Oromiyaatti omishni avokaadoo buna bakka bu'uuf jiraa?

Obbo Sisaay Marshaa aanaa Ada’aa ganda qonnaan-bulaa Dhankaakaa jiraatu. Isaaniifi avokaadoon erga haalaan walbaranii reefuu waggaa sadii ta’e.
“Avokaadoo kana tanaan dura waanumasaatuu baayyee wal hin beeknu. Bakkuma suuqiititti argina. Waanuma qumnagaraa gooneetis binnee hin beeknu. Ijoollumtilleen gabaa hoo deemte burtukaanafaa bitti malee avokaadoo hin bittu,” jedhan.
Waggaa sadiin dura yeroo mootummaan naannoo Oromiyaa duula omisha avokaadoo kana jalqabu Obbo Sisaay qonnaan-bultoota yaadicha simatanii omishatti galan keessaa tokko tahan.
Lafa Ada’aa Omishtummaa guddaa qabu kana akkamitti waan waggaatti nun qaqqabne dhaabnee qallaba maal nyaanna kan jedhu yaaddoo qonnaan bultoota hundaa akka tures yaadatu.
“Dhuguma amma avokaadoon kun ganzaba nuuf ta’uu ni dandahaa laata, midhaan facaasnu waggaatti nuuf qaqqaba. Inni kunimmoo silaa hin qaqqabu maal goona? kan jedhu shakkii qonnaan bulaa hundaa ture,” jedhan Obbo Sisaay. Yaanni furmaataa booda argatan garuu shakkii kana keessaa bahanii gara omishuutti akka seenaniif haala mijeessuufiis dubbatu.
“Ogeessonni akki jedhan avokaadoon kun hanga guddatee lafa dhuunfatutti isa jala omisha ittuma fuftu nuun jedhan. Ani amma lafa hektaara lama irran dhaabe. Waggaa sadan kana laficha avokaadoo qofaaf hin dhiisne.
Boqqoolloo, shunkurtiifi kaan jala isaatti omishaatuman jira,” jedhu Obbo Sisaay.
Obbo Geetuu Birruus qonnaan bulaa aanaa Ada’aa amma omisha avokaadooo kanarratti hojjechaa jiran.
Lafa hektaara tokko caalurratti omishni avokaadoo waggoota sadiif kunuunsaa turan amma firii naqatee omisha kennuurra gaheera.
Oyiruun Obbo Geetuu bishaan pirojektii jallisiitiin misoomsaa jiran kun jala isaa omisha Boqqoollootu akka gaariitti misee jira. Avokaadoon firii naqateefi omisha paappayaa gidduu gidduutti omishan waliin lafti isaanii aara galfii addaa kan namatti uumuudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaan daandii daldalaa karaa mootummaatiin isaanif mijatee jiruun maasii isaaniirraa yeroo jalqabaatiif avokaadoo gara gabaa alaatti erganii omisha jalqabaa fi doolaara jalqabaa argachuuf guyyaa lakkaa’uutti jiru.
Obbo Sisaayii fi Obbo Geetuun qonnaan bultoota yaadicha amananii omisha jalqaban keessaa tahanilleen kanneen yaadichatti hin amannee fi midhaan omishachuu nuuf wayya jedhan ollaa isaanii inuma jiru.
“Nuti silaa mootummaan waan gaarii yoo ta’e malee waan qonnaan bulaa miidhu hin kaaroorsu jennee jalqabuma amanne. Kaan warri hin fudhanne jiru.
Amma omishni keenya haala gaariirra waan jiruuf warri yaada jijjiirachaa jiranis jiru. Gaafa nuti alatti erginee waan gaarii argachuu jalqabne ammoo kaanis nu laalanii nijalqabu,” jedhan Obbo Sisaay.
Lafti naannoo isaanii kuni omisha avokaadootiif mijataa waan ta’eef qonnaan bultoota deeggarsa barbaadan mootummaan qarqaaree hundi keenyaa erga tokko osoo hojjennee waliin guddannee baayyee gammannas jedhan.
“Amma omisha baranaa kan jalqabaa kanarraa Avokaadoo kuntaala 140 akkan argadhu ogeessonni naaf tilmaamaniiru. Gara fuuladuraatti muka tokkorraayyuu kuntaala lama sadii ni arganna,” jedhu Obbo Geetuun.
