Weerara Awwaannisaa Itoophiyaa: Duula weerara awwaannisaa qolachuufi komii naannoo Tigraay

Madda suuraa, The Sydney Morning Herald
Itoophiyaatti weerarri hoomaa hawwaannisa gammoojjii erga mudatee waggaa caaleera. Hoomaan hawaannisaa kun qe'ee qonnaan bultoota hedduutti deega galcheera.
Hojii ittisa weerara hawaannisaaf itti gaafatamummaafi dirqama kan qabu Ministeerri Qonnaa biyyattii weeraricha qolachuuf ifaajaa turus naannolerraa garuu komiin dhagahamuu hin dhiifne.
Keessattuu mootummaa waliin qoccolloo siyaasaa keessa seenee kan jiru naannoon Tigraay, gama ittisa hoomaa hawaannisaatiin mootummaan federaalaa nu qoollifateera jechuun irra deddeebiin komii dhiyeessa.
Itoophiyaa keessatti naannoleen shaniifi bulchiinsi magaalaa tokko hoomaa hawaannisaan weeraramanii argamu.
Bara kana weerara hawaannisaa qolachuuf mootummaan hagam qophaa'eera kan jedhuufi komii naannoleerraa ka'u keessattuu kan naannoo Tigraay Ministeera Qonnaatti Daarektara Sab-quunnamtii kan ta'an Obbo Abarraa Lammaa gaafanneerra.
Hoomaan hawaannisaa eessaa Itoophiyaatti dhufe?
Itoophiyaa hoomaan hawaannisaa ALI Waxabajjii 2011 irraa kaasee mudate bara 2012 keessa waggaa guutuu kutaalee kibbaafi baha biyyattii weeraree ture jedhan Obbo Abarraan.
''Hoomaan hawaannisaa irra jireessaan gara Itoophiyaa kan seenu karaa lamaani: Karaa Somaaliilaandii fi Yaman. Inni karaa Somaaliilaandi ammallee seenaa jira. Inni Yaman irraa Jibuutii seenee achirraa karaa Affaar biyya seenus waggaa guutuu nu qoraa ba'e,'' jedhan.
Yeroo ammaas naannolee biyyattii shaniifi bulchiinsa magaalaa tokko keessa hoomaan hawaannisaa kun weeraree jiraachuu himan.
Isaanis Naannoo Somaalee, Affaar, Naannoo Oromiyaa(Godinaalee Harargee lamaan), Naannoo Tigraay fi Amaaraa, akkasumas gandoota baadiyyaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaati.
Weerarri hawaannisaa bara darbe mudatee hanga yoonaa miidhaa geessisaa ture baranas mudachuu danda'a jechuun mootummaan waan dursee qophaa'e qabaa jennee isa gaafanneef.
''Waan bara darbe mudateef baranas mudate yaada jedhu qabaachu baannus garuu of-eeggannoowwan dursaa dhaabbileen idil-addunyaa kanneen akka Dhaabbata Nyaataa Addunyaa(FAO) yeroo yeroon baasan hojiirra oolchuufi biyyoonni ollaa keenyaa kanneen akka Yaman, Jibuutii, Somaaliilaandi ooyiruu qonnaa hawaannisi irra buufatu waan hin qabneef, gara keenya dhufuu danda'a kan jedhuun qophaa'aa turre,'' jedhan Obbo Abarraan.
Maloota ittiin weerara hawaannisaa ofirraa qolatan keessaa tokko xiyyaaraan keemikaala itti biifuudha, kanaaf Itoophiyaan xiyyaara tajaajila kana kennu hangam qopheeffatteetti gaaffii jedhuufis akkas jedhan.
''Akka mootummaatti dhimma kana qofaaf jedhamee xiyyaarri bitamee qophaayee taa'u jiraachuu baatus garuu namoota dhuunfaa fi dhaabbilee adda addaarraa kireeffannee ittiin hojjenna.
Fakkeenyaaf dhaabbati nyaataa addunyaa(FAO) fi dhaabbati to'annoo weerara hawaannisaa baha Afriikaa bara darbe bifa kiraa fi ergisaan nu gargaaraa turan.'' jedhan.
