Qamadiin Yukireen irraa bitame Itoophiyaa qaqqabe

Madda suuraa, Reuters
Qamadiin Sagantaan Nyaataa Addunyaa ji'a kana Yukireen irraa bitee gara Itoophiyaatti fe'aa ture Itoophiyaa qaqqabe.
Konkolaattonni fe’umsaa 60 midhaan Yukreen irraa ergame fe’an Itoophiyaa gahaniiru. Doonii midhaan nyaataa fe’e baatii darbe ture buufata Galaana Gurraacha Yukireen irraa kan ka’e.
Midhaan kuni kara Sagantaa Nyaata Addunyaati (WFP )biyya Gaanfa Afrikaa waraanaafi hongeen rakkataa jirtu deeggaruuf kan dhufe dha.
Raashiyaan erga Yukreeniin weerartee geejibni miidhaanii gara Afrikaatti taasifame kuni kan jalqabaati.
Yeroo (WFP ) midhaan gargaarsaa gara Itoophiyaa galchaa jiru kanatti Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, ''oomishtummaa qamadii yoo jabeessineefi babal’isne nyaataan of danda’uurra darbinee naannoo keenyaaf qembee daabboo taana,’’ jechuun fuula Tiwiitar isaanii irratti barreessaniiru.
Hongee, Waraanaa fi walitti bu'iinsaan lammiileen ishee miiliyoona 20 ta'an deeggarsa midhaan nyaataa kan barbaadan Itoophiyaan omisha qamadiirratti milkaahina argachaa akka jirtu Baankiin Misoomaa Afrikaa ragaa baheefiira.
WFP deeggarsi nyaataa kuni namoota miiliyoona tokkoofi walakkaa ji’a tokkoof soora jedhe.
Qamadiin toonii 23,000 Yukreen irraa ergame baatii darbe ture biyya ollaa Jibuutii kan gahe.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa(WFP) harka walakkaa qamadii deeggarsaaf oolu kan bitu Yukireen irraati.
Dhaabbatichi addunyaa guutuutti namootni miiliyoona 345 ta'an biyyoota 82 keessatti hanqina midhaan nyaataaf saaxilamanii deeggarsa hatattamaa barbaaduu jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana Raashiyaafi Yukireeniin walqabatee midhaan biyya alaatti ergamu Yukireen jalaa danqamee ture.
Turkii fi UN kuusaan midhaanii Yuukireen akka hin rukutamneefi nageenyi dooniiwwanii eegamee midhaan fe’anii akka bahaniif Raashiyaa waliin walii galanii ture.
Midhaan amma dooniin UN Yukireen irraa feete deeggarsa WFP, dhaabbilee gargaarsaa US fi deeggartoota kaaniin bitame.
Itoophiyaa dabalatee biyyooti Baha Afrikaa hongee yeroo dheeraa ture keessa jiru.
Somaaliyaan goginsa yeroo dheeraaf kan saaxilamte yoo tahu, goginsi bara kanaa waggaa 40 keessatti isa guddadha jedhameera.
Midhaan amma deeggarsaan argame kun fedhii jiru waliin wal biratti yoo ilaalame baay’ee xiqqaadha.
Kana malees waraanni Kaaba Itoophiyaatti adeemsifamaa jiru namoota miiliyoona lamatti siqan deeggarsa nyaataa barbaadu.
Haa tahu malee waraanni akka haaraatti jalqabe deeggarsa nyaataa kana iddoo barbaadamutti geessuuf rakkkisa taasisuuu danda’a. Keesumaa warra Naannoo Tigraay lafa waraanni jiru.












