Itoophiyaan osoo qamadii alaa galchituu alatti erguu dandeessii?

Madda suuraa, Shimelis Abdisa/ Twitter
Ji’a darbe Keeniyaan qamadii Itoophiyaa irraa galchuu akka eegaltu beeksiftee turte. Keeniyaan kana kan beeksifte pirezidaantin biyyattii haaraa filataman Wiiliyaam Ruutoo daawwannaa isaanii jalqaba Itoophiyatti taasisuu isaanii hordofeeti.
Wiiliyaam Ruutoo yeroo MM Abiy waliin marii taasisaniin Keeniyaan qamadii Itoophiyaa irraa akka galchitu walii galtee irra gahuun isaanii ibsamee ture.
Gama biraan ammoo karaa Saganataan Nyaata Addunya (FAO) dhimmi qamadii Yukireen irraa Itoophiyaf bitamee dhufe ijoo dubbii ture.
Dhaabatichi qamadii kana namoota miliyoonaan lakkaa’aman kanneen waraanan miidhamaniif akka bite beeksise.
Yaadota wal-faallessan kana irraa ka’uun Itoophiyaan osoo deeggarsa kadhattuu akkamitti qamadii alatti ergiti dubbiin jedhu gaaffii kaasera.
Itoophiyaan lamiilee ishee sooruuf deeggarsa biyyoota biroo irraa barbaaddus biyyoota Afrikaa Saharaa gadi jiran keessaa biyya qamadii guddaa omishtudha.
Haata’u garuu qamadiin isheen omishtu fedhii lammiilee guutuu hin dandeenye. Fedhii kana guutuuf baasii guddaadhan qamadii biyya alaatii galchiti.
Seena kana jijiiruu bira darbee qamadii biyya alaatti erguudhaaf waggoota lamaan darbanii kaasee Itoophiyaan heddumminaan qamadii omishuu eegaltee jirti.
Waktii bonaa qamadii omishuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Godiina Shawaa Bahaa Aanaa Luumetti kanaan dura maasii isaanii irratti shunkurtiifi timaatima omishaa kan turan Obbo Ingidaa Birruu maasin qonna isaanii waktii bonaa qamadii omishuuf akka ta’u mootummaan gaafa itti himu yaaddoo keessa galanii turan.
“Tokkoffaa haradha; kanan dura jallisiin waktii bonaa qamadiin osoo omishamuu arginee hin beeknu. Sababni isaa qullubbii diimaa kiilon tokko birroo 40 yoo ta’u, qamadii kiilon tokko sanaa gadi,” jedhu.
Dhiibbaa ogeeyyin qonnaa taasisaniin qamadii akka omishan dubatu Obbo Ingidaan. Omisha waktii bonaa bara darbeetin hektaara jaha irraa qamadii kuntaala 320 argachuu BBCtti himan.
Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Itti Aanaa Itti Gaafatama kan ta’an Obbo Geetuu Gammachuu akka jedhanitti, biyyattii keessatti kanaan dura waktii bonaa qamadii omishuun waan hin baramneef yeroo yaalif eegalan shakkii qofa osoo hin taane mormiin isaan mudateera.
Waktii gannaa hektaara tokko irraa qamadii hanga kuntaala 32tti omishuun akka danda’amuu fi waktii bonaa ammoo hanga kuntaala 45tti omishuun akka danda’amu dubbatu Geetuun.
Godiina Shawaa Bahaa Aanaa Luumeetti Obbo Maammiree Masarat waktii bonaa qamadii omishuu erga eegalanii waggaa sadii ta’uu kan dubatan, omishni qamadii akka omisha shunkurtiifi timaatimaa fa’aa bishaan, humna namaafi baasii waan hin qabneef qamadii omishuu eegalan.
Kanaan dura maasii shunkurtiifi timaatima irra omishan irraa qamadii bona omishanii hektaara tokko irraa kuntaala 64 akka argatan dubbatu Obbo Maammireen.
Maasii qamadii irraa galchan ammoo omisha dur omishan itti fufuun wal jijjiiranii akka omishan dubbatu.
Qotee-bulaa Aanaa Luumee, Qooqaa kan ta’an Obbo Maammireen mootummaan xaa’oofi deeggarsa ogeeyyii qonnaa akka godhuuf dubbatu.