Kanarraa kan hafe dirqama weerara hawaannisaaf jennee xiyyaara binnee kaa'uu qabna yaada jedhu hin qabnu.
Wanti guddaan abbaa qabeenyummaa xiyyaaraa osoo hin taane tajaajila barbaachisu kennuudha jedhan.
Deggersa naannoleef…
Weerarri hawaannisa gammoojjii biyyaa biyyatti, naannoo tokko gara naannoo biraatti hunda godaanee kan waliin ga'u waan ta'eef bakka tokkorratti qofa xiyyeeffatanii qolachuun hin danda'amu jedhan qondaalli kun.
Hojiin kun dirqama mootummaa federaalaa waan ta'eef Ministeerri Qonnaa meeshaa barbaachisoo naannoleef kennuun qarqaaraa jira.
Naannoleen hojii qindeessummaatiin kan hirmaatan yoo ta'ellee meeshaalee akka Xiyyaaraa, Keemikaalaa fi meeshaa keemiukaala biifu dhiyeessuun dirqama Ministeera Qonnaati jedhan.
Komii naannoo Tigraay
Naannolee weerara hawaannisaan miidhaman keessaa tokko kan taate Tigraay, gama kanaan mootummaan federaalaa nu qoollifateera komii jedhu dhageessisaa turte.
Meeshaaleen akka xiyyaaraa, keemikaalaa fi ogeeyyiin gara keenya dhufaa hin jiran jechuun komii mootummaa naannoo Tigraay irraa dhiyaatuuf Obbo Abarraan wayita deebii kennan.
''Biiroon qonnaa naannoo Tigraay waan itti fakkaate kaasuu danda'a. Nuti garuu giddu gala keenya Kobolchaa godhachuun konkolaataa fi xiyyaara dabalatee garas erguun hojjechaa jirra. Garuu hojjettoonni damee qonnaa Tigraay naannoo hanga aanaatti jiran wayita bilbilluuf qindoominaan hojjechuuf fedhii hin agarsiisan.
Fedhii dhabuusaaniirraan hanga yoonaatti osoo hin biifamanin hafe kan jedhan Obbo Abarraan, ammas jara quunnamaa jirra, yoo nu tumsanii qindoominaan hojjechuuf fedhii qabaatan ammayyuu biifuun ni danda'ama.
Garuu uummataaf yaadanii, dhimmi oomisha uummataa siyaasarraa bilisa ta'uu hubatanii osoo haala ittiin keemikaalli biifamuu danda'u mijeessanii dansa.
Aanga'oonni mootummaa damee qonnaa keessa jiran, keessattuu aanaaleerra kanneen jiran karaa miidiyaan osoo hin taane, kallattiidhaan nu faana quunnamtii uumanii haala mijeessuu danda'u jedhan.
Dirooniin dhalattoota Tigraay biyyoota alaa jiraniin bitame mootummaa federaalaatiin qabamee hanga yoonaa akka gadi hin dhiifamin biiroon qonnaa naannoo Tigraay ammallee komataa jira.
Kanarratti yaada kan kennan Obbo Abarraan, ''Akka dhaabbata qonnaa biyyattiitti nuti diroonii alaa galchinu qabna. Kanarraa kan hafe, dhaabbati biraa yookiin namni dhuunfaa diroonii bitee galchuu quba hin qabu'' jedhan.
Dirooniiwwan nuti galchine iddoo weerarri hawaannisaa jirutti hojiirra jiru kan jedhan Obbo Abarraan, ''Nuti naannoleedhaan adda qoodnee miti kan tajaajila kenninu.
''Oomisha qonnaan bulaa weerara hawaannisa gammoojjii jalaa baraaruudha kaayyoon keenya. Naannolee hundaaf baajata dhimma kanaaf oolu ramadneerra, fayyadamuu fi dhiisuun dhimma abbaati.'' jedhan.
Gama kaaniin, Eejansiin Nageenyaafi Networkii Odeeffanno ibsa kenneen dirooniin ulaagaa guutuun biyya seenee to'atame hin jiru jechuun ibseera.


















