Diinagdee Itoophiyaa: Omisha qamadii waqtii bonaa Itoophiyaan eegalterratti dhimmoota beekuu qabdan

Qamadii oyiruurraa

Madda suuraa, Twitter/ShimelisAbdisa

Itoophiyaan fedhii qamadii guutachuu dadhabuusheetin waggoota 50 olif biyya alaatii galchaa turte.

Qamadii deeggarsaan kennamuuf dabalatee biyyattiin bara baraan qamadii kuntaala miiliyoona 15 hanga 20 biyyoota birootii galchiti.

Bittaa qamadii kanaafis waggaa waggaan doolaarri miliyoona 600 ol baasii akka ta'u ragaaleen ni mul'isu.

Gama biraatin waggoota muraasa darbanitti keessattuu magaalota gurguddoo keessatti hanqinni dhiyeessii daakuu qamadiifi dhimmi qaala'insa gatii daabboo yaaddoo jiraattotaa yeroo ta'u irra deddeebin mul'ateera.

Haata'u malee, Itoophiyaan waggoota lamaa hanga sadii keessatti fedhii qamadiishee omisha biyya keessaan guuttachuufi qamadii biyya alaatii galchitu gutummaan guututti dhaabuf karoorfatteerti.

"Biyyi tokko osoo haala mijaawaa qabduu waan nyaataaf oolu biyya alaatii galchuun qaanidha," jedhu hogganaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee.

"Kana keessaa bahuun barbaachisaa waan ta'eef labsii uummata, ogeessaafi hooggansa keenya sochoosuu danda'u 'labsii Adaamaa' - Adama Declaration labsine," jedhan.

"Kunneen firii malee baala qamadii arganii hin beekne qamadii akka omishan gochuu…"

Waqtii bonaatti qamadii jallisiin misoomsuuf waggoota sadeen darbanitti yaaliin taasifamaa turuu Ministeera Qonnaatti Daayrektara Jeneraalaa Ekisteenshinii Qonnaa kan ta'an Obbo Girmaamee Gaarumaa BBCtti himan.

Bara kanas akka biyyaatti marsaa lamaan lafa hektaara 300,000 irratti qamadii jallisiin omishuun qamadii kuntaala miiliyoona 7 hanga 10 ta'u argachuuf hojjetamaa jiraachuus dubbatan.

"Hanga ammaatti qonna marsaa duraatin naannolee akka Oromiyaa, Amaaraa, Somaaleefi Affaar keessatti lafti hektaara 145,000 sanyiidhaan uwwifameera," jedhan Obbo Girmaamen.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee gama isaaniitin: "bakka qamadiin kanaan dura hin turre gammoojjiiwwan Booranaa, Harargeefi Baalee keessatti qamadii omishuun akka danda'amu mirkaneeffanneerra," jedhan.

"Bishaan gahaa qabna. Biyyee qamadii magarsuu danda'u gahaa ta'e qabna. Haalli hoo'insa lafa keenyaas qilleensa mijaa'aa qamadii omishuu nu dandeessisu qabna.

Dabalataan immoo qonnaan bulaafi horsiise bulaa dammaqee hojii kana hojjetee galmaan gahuu danda'u qabna," jedhan Obbo Dhaabaan.

Haaluma kanaanis omishni qamadii jallisii waqtii Bonaa yeroo ammaatti godinaalee Oromiyaa hunda keessatti hojjetamaa akka jiru himan.

Qonna marsaa duraatiinis akka naannoo Oromiyaatti lafa hektaara 130,000 irratti qamadiin kan faca'e yemmuu ta'u, iddooowwan tokko tokkotti omishni gahee walitti qabamaa akka jiru Obbo Dhaabaa Dabalee himaniiru.

Miira qonnaan bultootaafi carraa hojii…

Qamadii oyiruurraa

Madda suuraa, Twitter/ShimelisAbdisa

Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti jiraataa aanaa Sabbataa Hawaas kan ta'an Obbo Kabbadaa Baahiruu, lafa hektaara shan irratti qamadii jallisiin facaasuu isaanii himan.

Qonna akkanaa kanaan dura yaalanii akka hin beekne kan himan qonnaan bulaan kun, haalli omishni isaanii irratti argamu daran abdachiisaa akka ta'e BBCti himaniiru.

Kana malees, deeggarsa ogeeyyii qonnaatin taasifamuf galateeffatu.

Qonnaan bultootaafi horsiise bultoota omisha qamadii waqtii bonaa kana irratti bobba'anif deeggarsa ogummaa taasisuufi galteewwan dhiyeessuun wayita omishni isaanii gahuttimmoo walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuuf Obbo Girmaamee himu.

Gama biraatin akka naannoo Oromiyaatti qonnaan bultootni, horsiise bultootni akkasumas qaamoleen biroo waliigala namootni 200,000 ta'an; kallattiin omisha qamadii jallisii irratti bobba'anii akka jiran hogganaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uummamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee himaniiru