Obbo Ingidaa ammoo qamadii bonaa omishuuf maasii isaanii keessatti boolla bishaanii akka qotan dubbata
Naannoo Oromiyaa Godiina Shawaa Bahaa dabalatee bakkeewwan sululula qinxaamaa keessatti argaman keessatti gadi fageenya meetira 10 irratti bishaan bahuu akka danda’u qabatamaan akka argan himu Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Biiroo Qonna Oromiyaa ka ta’an Obbo Geetuun.
Kuni ammoo omisha qamadii gara fuulduraatti taasifamuuf abdii guddaa akka hore himu.
Omishtummaa omisha qamadii daran dabaluu fi simbirri omisha akka hin nyaannef qote-bulan kopha kophaan osoo hin taane kilaastariin omishanii deeggarsa ogeessa qonnaa akka argatan godhamuu himu.
Gama biraan ammoo waktii bonaa sangaadhan qotuun rakkisaa waan ta’uuf hojii tiraaktara qote bulaaf dhiyeessus akka hojjatame dubatu.
Komii qotee-bultootaa
Aanaa Luumee ganda Qooqatti waggoota kudhaniif hojii qonnaa irratti kan bobba’e Ingidaan bara darbee kaasee mootummaan qamadii omishuu qabdu jechuun akka isaan dirqisiisaa ture dubbata.
Qote-bulaan ofii isaatin baasii tiraaktaraa, kan boba’aa, kan xaa’oofi kanneen biroo ilaalee omisha kamtu yoom akka mijateef murteessuu akka qabu dubbata Ingidaan.
Aanga'oonni mootummaa ganda isaanii garuu “yeroo hunda maasii irratti qamadii arginu malee” jechuun akka rakkisu komata.
Inniifi namoonni biroo qamadii omishuuf fedha qabaatanis dirqiidhan karoora isaanitiin ala aangawoonni aanichaa “Maalif qamadii hin omishtan?” jechuu bira darbee shunkurtii dhaabanillee hanga buqqisiisuutti akka gahan dubbata.
Qote-bultoonni heddu motorri bishaanii aangawoota gandaatin jalaa yoo fudhatamu qotee-bultoonni 10 ammoo torbee lamaaf hidhamanii akka turan BBCtti hime Obbo Ingidaan.
Shunkurtii maasii isaanii irra erga dhaabanii ji’a lama yoo ta’u, erga shunkurticha kaasanii qamadii bona omishuuf waadaa galanis aanga'oonni gandaa fudhachuu waan didaniif Adaamaa deemun Bulchiinsa Godiinatti erga iyyatanii booda amma sodaachisuun angawoota aanaafi gandaa isaanirra gahu yeroof dhaabbachuu hima Obbo Ingidaaan.
Omishni kun hirkattummaa roobatiin ala itti fufuu danda’aa?
Itoophiyaatti waggoota 15 darbanitti omishni makanaayzii dachaadhan akka dabale ragaalen mootummaa ni agarsiisu.
Yeroo dhiyoo as ammoo mootummaan kilaastaraan omishuun qonna ammayyaa jajjabeessuu irraa kan ka’e bara 2023tti fedhii qamadii biyyattii omisha biyya keessan guutu fi biyya alaa irraa galchuu akka dhaabdu mootummaan ni ibsa.
Dr. Damis Caannee waggoota dheeradhaaf imaammata qonnaa Itoophiyaan akkamitti qonna ishee akka ammayyeessitu irrattis hojjataa kan turan yoo ta’u bara 2015 tti qorannoo dhiyeessaniin Itoophiyaan qamadii rooba irratti hundaa’uun omishuu dhiistee jallisiinis qotuu akka jalqabdu yaada dhiyeessanii turan.
Yeroo sana qamadii jallisiin omishuun waan baramaa akka hin turre dubbatu. “Bara darbe jallisiin qamadiin qotame lafa hektaara kuma 670 irra gahe,” jedhu.
MM Abiy Ahmad dhiyeenya parlaamatti yoo dubbatan qamadii kilaastariin waktii bonaa omishuun biyya alaa irraa galchuu dhaabuf hojjatamaa akka jiru dubbatanii turan.
Obbo Geetun garuu qamadii jallisiidhan bona omishuun haaraa ta’uu isaarraa kan ka’e waanti nama burjaajessu akka jiraatu ibse.
Amma garuu hubannoon uumamuu irraa kan ka’e lafti hektaarri miliyeena tokko qamadii bonaatin uwwifamuu fi qotee bulaan itti amanee ofiin qotaa akka jiru himan.
