Itoophiyaatti warshaan Zayitaa hanqina jiru walakkaan fura jedhame eebbifame

Fabeel Indaastiriyaal Koompileeksi

Madda suuraa, Birhane Garedew

Warshaan hanqina dhiyeessii zayita nyaataa Itoophiyaan qabdu hambisuu danda'a jedhamuun abdatamee har'a eebbifame.

Warshaan kun naannoo Amaaraa magaalaa Bureetti kan ijaarame yoo ta'u ijaarsa isaaf baasiin birrii biiliyoona 4.5 ta'u bahuu odeeffannneerra.

Eebba warshaa kanaarratti MM Abiy Ahimad, Pireezidantiin naannoo Amaaraa obbo Ageenyeew Teshaageriifi aanga'ootni mootummaa biroon argamaniiru.

Qabeenyummaan isaa kan Balaayneeh Kindee kan ta'e 'Faabeeel Indastiriyaal Koompileeksi', humna guutuun omisha yeroo eegalu guyyaatti Zayita liitira miiliyoona 1.5 gabaa Itoophiyaaf dhiyeessuu danda'a.

Hanga ammaattii fedhiin Zayita nyaataa guddoo ta'uurraa kan ka'e mootummaan sharafa alaan Zayita biyya alaarraa bitee galchaa jira.

Hoogganaa itti aannaa dhaabbata kanaa obbo Daamxee Simaachoo zatitni dhaabbatni isaanii omishu 45% fedhi gabaa biyya keessaa guutuu danda'aa jedhan.

Warshichi mishaan zayitaa irraa isa omishuun alatti Zayita Paalmiis gabaaf dhiyeessa.

Obbo Daamxeen akka jedhanitti galtee ziyata midhaan zayitaarraa hojjetamu hunda biyya keessaa walitti qabuuf karoorfamuu ibsaniiru. Ta'us garuu omisha zayitaa midhaan zayitaarraa guyyaatti liitira kuma 750 omishuuf dhaabbata dandeettii galtee fedhii kanaan gitu qabu biyya keessaa hin arganne jedhan.

Sababa kanaattis fuula durattu qonna midhaan zayitaa mataa isaa qabaachuuf qophaayaa akka jiru ibsan obbo Daamxeen.

Omisha Zayita Paalmiif garuu galtee kana jikita isaa biyya alaatii galchuun qulqulleessee akka omishu ibsameera. Warshaan kun humna guutuun yoo hojii eegalu namoota kuma sadii ta'aniif carraa hojii uumuu danda'a jechuun obbo Daamxeen BBC'tti himan.