Obbo Dhaabaa Dabalee: 'Oromiyaatti Harargee lamaaniin ala Shawaa Bahaattis awwaannisni mul'ateera'

Naannoo Oromiyaa keessatti weerarri awwaannisaa Godinoota Harargee lamaaniin ala Godina Shawaa Bahaattis mul'achuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee BBC'tti akka himanitti kan Shawaa Bahaatti mul'ate dhihoodha.
''Ammammoo guyyaa [Kibxata] irraa kaasee daangaa Naannoo Afaarin kan wal daangessu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee mul'ateera,'' jedhan.
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Gaanfa Afrikaa weerara awwaannisaan goolamaa jiru.
Akka biyyaatti naannolee kanneen akka Tigraay, Affaar, Amaaraa dabalatee awwaannisni balaa geessiseera. Weerarri kuni yeroo dhihootti irra deddeebbiin mudachaa jira.
Akka Ministeerri Qonnaa jedhutti ji'oota sadan darban heektaara 850,000 irratti sakatta'iinsa taasifameen hektaara 288,000 irratti awwaannisni qubateera.
Yeroo midhaan gahetti weerara awwaannisaa cime to'achuufis keemikaala biifuun ittifamaa akka jiru Ministeera Qonnaatti Daarektarri Misooma Midhaanii Obbo Isaayyaas Lammaa BBC'tti himaniiru.
Wanta magariisa ta'e hunda miidha kan jedhan Obbo Dhaabaan, Naannoo Oromiyaa Godina Harargee lamaanitti gosa midhaanii gara caalu miidhame akkanaan himu.
''Midhaan bisingaati baay'ee isaa kan inni miidhaa jiru,'' jedhan.
Maaltu hojjetamaa jira?
Weerara awwaannisaa to'achuf hojii baay'eedhaa kan hojjetamaa jiru kan jedhan Obbo Dhaabaan, kanaafis hirmaannaa hawaasaan dalagamaa akka jiru himu.
''Ummata hubachiisuudhaan mala aadaatiin aara aarsuudhaan, sagalee dhageessisuudhaan,'' jechuun haala amma hawaasni ofirraa ittisaa jiru ibsaniiru.
Inni lammataa meeshaalee adda addaatti fayyadamuun keemikaala biifuu akka ta'e ibsu.
Biifaan kemikaalaa kunis harkaan meeshaatin kan biifamu, konkolaataa gubbaa kaa'ani kan biifamu, xiyyaara akkasumas diroonii fayyadamuun kan dalagamaa jiru ta'u dubbatu.
Hanqinni meeshaalee akkasumas xiyyaaraa jiraachuu kan mirkaneessan qondaalli kuni, garuu mootummaan xiyyeeffannoon hojjetaa jira jechuun ibsu.
Rakkoon xiyyaaraa hiikkachaati jira jechuun ibsan.
''Helikooptarii ni qabna, xiyyaara xixiqqaa qoricha biifus qabna. Akkasumas dirooniidhaan yaaliin taasifamaa jira.
''Ministeera Qonnaa irraas, Biiroo Qonna Oromiyaa irraas dabalamee gara rakkoon kuni jirutti gadi bu'e jira,'' jechuun BBC'tti dubbatan.