Itoophiyaan akkamitti qamadii gara alaatti erguu dandeessi?
Ragaalen akka agarsiisanitti Itoophiyaan itti fayyadama qamadii kan uwwistu dhibbeentaa 70 omisha biyya keessatiin yoo ta’u, harka 30 ammoo bittaa fi gargaarsan biyya alaa irraa galchiti.
Waraana biyyattii keessatti gaggeeffamuun naannoo Tigraay, Amaara fi Affaar keessatti namoonni miliyeena 9 ta’an deeggarsa akka barbaadan ragaan UN ni ibsa.
Haala kana keessa osoo jirtuu Itoophiyaan akkamitti qamadii gara alaatti ergiti kan jedhu ni ka’a.
Obbo Geetun, “Jalqaba bona qamadii omishuun ni danda’amaa? Kan jedhu ogeeyyinuu itti hin ammane ture” jedhu.
Dr. Damis Caannee, “…Nuti gaafa dubbannu qorannoodhan deeggarreeti. Jalqaba Itoophiyaan qamadii biyya alaatii bituu akka dhaabdu dubbanne. Yaanni kun jalqaba gaafa ministeerri muummee duraanii Meles lubbuun jiran dhiyaate” jedhu.
Yeroo sana qamadiin metiriktoonii kuma 600 biyya alaatii bitamaa akka ture yaadatu. Waggaa afur dura ammoo dandeettii omishuu biyyattiin qabdu fi maal ta’uu akka qabu qorannoo mootummaaf akka dhiyeessan dubbatu Dr. Damis.
Kilaastariin omishuu fi yaaddoo isaa
Omisha kilaastaraa irratti qorannoo kan gaggeessan Dr. Yoosef Gabra Hawaariyaat, “Qamadiidhan of dandeenyee akkuma jedhamu biyya alaatti erguu ni dandeenya. Garuu karaa ittiin hojjannu filachuun barbaachisaadha” jedhu.
Itoophiyaa keessatti kilaastaraan qamadii omishuun omishawwan biroo dhiisudhaan ta’uu akka hin qabne dubbatu.
“Maasii omishoonni biroo irratti omishamaa turan guutummaan bakka yoo buufaman omishni qamadii dabaluu danda’a...” jedhu Dr. Yoosef.
Qotee bultooni BBCn dubbise lamaan maasii qullubbii diima fi timaatima irratti omishaa turan amma qamadii qotaa jiru.
Akka Dr. Yoosef jedhanitti kana gochuun kaayyoo isaa baruu dhabuurraa akka ka’e himu. Omishni kilaastaraa fedhii qotee bulaa irratti kan hundaa’e fi waliigalteedhan ta’uu akka qabu himu.
“Callaa walii galaa nyaataf oolu yoo omishne, waanta barbaachisuuf akka dhaqqabu gochuuf adeemsa diriirsuu barbaachisa,” jedha. Omishti gosa tokko qofti kan omishamu yoo ta’e jijjiirama haala qilleensatiif kan saaxilamu ta’uu kan ibsan qorataan kun “naannoo tokkotti qamadii qofa omishuun sirrii miti” jedhu.
“Baaqelaa yookin calla biraa omishuun bara itti aanutti jijjiiruu barbaachisa,” jedhu.
Omisha qamadii bara kanaa irraa maaltu eegama?
Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa kan ta’an Obbo Geetun bara kana omisha gannaa fi bonaatin qamadii kuntaala miliyeena 100 galchuuf akka eegan dubbatu.
Omisha kana keessaa qamadii kuntaala miliyeena 38 kan ta’u omisha bonaatin akka argamu yoo himan omisha bara kanaatin qamadii kuntaala miliyeena 15 gabaa alaatif akka dhiyaatu akeekan.
Bara kana omisha waktii lamaanitiin lafti hektaara miliyeena 2.7 omisha qamadiitin kan uwwifameera jedhu.
Itoophiyaan waggaatti qamadii kuntaala miliyeena 97 kan ishee barbaachisu yoo ta’u Oromiyaa qofaatti waggaatti qamadii kuntaala miliyeena 100 omishuu danda’uun kaayyoo qamadii alatti erguu qabame milkeessuf agarsiistuu gaarii akka ta’e kaasu Obbo Geetun.