Odeeffannoon Eejjansii Tiraansformeshinii Qonnaa Itoophiyaa irraa argame akka mul’isuutti, bara 2021tti Itoophiyaan Oromiyaa qofaa irraa avokaadoo toonii 18 gara Ispeen, UAE fi Sa’udiitti ergitee jirti.
Eejjansichi waggoota sadan darbanirraa kaasee naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayiifi Kibbaatti avokaadoo bal’inaan akka omishamuufi gabaa biyya alaatiif akka dhiyaatuuf deeggarsa garaa garaa taasisaa turuu marsariitii isaarratti ibseera.
Waggoota dhiheenyaa asi mootummaan Itoophiyaa omishaa avokaadoo dabaluufi qulqullinsaa fooyyeessuun gabaa alaatiif dhiyeessuuf hojjataa jira. Ministeerri Qonnaa Dhaabbata Misoomaa Israa’eel fi USID waliin ta’uun sanyiiwwan adda addaa qonnaan bultootaaf dhiyaasaa jira.
Sanyiiwwan kanneen keessaa baayyee barbaadamaadha kan jedhame Has Israa’eel irraa fichisiisuun qonnaan bultoota Itoophiyaatiin omishamaa jira.
Avokaadoon bunaan dorgomuufii?
MM Abiya Ahimad bara darbe wayita miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiif ibsaniitti, naanawa Shawaa kan xaafii oomishuun beekamutti, amma avokaadoo omishuun jalqabuu ibsuudhaan, avokaadoon waggaan booda akka bunaatti daldala alaatiin galii argamsiisuf dandeettii akka qabu dubbate ture.
Akka odeeffannoo Waldaa Omishitootaafi Ergitoota Hortikaalchaariitti, qonnaan bulaan tokko biqiltuuwwan bunaa 2,600 heektaara irra dhaabuun, omisha kuntaala 10-12 omishu danda’a.
Haata’u malee heektaara tokkorra biqiltuu avokaadoo 416 dhaabuun, omisha hanga kuntaala 20 argachu ni danda’ama.
Kana wal bira qabunis, Itoophiyaan galii biyya alaa buna heekitaara tokkoo irraa argattuu caalaa avokaadoon argachu ni dandeessi.
Haalli qiilleensaafi lafti Itoophiyaa kuduraaleefi muduraalee garaa garaa biqilchuuf mijataadha.
Odeeffannoon garaa garaa akka agarsiisaniitti Itoophiyaan biyyoota avokaadoo biqilchan kudhan keessaa jalqabaarratti argamti. Qonnaan bultoonni aanaa ada’aa kunneen amma avokaadoo dhaaban qofa kunuunsuutti hin jiran. Maasaa isaniirratti wiirtuu sanyii avokaadoo qopheessuunis sanyii filatamaa diqaalomsanii baayyisaa jiru. Naannoon Oromiyaa duula omisha avokaadoo kana yeroo jalqabu sanyii filatamaa biyya Israa’el irraa galchuuni kan jalqabsiise.

Sanyii filatamaan kuni amma wiirtuuma biqiltuu keessatti baayifamaa waan jiruuf biyyuma keessaa qonnaan bulaaf dhihaachaa jira jedhan Hogganaa itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mohaamad Saanii.
Duula Avokaadoo omishuu waggoota sadan darban keessatti hojjetameenis naannichati hanga ammaa lafa hektaara 6,129 ta’u irratti Avokaadoon dhaabameera.
Bara darbe naannichi Aanaa Lumee irraaa omisha jalqabaa gara biyya alaatti erguun akka jalqabames himu Obbo Mohaammad.
“Bara darbe hamma muraasa gabaa alaatiif ergine. Bara kanammoo omisha avokaadoo toonii kuma tokkotti siqu gabaa alaatiif ni ergina jennee qophaa’aa jirra. Waggoota kudhan dhufanitti Oromiyaan avokaaadoo toonii kuma 200 erguuf hojjetamaa jira,” jedhan.
Omisha avokaadoo qofaarraayis waaggoota kudhan dhufanitti Oromiyaan sharafa alaa doolaara miiliyoonaa 200 tahu argachuufis abdatameera jedhan Obbo Mohaammad.
Gama mootummaatiin ogeessotaa qonnaa qonnaan bultoota deeggaran ramaduun alatti sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf tolaan dhiheessaa jiraachuus himan.












