuuf yaalii ijibbaataa gochaa turan. Ta’ulleen beelli ija baasee maatii isaaniitti dhufe isaan shororkeessee beelarratti dhiibbaa xiinsammuu isaanitti uume.
Kanaaf jechas abbaan warraa kun murtee keessa deebii hin qabne ofirratti murteessuuf yaadan. Ijoollee isaanii beelli qoraa jiru taa’anii ilaaluu hin dandeenye. Ofitti murteessan.
‘Ijoollee kiyya yeroo beelli ajjeesu ija kootiin ilaaluurra du’uu naaf wayya’ jechuun lubbuu isaanii balleessan.
Baalaa fi hundee mukaa nyaachaa jiru…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Godina Gujii Aanaa Sabbaa Boruutti jiraattonni gandoota akka Dirree Saphansaa, ganda Sabbaa Lola Leemuu fi ganda Ode Talaalaa jedhamanitti namoonni beelaan du’aa akka jiran ragaan Waajjiraa Buusaa Gonofaa aanichaa ni ibsa.
Obbo Nigaatuu Waajii jiraataa aanaa Sabbaa Boruu ganda Diida Dikkeeti.
Akka isaan jedhanitti, sababa hongeetiin roobni erga hafee waggaa lama ta’eera. Hawaasni naannichaa ammoo horsiisee bulaa waan ta’eef jecha beellada saanii bonni fixeera jedhu.
“Amma ganda keenya kana keessatti beelli nama ajjeesaa jira. Ganda keenya kana qofaatti nama beelli ajjeese 20 beeka ani. Wanti nyaatamu tokkolleen hin jiru. Namni amma yoom duunaa ofirratti eegaa jira,” jedhan.
Isaan akkas jedhanis Waajjirri Buusaa Gonofaa aanichaa garuu namoota beelli ajjeese kanin raga argadhe namoota 12 qofa jedha.
Gargaarsi homtuu nu dhaqabaa hin jiru kan jedhan jiraataan kun namoonni amma lubbuu ofii tursiisuuf jecha baala fi hundee mukaa nyaachuu jalqabaniiru jedhan.
“Maatiin namni irraa du’e halkan tokko waan bulaniin hin qaban. Harramoo boru duunaa eegu. Baala tokko jira kan nyaatamu isa guuranii nyaatu. Morodaa kan jedhaniin hundee tokkos nijira. Isafaa lafa keessaa qotanii nyaachaa jiru” jedhan Obbo Nigaatuun.
Jiraataan aanichaa biraan Obbo Kiflee Qaabatoo, hawaasni aanaa Sabbaa Boruu gandoota baadiyyaa keessa jiru kun yoo qarqaarsi hataattamaa hin qaqqabin namni beelaan dhumuuf jira jechuun yaaddoo qaban ibsan.
Itti gaafatamaan waajjira Buusaa Gonofaa aanaa Sabbaa Boruu Obbo Mokonaa Hoxxeessaa sababa rakkoo nageenyaatiin dhaabbileen miti mootummaa hawaasa kana deeggaraa turan dhiisanii waan bahaniif jecha beelli kun mudate jedhan.
Karaa mootummaatiin hawaasa kanaaf qarqaarsa dhiheessuuf yaaliin jiraatulleen qarqaarsi dhufu gahaa ta’uu dhabuun, gandoota jedhaman kun rakkoo daandii qabaachuu fi rakkoon nageenyaa uummata kana qaqqabuuf hudhaa ta’uu eeran.
Akka aanaa Sabbaa Boruutti namoonni kuma 38 caalan beelaaf saaxilamummaa qabaachuu fi qarqaarsi hataattamaa kan isaan barbaachisu ta’uus himan.
Yoo qarqaarsi midhaan nyaataa kun hataattamaan hin qaqqabne garuu baay'inni namoota beelaan du’anii haalaan dabaluu mala yaaddoo jedhus qabu.
Dhimma kanarrattii deebii gaafachuuf Buusaa Gonofaa Oromiyaatti irra deddeebiin bilbillus sababa bilbila hin kaasneef deebii isaanii argachuu hin dandeenye.












