Weerara awwaannisaa Itoophiyaa: ‘Haati warraakoo midhaan awwaannisni nu jalaa fixe agarraan gaggabde’

Obbo Hasan Ahimad maasaasaanii awwaanisni weerare dhiisanii haadha warraasaanii jajjabeessaa turan. “Hunda caalaa wanni guddaan haadha warraa kiyya baraaruudha,” jedhu.
Obbo Hasan Raayyaa Qobbootti qonnaan bulaa jabaa jedhamaniidha. Garuu akkuma isaaniifi qonnaan bultoota biroo Naannoo Amaaraa keessa jiraatanii weerara awwaannisaan miidhamaniiru.
Itti aanaan Biiroo Qonnaa naannichaa Obbo Tasfaahuun Mangistee weerarri awwaanisaa godinoota afur, aanota 18 akkasumas gandoota 136 keessatti mudateera jedhu.
Obbo Hasan mishingaa, xaafii, boqolloo fi isaan kaan facaafatu. Barana roobni gannaa haalaan waan roobeef qonnisaanii guutuu fi hawwataa ture.
Lafa cimdii 15 (heektaara 4’tti kan siiqu) mishingaa facaasanii bu’aasaa sassaabuuf ji’a tokko eegaa turan.
Lafa qonnaa kanarraas mishingaa kuntaalaa 80-100 irraa argachaa akka turan BBC’tti himaniiru.
Baranas midhaan haala gaariirra waan jiruuf isa baratamee olillee yoo hin taane omisha walfakkaataa akka argatan ni amanu.
Ilmi Obbo Hasan inni tokko asiin dura maatiidhaaf galii dabalataa argamsiisa jedhee biyya Arabaa hojii barbaacha deemee ture. Garuu maatii galiin hin gargaarre, innis hin deebine.
Innis achitti jalaa du'e jennaan “wayyoo ilma kiyya osoo erguunii baadhee” jechaa waggootaaf gaabbii fi gadda keessa turan.
Gaabbii san keessa bahuuf omisha gahaa omishaa ijoolleesaanii hafan fedhiisaanii guutaafii barsiisuu ture karoorrisaanii.
Kana galmaan gahuuf ammoo qabiinsi oomisha baranaa abdii itti horee ture.
Kanaan dabalataatti omisha argatan irraa gurguruun mana jireenyaa gaarii ijaaranii keessa jiraachuu barbaadu.
Kaayyoonsaanii hundi, yoo guddate lama yoo xiqqaate ammoo tokko dhugoomuuf turtii ji’a tokkoo qofatu isaan hafee ture.
Kaayyoon kun hundi garuu abdii ta’ee kan hafe hamma Fulbaana 6 bara 2013’tti ture.
Guyyaa kanatti taateen hin eegamne mudate; weerara awwaanisaa.
Abdiin irraa qabu ana qabatee bade…
Mishingaan abdatan awwaanisaan weerarame. Guyyoota muraasaaf hamma danda’an awwaannisa ari’uuf yaalan garuu hin milkoofne.
Midhaan waan meeeqaaf karoorfatan yeroo ammaa baduusaa yoo himan: “Kuntaalaa 100 mitii sanyiidhaafuu kiiloon (xaasaan) tokko irraa hin argamu.''
Midhaansaanii yeroo ammaa kanatti guutumatti tajaajilaan ala ta’eera.
Lafti qonnaa biraa Obbo Hasan qaban cimdiin saddeet ta'u jira. Isarrattimmoo boqolloo facaasaniiru.
Weerarri awwaannisaa mishingaasaanii jalaa balleesse na gahe hin jenne; maasaasaanii isa boqolloos miidheera.
Dhiheenya kana heelikooptaraan keemikaalli biifamus miidhaansaa garuu hin hir’anne.
Obbo Hasan Fulbaana jaharraa eegalee hojiin isaanii ijoo ijoolleesaanii waliin ta’uudhaan hoomaa awwaanisaa ari’uudha. Mishingaansaanii guutumatti waan miidhameef boqolloo hafte baraaruu ta’eera hojiinsaanii ammaa.
Dhiheenya kanatti ammoo haati warraasaanis isaan gargaaruuf gara maasaa qajeelaniiru.
Garuu, haati warraasaanii waan argan amanuu hin dandeenye. Midhaan dur waggaa waggaadhaan gootaraasaanii guutu ammatti duwwaatti hafeera.
“Haati warraa tiyya midhaan bade yoo argitu of wallaaltee kufte. Ijoollee tiyya maal nyaachisa jettee na jalaa yaaddofte. Manni keenya duwwaa taanaan maal taana? Jettee na jalaa of wallaalte.
''Kanaaf awwaanisa ittisuu dhiisee ishee jajjabeessaa oole. Isheen lubbuun baraaruuniyyuu gammachuu guddaa naa kenneera” jechuun haala haadha warraasaanii himu.
Ammatti midhaan maasaasaanii lammaffaarra jiru baraaruuf qabsoo guddaa keessa jiraatanis waan abdii irraa horatan miti.
Qonnaan bulaa biroo ammoo Yimaam Mahaammad jiraataa Raayyaa Qobbooti. Hoomaan awwaannisaa miidhaa dhaqqabsiisuu kan jalqabe maasaasaaniirratti.
''Midhaan kiyya hunda awwaanisni na jalaa balleesseera. Ammatti awwaanisa ittisaa kan jirru maasaa qonnaan bultoota biroo baraaruufi,” jedhu.
Ganda isaan keessa jiraatan Yaayyaa dabalatee gandoota aanichatti argama lama keessatti midhaan barana gahan guutumatti barbadaa’aniiru.
Aanaa Raayyaa Qobboo keessatti gandoonni 16 hoomaa awwaanisaatiin weeraramaniiru.
Namaa fi heelikooptaraan keemikaalli ji’a tokkoof biifamus awwaanisa guutumatti balleessuun hin danda’amne.
Naannoo Amaaraatti Kaaba Shawaa hamma Kaaba Wallootti hoomaa awwaanisaan miidhaman keessa aanaan Habruu isa tokko. Aanichatti gandoonni torba guutumaatti hoomaa awwaanisaan miidhamaniiru.
Qonnaan bulaan Alii Sayid ganda Xilfee keessatti jiraataadha. Maasaasaanii afur keessaa cimdiin 13 (heektaara 3) jalaa miidhameera.
Maasaa tokko baraaruusaanii kan dubbatan Obbo Aliin “midhaan hafe qallaba ji’a tokkoofillee kan ta’u miti”, qonni waggaa guutuu itti dhamaane nuuf mitii horii keenyaafuu akka hin hafnetti ta’ee barbadaa’eera” jedhu.
Obbo Tasfaahuun akka jedhanitti bakkeewwan weerarri hoomaa awwaanisaa mudatetti lafti heektaara kuma 328 weeraruusaa himuun, walakkaan lafaa keemikaalaa biifuu fi maloota biroon ittisuuf hojiilee hojjatamaa turanidha jedhaniiru.
Weerarri awwaannisaa kun lafa heektaara kuma 87 ol midhaanii fi nyaata bineensotaarratti miidhaa dhaqqabsiiseera kan jedhan Obbo Tasfaahuun, kana keessaa lafti heektaara 30,500 ol lafa qonna midhaanii ta’uusaa himaniiru.
Qonnaan bultoota miidhaman deeggaruuf gama komishiinii ittisa balaa fi wabii nyaataaniin hojii hojjatamaa jiraachuusaa BBC'tti dubbataniiru.















